Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Warri Lixaa xiyyaara waraanaa Yukireeniif kennaniyyuu balaliisuun qormaata ta'e
Michooti Lixaa Yukireen paayileetota Yukireen akkamiin xiyyaarota waraanaa US, F-16 balaliisuu akka danda'an shaakalchiisuurratti murteessuuf Beeljiyeem, Biraasalsitti walgahaniiru. Xiyyaarota waraanaa kana biyyootni kum, yoomiifi hangam akka gumaachan ammatti ifa miti.
Ajajaan humna qilleensaa Siwiidiin Meejar Janaraal Roolf Foolaand Yukireen xiyyaara waraanaa F-16 argachuun ishee qofti gahaa mitii jedhu. Yukireen xiyyaarota waraanaa warra Lixaa sirna waraanaa walxaxaa qaban akka ta'utti itti fayyadamuu danda'uuf yeroo ishee gaafata jedhan.
Qonaalli kun leenjiin balaliistota Yukireeniif samiiwwan Noorwaay, Fiinlaandiifi Swiidiin irratti kennamu, xiyyaarota waraanaa 150 kan hirmaachisu ta'a jedhan. Kun ammoo xiyyaarota humni qilleensaa Yukireen qaburra hedduu caala.
Kaayyoon leenjichaa samii to'achuudhaa jedhanii, kunis tooftaa waraanaa boodatti hafaa amma waraana Yikireen keessatti mul'atu jijjiiruuf akka oolu dubbatan.
Olaantummaa qilleensaa to'achuuf Yukireen humna bal'aa fi teeknoolojii walxaxaa sana deebitee hojiirra oolchuuf gahumsa hin qabduu jedhan Janaraal Foolaand. Xiyyaarota waraanaa ammayyaa F-16 mitii xiyyaarota ishee xixinnooyyuu hojiirra oolchuun Yukireeniif qormaata jedhan.
Paayilatiin biyya Beeljiyeem maqaan isaa akka hin dhahamne barbaadame xiyyaara waraanaa F-16 guutummaatti of amanee balaliisuuf waggoota sadii iti fudhate.
Paayiletiin kun gosa xiyyaaraa yeroo jalqabaaf bara 1970'oota keessa bocame balaliisa.
''Yeroo balali'u abjuu fakkaata. Garuu balaliisuun hojii isa salphaadha. Hojiin ulfaatu isa kaani.''
Wantootni xiyyaara waraanaa F-16 kana of gahanii balaliisuu rakkisaa taasisu raadaarii, seensaraa fi meeshaa waraanaa isaa to'achuudha. Yukireen kan ammaan tana xiyyaara caalaa paayiletoota hedduu qabdu, leenjicha ji'ootatti gabaabsuun xiyyaarota kana balaliisuuf gahumsa argachuuf abdatteetti.
Paaylitanii biyya Beeljiyeem kun fayidaa xiyyaarota kana Yukireeniif kennuu kan ibsu gahumsa xiyyaarri waraanaa kun missaayelotaa qilleensa irra taa'anii qilleensatti dhukaasuu, humna qilleensaa diinaa qilleensarratti barbadeessuufi samiirraa boombii darbachuun buufata diinaa reebuuf qabuuni.
Achii ammoo gaaffii ijoon xiyyaarota waraanaa kana adeemsa kana mara keessatti to'achuu danda'uudha jedha.
Ajajaan waraanaa Noorweey duraan gosa xiyyaara waraanaa F-16 balaliisaa ture Koloneel Maartiin Teeslii ''xiyyaara waraanaa kana kennitee, kunoo ittiin haleelaa jechuu hin dandeessu'' jedha.
Sooftiweeriiwwan, meeshaaleen waraanaafi meeshaaleen jijjiirraa hedduun jiru jedha. Garuu ammoo innis damee humna qilleensaa Yukireen ammayyeessuun akka barbaachisu ni amana.
''Yeroo tokko xiyyaarota waraanaa haaraa argatan malee, humna qilleensaa isaan ittisu qabaachuu hin danda'an.''
Yaadni biroon ka'aa jiru balaliistota F-16 xiyyaaruma waliin Yukireeniif arjoomuudha.
Royal United Services Institute irraa Jastiin Brook Yukireen F-16 balaliisuun itti fayyadamuuf gargaarsa koontiraaktaroota warra Lixaa barbaaddii jedhu. Rakkoon garuu biyya kamtu dhiibbaa namoota ishee dachii Yukireen keessa bobbaasuu fudhata kana jedhudha jedhu.
Yaaddoon biraa ogeessa kanaa ammoo Yukireen xiyyaarota waraanaa ammayyaa kana yoo argatte Raashiyaan ammoo buufatalee humna qilleensaa Yukireen adamsitee haleelti kan jedhu. Kunis sababoota US, xiyyaarota F-16 kana Yuireeniif kennuu irratti yeroo dheeraaf rincicaa kan turteef keessaa tokko jedhu.
Peentaagoon itti fayydamani xiyyaara waraanaa kun walxaxaa fi qaliidha jechuun akeekkachiiseera.
Ogeeyyiin kaan ammoo xiyyaara waraanaa ammayyaa kanaan qofa olaantummaan dirree waraanaa guutummaatti jijjiiramuu hin danda'uu jehdu.
Ogeessi duraanii xiyyaara F-16 lammii Neetherlaands kan ta'e leetanaant Koloneel Neils Van Hussen ''sirni meeshaa waraanaa tokko qofaa isaa waraana guddaa jijjiiruu hin danda'u'' jedha. Xiyyaarri waraanaa F-16 Yukireen waan amma gochaa jirtu gochuu akka itti fuftu qofa gargaaraa jedha.
Akka fakkeenyaattis Raashiyaa kan huna qilleensaa jabaa jedhamu qabduyyuu qilleensa to'achuu hin dandeene jedha. Humni ittisa qilleensaa lafa jiru saun akka hin taane qolaa jira.
Warra Lixaaf wanti dursa kennaniif humna ittisa qilleensaa jabaa Yukireeniif gumaachuudha. Humna qilleensaa ishee amayyeessuun hojii yeroo dheeraati.