Loltoonni Kaanaadaa xiyyaara isaanii kufe keessaa attamiin lubbuun hafan?

Xiyyara waraanaa duummeessa keessa balalii'aa ture

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Caamsaa 1 bara 1943tti xiyyaarri garee irra jiraa lammiilee Kaanaadaa baatee ture Neezarlaandi keessatti kufe.

Waggoota 80n booda BBC taatee guyyaa sanaa miidhaa isaa bara dheeraa isin biraan gaha. Odeessi kun qaama pirojaktii "We Were There" jechuun maanguddoonni Biritish seenaa isaanii dhaloota egereetti himaniiti.

Jaaneeti Reelii guyyaa jalqabaa Caamsaa akka yaadannoo maatii ishee tokkootti yaadatti. Innis guyyaa lubbuun itti bade qabsoodhaan itti baraaramteedha.

Abbaan ishee ''Mac'' ykn Reeliin hiriyyaa isaa ''Buddy'' Maaklam'tti bilbiluun taatee bara 1943 keessa jireenyasaanii bara sanaafi egeree isaanii kallattii qabsiisee yaadachiisa.

''Dhaloota ulfoon'' Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti qooda fudhatan keessaa muraasni hafan waa'ee isaa ragaa bahu turan. Amma garuu waa'ee cimina, haarsaafi dararama bara sanaa, dhaloonni kaan akka baran gochuun itti gaafatamummaa dhaloota isaaniti.

Odeessi garee xiyyaara haleellaa bombii raawwatu Handley Page jedhamu kanaa, addattis waa'ee dargaggoonni tibba waraana Ruhr sanatti lammiin Kaanaadaa ta'an attamiin samiiwwan Awurooppaa irra akka balali'an kan himudha.

Xiyyaarri sunis xiyyaaroota 8,000 ol oppireeshinii haleellaa boombii garee tarkaanfiicha keessatti hirmaatan keessaa isa tokko.

Maatiin namoota dur'arraa hafanitis, ragaalee ofiisaaniifi maatiisaanii walitti qaban, akkasumas galmeewwan Godambaa Ajajaa Haleellaa Boombii Kaanaadaa irraa walitti qabuun irratti hundaa'un, BBC'n xiyyaarri loltoota kanaa attamiin akka itti kufte, diraamaa haala itti to'atamaniifi muraasni isaanii attamiin akka lubbuun itti hafan akkasiin qindeesseera.

Mac Reilley (left), Buddy MacCallum and his wife Rose MacCallum at the 40th anniversary POW reunion in Calgary, 1985

Madda suuraa, JANET REILLEY

Gareen balalii kanaa, ''Andii'' Haardii, Maaklam fi Reelii jalqaba Adooleessa 1942 waliin balalii'an. Birraa bara 1943tti ammoo, looltuun xiyyaaricha irra dhokaasu ''Red'' O'Neill, injinara waraanaa Keen Koolooppii fi loltuu Noorm Weelar isaanitti makaman. Garee kana keessaa lama qofaatu lammii Kaanaadaa hin turre.

Kan biraa ammoo Leetanaanti balaliichaa Herbarti Filiipsan Atikinsan, "Phil the Englishman" jedhamuun kan beekamu, ogeessa waayirlasii (wireless operator), kanneen Humna Qilleensaa Kaanaadaa keessatti akka paayilatoota carra qabeeyyiitti amanamaniidha.

Hangi badii garee humna qilleensaa isaanii keessatti mudates akka garee ''maanguddoo'' fi ''caroomaa'' olaanaatti fudhatama. Garee humna qilleensaa xiyyaara wal fakkaatu balaliisaa turan keessaa isaan %15 ta'an qofatu imala guutuu bara 1943 keessaa, isaan qofti lubbuun akka hafan, ragaan Godambaa Ajajaa Haleellaa Boombii Kaanaadaa ni mul'isa.

Alkan du'aa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ebla bara 1943 sa’aa 14:00 gubbaatti, miseensoota garee kan biraa shan waliin oppireeshinii isaanii ilaalchisuun ibsi sa’aatii lamaa kennameef. Essen akka qiyyeeffannaawwan Ruhr keessaa isa cimaatti isaaniif ibsame.

