Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaadhaan kan mormamu gareen qorattoota sarbama mirga namoomaa yeroon hojiisaa dheereffame
Yeroon hojii Komishinii qorattoota sarbama mirga namoomaa Mootummoota Gamtoomanii kan mootummaan Itoophiyaa walaba miti jechun mormee waggaa tokkoon dheereffame.
Miseensonni Mana maree Komishinii Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Jimaata Onkolooleessa 7, 2022 murticha ilaalchisuun sagalee keenniin ture gareen qorattootaa hojiisaa akka itti fufuuf kan murtaa’e.
Itoophiyaa wayita komishiniin qorannoo kun itti hundeeffamuu kaastee mormiishee dhageessisaa kan turte yo ta’u, gareen miseensoota sadii qabu kunis gabaasni qorannoo waraanaa Itoophiyaatiin wal qabatee gaggeessee kan jalqabaasaa erga dhiyeesseen boodas mootummaa Itoophiyaa mormii isaa dhageessiseera.
Komishiniin qorannoo sarbama mirga namoommaa kun hojiisaa akka itti fufuuf yaadni murtee kan dhiyaate Gamtaa Afriikaa bakka bu’udhaan karaa Riipablika Cheekitiin yoo ta’u, sagaleen kennamees garaa garummaa sagalee muraasaatiin fudhatama argate.
Miseensoota Mana Maree Mootummoota Gamtomanii 47 keessaa akka gareen qorattootaa kun hojiisaa itti fufuuf kan deegaran 21 yoo ta’an, 19 ammoo mormanii ture.
Biyyoonni Afriikaa miseensa mana marichaa ta’an hunduu murtichi ni morman.
Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa MM Abiy Ahimad kan ta’an Ambaasaadar Reediwaan Hussee murte ekana ilaalchisuun karaa tiwiitaraatiin akka barreessaniitti, ‘‘oggeessoonni’’ komishinichaa ‘‘gahee siyaasaa qabu’’ hojiisaa akka itti fufuuf biyyi afriikaa kamu deeggarsa hin taasifne jechuun garicha qeeqaniiru.
Mootummaan Ameerikaa gamasaatiin ibsa dhimma kanarratti Onkolooleessa 8, 2022 baaseen, yeroo hojii komishiinii qorannoo sarbama mirga namoomaa haarofamu akka simatu ibseera.
Itti dabalunis, ‘‘Itoophiyaa keessatti yaaliiwwan ittigaafatamummaaa akka jirtu taasifamu keessatti oggeessoota qorannoo komishinii mirga namoommaa akka mala barbaachisaatti ilala,’’ jedheera ibsichi.
Ammas Mootummaan itoophiyaa akka garee qorattootaa kun akka itti gaafatamummaa saanii haala wallaba, milkaa’aa fi iftoomina qabuu bahatuuf dhorkaa malee karaan akka kennuuf gaafachu itti fufna jedheera.
Gareen oggeessootaa sarbamawwan waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti raawwataman akka qoratuuf bara darbe hundeeffame ture. Qorannoo garichaa kan isaan dura Komishinii Mirga Namoomaa UN fi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waliin gaggeeffameen kan wal faalleessuu fi kan walirra ooluudha jechuun mormii dhageessiisaa turuun ni yaadatama.
Garichis bu’aa qorannoosaa jalqabaa Fulbaana 20, 2022 baaseen, waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen sarbamni irga namoomaa olaanaan raawwatamu raga argachuu beeksiiseera.
Komishiniin qorattootaa miseensoota sadi qabu kunis, sarbamiwwan raawwataman ‘‘yakka waraa’’ fi ‘‘yakkawwan namoomaa irratti raawwatamaniidha’’ jedhamu kan danda’an ta’udhaaf raga amansiisaa argachu gabaasicha keessatti kaaseera.
Garichi qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan hundu sarbama mirga namoomaa raawwachusaanii kan kaasee yoo ta’u, raayyaan Ittisa Itoophiyaa namoota hedduu ajjeesuu kan agarsiisan ragaalee amasiisoo ta’an argachu ibseera.
Mootummaan itoophiyaa garuu ‘‘kan hin guutamne, walitti hidhata kan hinqabne fi kan ragaan hin deegaramne’’ jechuun biyyattii fakkeenya gaarii hin taaneen dhiyeessuurratti kan xiyyeeffate ta’u eeruun gabaasicha akka hin fudhanne beeksiiseera.
Itti dabalunis, gabaasichi ‘‘kan hariitiin qophaa’e, sadarkaansaa gadaanaa’’ ta’u ibsuun, komii itti dhagahame kan kaasee Mootummaan Itoophiyaa, komishiniin qorataa kunis ajandaa isaa galmaan gahuuf karaa filateen hojiisaa raawwateera jechuun himate.
Gabaasa garichaan dhiyaateerratti qeequmsa cimaa kan dhiyeesse mootummaan Itoophiyaa bu’aan qoranichaa ‘‘ibsa siyaasaa maqaa gabaasa qoranootiin dhiyaateedha’’ jedheeniira.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa kan baatii Sadaasa 4tti waggaan lama guutuuf jiru kanaan sarbamni mirga namoommaa olaanaa fi ajjeechaawwan qaamoolee waraanicha keessatti hirmaataniin raawwatamu qaamoolee mirga namoomaaf falmaniin ibsamaa turuunsaa ni yaadatama.
Kana ilaalchisunis Mootummooya Gamtoomani fi Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa bara darbe gabaasa baasanii ture.