Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola korma sangaa Kolombiyaa irratti ijaajjiin jigee namootni 300 ol miidhaman
Jiddugaleessa Kolombiyaatti ijaajjiin namootni irra dhaabbatanii lola korma sangaa daawwatan jigee yoo xiqqaate, namootni 4 yoo du'an 300 ol ammoo madaa'an.
Viidiyoon dirooniin waraabame ijaajjiin abbaa darbii sadi istaadiyeemii El Espiinaal jedhamuu wayita jigu agarsiisa.
Namootni ijaajjiin kun ittiin jige lubbuu isaanii baraaruuf wayita fiigan kormi sangaa dirree keessa ari'aa ture.
Lola "corraleja" kanarratti hirmaattonni dirree seenanii korma sangaan ari'atamuun osoo hin waraanamiin jalaa miliquuf taphatu ture.
Kanneen balaa mudate kanaan du'an dubartoota lama, daa'ima tokkoo fi dhiira ga'eessa tokko ta'uu bulchaan naannoo balaan kun keessatti mudate himeera.
Ogeeyyiin fayyaa naannichaa namoonni 322 miidhaan irra gahe hospitaalota adda addaatti akka wal'aanaman himanii namoonni afur kutaa yaala dhimee hamaa keessa jiru jedhan.
Pireezidantiin Kolombiyaa bara aangoo isaanii fixatan Ivaan Dook ka'umsi balaa kanaa ni qoratama jedhanii dubbatan.
Pireezidantiin haarawa filataman aangoo fudhachuuf jiran Gustaavoo Peetiroo ammoo taateewwan akka kanaa hayyamamuu hin qaban jechuun dubbatan.
Wayita Kantiibaa magaalaa gudditti biyyattii Bogotaa turan lola korma sangaa namootni kumaatamaan irratti hirmaatan kan ugguran Aab Gustaavoon, guutummaa biyyattii keessatti taatee kana ugguruuf dhaadataniiru.
Kolombiyaa keessatti taate kanarratti namni yoo du'u kun kan jalqabaa miti. Baatii tokko dura lola korma sangaa magaalaa Repeloon jedhamtu keessatti godhamaa ture irratti namni tokko sangaan waraanamee du'ee ture.