Magaalaan hojjattoota siibilaatiin jidduu gala taate Krupp, magaalattiin omisha meeshaa waraanaa loltoota Jarmaniif murteessitu turte.

Sababii urrii samii Ingilaand irra turen erga guyyaafatanii booda, alkan walakkaa ka’an. Sa’aatii sagaliin booda battalumatti, Atkinsan balballi boombii bakka ‘‘ho’i guddichi’’ jiru kanarratti akka saaqamaniif ajaja kenne.

Battalumattis, aburaa (navigator) isaanii kan ture Haardiin iyye. ‘‘Rukutameera’’ jedhe. Rasaasni farra xiyyaaraa miilasaa mirgaa jilbaan ol garmalee madeesse.

Maakalam lubbuusaa oolchuuf baayyee yaale. Jaakkeettii moombii isaatiin maruudhaan akka ho'a argatu gochuun akkasumas dhumarratti akka dhukkubbii dandamatuuf qoricha waraanuun kan danda’ameef hunda yaale.

Aburaan isaanii erga du’een booda, Atkinsan boombiiwwan akka gadhiisuun akka xiyyaara isaanii kallattii sirriidhaan oofuu danda’uuf akka isa gargaaru Reelii gaafate.

Maappiin of eeggannoon qophaa’ee dheeraaf Haardii dhiigasaatiin waan badeefuu sirriitti dubbifamuuf hin dandeenye. Kanaaf, Reeliin daandii gara ittiin Inglaandiitti debii’aniin karoora balaliinsaa fi abuura urjii irraa qopheesse.

Carraan isaanii dhumuu

Namni ta’e ‘‘Looltoota seenuu eegalaa!’’ jedhe sagalee olaanaadhaan akkuma sagaleen haleellaa qaama xiyyaaraa rukute dhagahameetti. ‘‘Bakki ati agartu hunduu ibidda ture,’’ jedha Weelar yoo yaadatu.

"Baqataanis irraan gadee bu’uudhaan deebi’ee ol bahe. Ibiddichi xiqqoo erga hir’ateen booda wayita nuti saffisa balaliinsaa dabaluutti deebiise baallee xiyyaarichaa irratti faca’e;; jedhan taatee sana yaadachuun Maakalam.

Murteen Atkinsan irraan gadee balali’uuf tures xiyyaaricha akka hin dhaabbannee fi hin marfannee dhaabuun, gareen isaa akka xiyyaaricha keessaa bu’aniif ajaja isaa akka hordofaniif carraa kennuu eegale.

Dursas Reeliifi O’Neill akka bahan taasifaman. Isaanis namoota balaa xiyyaaraa Onkololeessaa 1942 mudate irraa lubbuun kan hafaniidha.

Taateen sunis daangaa Kaanaadaa Gaara Hudemaa kan Biritish Kolombiyaa keessatti argamu keessatti argame. Kanaanis Reeliin paayilatii kabajamaa jedhameera. Eddoon kunis daangaa kana keessatti bakkeewwan 950 ol Waraana Addunyaa Lammaaffaa waliin maqaan ka’u keessaa tokkoodha.

Namni xiyyaaricha keessaa dhuma bahe Kaalooppii ture. Innis Atkinsan waliin akka gareen karaa nagaatiin xiyyaaricha keessa bahaniif duubatti hafanii ture. Haata’u malee ofiisaatiin lubbuun hafuu hin dandeenye.

Atkinson with his wife Stella. All of the crew knew her from being invited to their home by their "skipper", or pilot

Madda suuraa, MICHAEL ATKINSON

Haata’u malee miseensoonni garichaa jaha dirreewwaniifi mukeen naannoo Elsti kan Neezarlaandiitti argamu keessa lubbuun qubachu danda’anii ture. Garuu ammo akka hidhamtoota waraanaa (POWs)tti to’ataman.

