Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayyaana Masqalaa: Kabaja daamaraa Finfinnee fi Adaamaa suuraadhaan
Ayyaanni Damaraafi Masqalaa kutaalee Oromiyaa adda addaatti sirnoota ittiin kabajamu garagaraa qaba.
Bara baraa ALI Fulbaana 16 namoonni haaluma aadaa fi dudhaan naannoo isaaniitti walitti dhufuun jala-bultii ayyaana Gubaa ykn Masqalaafi Irreecha Birraa kabajama.
Kunis daamaaraa ibsuudhaan ganna dukkana keessaa gara ifa birraatti bahuutti waaqa galateeffatu.
Kanneen amantaadhaa walitti qabanii kabajanis akkasumas daamaaraa qabsiisanii faaruufi illilleedhaan kabaju.
Nutis sirna kabaja daamaaraa bara kanaa kan Finfinneefi Adaamaatti gaggeeffameerraa suuraa akkasiin qixeessineerra.