Fiilmiin waa'ee intala Nabiyyuu Mohaammad agarsiifamaa ture mormiin mudannaan haqame

Maxxanfame

Dhaabanni fiilmii agarsiisu 'CineWorld' jedhamu agarsiisa fiilmii waa'ee intala Nabiyyii Mohaammad dubbatu UK keessatti akka hin agarsiifamne dhorke.

Kun kan ta'e erga manneen sinimaa muraasa fuulduratti mormiin ka'ee boodadha.

Dhaabbatichi murtee kana irra kan gahe nageenya hojjattootaafi maamiltoota isaa mirkaneessuf akka ta'e ibseera.

Fiilmin mata-dureen isaa 'The Lady of Heaven' jedhu cinimaawwan UK keessatti akka hin agarsiifamneef namoonni 20,000 ol ta'an mallattoo sassaabun mormaniiru.

Manni Maree Masjiidawwan Boostan fiilmichi "arrabsoo fi kan nama qoqqoodudha" jedhuun ibse.

Miseensi Mana Maree Gara Olii UK tokko ammoo murtichi, "aartii kan quucarsuufi mirga yaada ofii ibsachuu kan danquudha" jedhuun qeeqa.

Dursaa Mana Marichaa kan ta'an Asif Paateel, Imeelii 'CineWorld' tti barreessaniin akka jedhanitti, fiilmichi ilaalcha jibbiinsaa kan qabuu, duudhaa seenaa amantichaa kan jallise, akkasumas namoota seenaa Islaamaa keessatti iddoo guddaa qaban kabaja kan dhorkateedha.

Fuulli oduu Islaamaa '5Pillars' jedhamu tiwiitarii irratti suura namoota 200 ta'an osoo isaan damee Sinimaawoorlid Barmingihamitti argamu fuula duratti mormii dhageessisan agarsiisu jedhu gaafa Dilbataa gadi lakkisee ture.

Qopheessaa olaanan fiilmichaa Maalik Shiliibak gama isaatin, namoonni yaada isaanii ibsachuu nan fudhadha jedheera.

Garuu ammoo, "Sinimaawwan fiilmii namoonni ilaaluu barbaadan qopheessuf mirga akka qabu ija jabinaan falmuu qabu," jedha.

"Akka natti fakkaatutti sinimaawwan dhiibbadhaaf jilbeenfachaa jiru, waca kana dhaabufis murteewwan kanneen fudhataas jiru," jechuun Maalik 'the Guardian' tti hime.

Dubbi himaan Cinemaworld ammoo, "Aagarsiisa fiilmii 'The Lady of Heaven' jedhuun wal qabatee taatee dhiyeenya mudate irratti nageenya hojjattootaafi maamiltoota keenyaa mirkaneessuf jecha fiilmichi sinimaawwan guutummaa biyyaattii keessatti akka hin agarsiifamneef haqnee jirra," jechuun ibsan.