Dureessi biiliyeenara ta’e dhaabbata isaa tola ooltummaaf kenne

Madda suuraa, CAMPBELL BREWER
Hundeessaa dhaabbata faashinii Patagooniyaa kan ta’e biiliyeenarri, dhaabbata isaa hojii tola ooltummaaf dabarsee kennuu ibse.
Yivoon Choowinaard akka jedhutti, dhaabbatichi amma abbaa qabeenyummaa haaraa kanaan, galiin dhaabaticha irraa argamee, deebisee dhaabaticha sochosuuf invest ta’urra kan hafu hundi hojii jijjirama qilleensaa to'achuuf hojjetamuuf kennama.
Kun sochii dhaabbatichaa irratti hundaa’uun waggaatti gara doolara miiliyoona 100 akka ta’u ibseera.
Dhaabbati Patagoniyaa uffata sochii manaa alaa adda addaa biyyooti 10 ol keessatti gurgura.
Dhabbati kun bara 1973tti kan hundeeffame yoo ta’u, bara kana gatiin isaa gara doolara biiliyoona 1.5’tti kan tilmaamu yoo ta’u, qabeenyi Obbo Yivoon ammoo doolara biiliyoona 1.2 akka ta’etti tilmaamama.
“Hagam yoo heddummaatellee qabeenyi addunyaa wanta hin dhumne miti, qabeenya kana hanga eegamuun ol fayyadamnee akka jirru ammoo ifadha,” jedha dureessi kun dhaabbata isaa maaliif akka kenne yoo ibsu.
“Uumama balleessuun qabeenyatti geeddaruurra, nuti qabeenya Patagoniyaa fayyadamuun uumama kana kunuunsina.”
Dhaabbati Kaaliforniyaa kun kana dura galii isaa wagga wagga irraa %1 rogeessota kunuunsa naannoof gumachaa kan ture yoo ta’u, hojii isaa irrattis eegumsa qabeenya uumama kan hubannoo keessa galche taasisee ture.
Xalayaa maamiltootaaf barreeseen garuu, dureessi kun kana caalaa gochuu akka fedhu ibseera.
Jalqabarratti dhabbata isaa Patagooniyaa gurguree, maallaqa isaa hojii tola ooltummaaf gumaachuu ykn dhaabbaticha uummataaf dhiyeessuu yaadee akka ture himeera.
Ta’us garuu filannoon lamaanuu to’annoo daldalaa akka fudhatu ibseera.
Bara darbe hogganaan Hut Group, dhaabbata meeshalee bareedinaa fi nyaata interneeta irraa ta’e, biiliyeenara ta’uu isaa booda paawondii miiliyoona 100 dhabbata tola ooltummaaf gumaacheera.
Maatiw Moolding akka jedhutti qabeenya isaa haaraa argateen “lakkoofa isaa bayyee ana ajaa’ibsiise” jechuun jijjiirama hanga tokko uumuuf yaale.
Hundeessaan Microsoft Biil Geets bara kana galmee dureesoota addunyaa keessaa ba’uuf waadaa seenuun, doolara biiliyona 20 hojii tola ooltummaaf gummacheera.