Hidhaa keessatti lubbuun hafuu

Waggootaan boodas, Weelar erga dirree loonii keessa erga qubataniin booda attamiin xiyyaarrii gara biyyaa deemaa ture akka itti qilleensa keessatti yoo kufuu akka itti dhagahe yaadata. Innis miira ‘‘dhukkuubbii fi qofummaatiin’’ dhimma carraa isa eeggatuu yaadaa akka ture kaasu.

Battalumattis adda baafamuun gara kaampiiwwan daangaalee Naaziidhaan to’atamaniitti ergaman.

Haaluma kanaanis Kolooppii fi O'Neil gara Jarman Kaabaatti, Maakaalum ammo gara Lituniyaa to’atamteetti fi Reelii, Narsee fi Welara ammo gara Poolaaniitti ergaman.

Akka qondaalaatti, Reeliin gara Stalag Luft 3 imaluun, baqachuuf yaalii cimaa taasise. Kunis Filmii Hooliiwuud keessatti kan waa’eensaa ‘‘The Great Escape’’ jedhamuun hojjatameedha.

Filmiin sunis kan taattee yaaliiwwan yaa’aawwan sadi qotuudhaan attamiin hidhamtoonni keessaa kan nusa ta’an gara bosona dallaa mana hidhaatiin duuba jiru keessa akka galan agarsiisa.

Jireenya dhugaatiin ammo, karoorri ture qondaaltoota RAF 200 sanada sobaafi uffata siviilii kaampicha keessatti qophaa’aniin karaa Jarmaniin akka bahan gochuuf ture.

Qondaaltoonni 76 qofti karaa yaa’aa sanaan baqataniin bahu danda’an. Isaan keessaas sadi qofatu osoo hin qabamiin kan hafan. Humni poolisiinbulchiinsa Naazii- Gestapo’n haaloo bahuuf jecha 50 isaan ajjeesse.

Reelii kan sarara baqannaa irratti 86ffaa irra ture, yaa’aa qotuudhaan isaan gargaarulleen garuu gonkumaa ittiin bahu hin danda’iin hafe. Jalqabumaa, karoora baqananaa sanaaf akka mallatteessee hin hin barree ture. Innis kan liigii Kirikeetii sirreeffamtootaatti makamu se’e.

‘‘Cirracha yaa’aa keessaa ol baafamu gara itti facaafamu qabuutti dabarsuun gahee kiyya ture. Yeoo jilbi kiyya baayyee na dhukkubuutti ammo hanga tokko hojii eegumsaas raawwadheen ture,’ ’jechuun yaadatan Reeliin.

Reeliin kan jilbaafi sarbaa isaarri miidhaan irra qaqabee tures, wayita xiyyaara waraanaa Halifax keessaa bu'uutti lafa bosoonaa keessa qubate ture.

Rosemary and George MacCallum on their wedding day, 14 July 1945

Madda suuraa, THE MACCALLUM FAMILY

Miilli miidhaan irra qaqabee sunis wayita hidhamtoota kaan waliin haala ganna cimaa dhuma waraanichaatti, akka hiriiraniif wayita dirqameetti baayyee dhukkubsataa ture. Naaziinis haleellaa boombii dhumaa magaaloota gurguddoo irratti raawwatamaa tureef akka dahoo namaatti isaaniin akka ittisaatti fayyadamu barbaadee ture.

Isaaniis erga baatii afuriif kallattii malee kilomeetiroota kumaatama miilaa imaluun, beela, balaa hamaafi dadhabbii ykn ajjeechaa hamaa keessa darbuun lubbuun hafan.

Maakkaalam, jiraataan Nova Scotian, qorra ‘‘lafee keessatti namatti dhagahamu’’ akkasii gonkumaa mudatee akka hin beekne hima.

Innis gareedhuma isaatiin dogongoraan qilleensaan garee warra Jarmanii itti fakkaachuun haleelamu irraa xiqqoodhumaaf hafe.

Godaansi miilasaa kan kaalsii malee ittiin hiiriiraaf bahee tures bara jireenyaasaa isa waliin ture. Kolooppii fi O’Neil qofatu hiriiricha irraa hafee ture.

