Haqa waggoota 40f ture, amma murtii argate

Madda suuraa, AFP
Paarisitti erga waldaan amantootaa boombiin haleelamee lubbuu namoota hedduu miidhee waggoota 42 booda, manni murti piroofesera lammii Kanaadaa fi Libaanus haleelicha raawwateera jedhe irratti murti dabarse.
Abbootiin seeraa akka jedhanitti Hasan Diyaab amma ganna 69 tahan, dargaggeessicha yeroo sana boombii doqdoqqeetti hidhuun Bataskaana Kookernik keessatti bara 1980 dhoosedha jedhan.
Namootni afur ajjeefamuun namootni 38 ammoo haleellichaan madaa’anii ture.
Diyaab haala isaa kana ‘’Kafkaskuu’’ akka jedhe miidiyaaleen Kanaadaa gabaasaniiru. Kana jechuun hubachuufuu kan nama rakkisuu fi wal xaxaa tahe, dubbii jallinaati jechuudha.
Deeggartootni isaas murtee darbe ‘’haqa qabeessa miti’’ jechuun mormaniiru.
Abbootiin alangaa ‘’shakkii tokko malee nama haleellicha gaggeessedha’’ jedhan.
Dhaddacha irratti argamuu didus abbootiin seeraa hidhaa umurii guutuu itti murteessaniiru.
Haleellaan Ruuyi Kooperniik erga Waraana Adunyaa lammaffaan as haleellaa jalqabaa Faransaay keessatti warra Yihudootaarratti xiyeeffateedha.
Dabalataan wagga tokkoo booda haleellaa baha Gidduugaleessaa hedduuf hidhattootni gaggeessaniif ka’umsa taheera jedhame.
Qorannoon waggoota kurnaniif ture kun gama tokkoon wal xaxaa fi gama kaaniin ammo abbootiin alangaa dhimmichi dagatamee akka bira hin darbamne kutannoo qaban agarsiise.
Diyaab dhalataa Libaanus hidda dhalootaa Paalestaayin qabuu fi bara 1993 ammoo lammummaa Kanaadaa argateedha. Kanaadaa Otawaa keessatti soosholoojii barsiisa ture.
Jalqaba bara 1999 erga haleellichi dhaqabee gara waggoota 20 booda isa tahuu akka hin hafne maqaa dhahame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota saddeet booda Faransaay akka to’annoo jala oolu ajaja dabarsite. Hanga bara 2014tti Kanaadaan dabarsitee kennuu hin barbaanne ture.
Bara 2014 erga mootummaan Kanaadaa dabarsee harka Faransaayitti kennee booda, bara 2018 manni murti Farnsaay ragaan argame hin jiru jechuun galmicha cufee akka Kanaadaatti deebi’u eeyyameef.
Dhumarratti, manni murti galmee cufuu isaa irratti ol iyyanni fudhatamee Mana Murtii Olaanaan akka himatichi itti fufee ilaalamu murtaa’e.
Seenaa Farnsaay keessatti himata Shororkeessummaan wal qabatee waan akkasii yoo mudatu kan jalqabaati.
Sana booda himatichis itti fufee gaggeefamuun, qorannoon gaggeeffamaa ture.
Jalqabatti Diyaab himaticha mormuun ergasii gara Faransaayittis hin deebine. Murteen ammaa kun bakka inni hin jirretti irratti darbe.
Kana jechuun yeroo lammaffaaf ammas Kanaadaan dabarsitee akka kennitu Faransaay gaafachuu qabdi jechuudha.
Garuu milkaa’ina isaa irratti shakkiin jira.
Akka Tajaajilli Oduu Kanaadaa Jimaata darbe gabaasetti, Diyaab, ‘’dhugaan ni mo’ata abdii jedhu qabna,’’ jedhe.
Koreen Deeggartuu Hasan Diyaab Kanaadaa, MM Jastin Tiruudoo, lammaffaa dabarfamee akka hin kennamne ‘’jala muranii ibsuu qabu’’ jedhan.
Ibsa miidiyaaleef kennaniin Jastin Tiruudoo mootummaan isaanii ‘’maaltu kanatti fufee akka tahu of eeggannoon ilala, mootummaan Faransaay maal akka filatuu fi abbootiin seeraa Faransaay maal akka hojjetan ilaalla,’’ jedhan.
‘’Garuu lammiilee Kanaadaaf yeroo kamiyyuu jirra,mirga isaaniif ni dhaabannaaf,’’ jedhan,
Torbanoota sadiif manni murti ragaalee jiran qorataa turus ragaan faccisaa ammoo eenyummaa isaa dogogoraan hubatameen miidhameera jedhan.
Abbootiin seeraa qorannicha jalqaban tokkoon isaanii iyyuu amma lubbuun hin jiran.
Warri haleellicha irraa oolan ammoo nama kana arguu gaafatanii isa tahuu yaadachuuf waggoota 40 waan tureef yaadachuuf ni ulfaata jedhan.