Erga balaan sun qaqabee waggaa lamaafi guyyaa tokkoon booda, Reeliin loltoota Kaashimiiriin dhiheenya Lubek, kan Kaaba Jarmanii irraa bilisa baafame. Innis erga waraanni eegalee qabee kiiloo giraama 25 hirise.

Maakalum ammo qarqara Laga Elbe’tti yoo gadhiifamu, Weelar ammo Munkiirraa bilisa bahe.

Jireenya waraanaan boodaa

Jarri Jahan lubbuun deebii’an hundi dargagoota Kaanaadaa tajaajiluuf bahan umuriin isaanii waggaa 20ta keessatti argamudha. Maakalum biyyatti deebii’unsaan Rozimarii fuudha jechuudha. Isaaniif waraanaa dura wal argan. Kanaafu yoo lubbuun deebii’ee dhufa jechuun, gaa’ila dhaabbatu jechuudha. Kanaafu Hagayya 14, 1945 gaa’ila dhaabbatan.

Yeroon kaadhimummaa saanii guutuunis wayita waraanaa sana keessaa xalayaa harkaan barreeffamuun wal argaa ture. ‘‘Xalayaan nama ta’ee Giraaftan fi Poolaand ykn Luthuniyaa jidduutti darba jechuun sammuunamaatiin oliidha,’’ jedha obboleessi isaanii angafaa Waayneen.

Isaanis hojii barbaadanii jireenya itti fufuu barbaadan. Kanaaf, Maakalum kan barnoota irraa kallatiin gara adda waraanaa deemee ture, ogummaa elektironiksiitiin leenjii’uun ofiisaafi maatiisaatiif mana ijaare.

Jalqaba gargaarsa abbaa buddeenaa isaatiin erga hojii argatee booda, Buudii fi Rooz magaala ishee kan taatee Giraaftan keessatta manasaanii ijaaran. Iseehnis dhiheenyuma Waayhee’tti achuma jiraataa turte.

Kolooppiin ammoo hojii oomisha qamadii lfa warraa kan qarqara Firobishar, ollaa namootti 150 keessa jiraataniitti deebii’e.

Namoonni lubbuudhaan waraanicha irraa deebii’anis, dhiiroonni 17,000 waraanicha keessatti hirmaatan carraa kana akka hin qabne hubachuun maatiisaanii durfatu.

During his RCAF service Red O'Neill (left) survived bailing out of three bombers, twice alongside Mac (right). After the war, he would go on to work for Canada's UN mission in New York

Madda suuraa, JANET REILLEY

Isaanis muxannoo isaaniitin miidhama qaamaa qofaa osoo hin taane miidhama miiraatis baataniiru.

Waayne abbaansaa bara jireenyaasaatti rakkoo cimaa baatee akka ture kan hubate erga inni bara 2021 keessa du’een booda ture. Bara jireenyaasaatti, abbaansaa ‘‘yeroo Mac waliin haasa’u malee waan keessa darbee iccitumaan qabate’’ ture jetti intalli Reelii, Jaaneet. Abbaan ishee wayita isheen mucaa waggaa sadii turte dhugaatii alkoolii akka dhaabe dubbatti. Sababiin isaa ammo, miidhaa balaa xiyyaaraa, hidhaa fi humnaan kan hiriiraaf baafame sanatu jireenya isaa keessatti dhiibbaa cimaa taasee ture.

Hanga rakkoon sammuu isaa bara 1950 keessaa humnaan ol ta‘utti yeroo lama kutaa wallaansa sammuu keessa ciisee ture.

''Yeroo tokko tokko alkan walakkaa yeroo irribni dhufuu diduutti garuu ammoo yaaddoowwan sitti dhufan, sana gochuun barbaachisaa ture jedheen yaada. Ta'us, eeyyeen rakkoon sun hundi na mudatulleen fedhiidhaan sana gochuu kootti baayyeen gammada,'' jedha Reeliin.

Har'a Jeenet Reelii hidhata maatiin ishee Wayeen Maakalam waliin waraana keessatti qabaachaa turan akka itti fufuu abdatti. Amma yaadannoowwan ''dhaloonni cimoon'' gummaachanii fi nagaaf jecha dhaban kunis waggaa 80 guuteera.