Roonaaldoon hireesaa murteessuuf gara Maan Yuunaayitid deebi'e

Maxxanfame

Kiiristaanoo Roonaaldoon leenjisaa haaraa kilabichaa Erik Ten Haag waliin dubbachuuf gara Maanchister Yuunaayitiditti deebi'eera.

Taphataan lammii Poorchugaal kun kilabni isaa Yuunaayitid bara kana akka isa gadhiisu barbaada.

Roonaaldoon amma ganna 37 yoo tahu tapha michummaa ganna kanaa irratti hin hirmaatiin hafe.

Roonaaldoon yeroo qophii ganna kanaa irraa hafuun isaa dhimma dhuunfaafi jedhame. Garuu kilabichaa bahuun kaayyoo isaa jalqabaa akka tahe himama.

Hanga ammaatti garee isaa waliin shaakala hojjechuu hin eegalle. Teen Haag Roonaaldoon taphataa ''gurgurtaaf oolu miti'' jedhe.

Roonaaldoon turtii waggoota Riyaal Maadiridiifi Juvantas booda bara darbe gara kilaba isaa duraanii Maanchisteritti deebi'e.

Daawwannaa Taayilaandii fi Awustiraaliyaa dursee Erik Teen Haag Roonaaldoo waliin 'dubbanneerra jedhan.

''Marii gaarii gaggeesineerra. Innis anaafi Roonaaldoo gidduutti waan beekamudha. Waanan isiniif mirkaneessu tokko marii gaarii akka waliin taasifne qofaadha.''

Roonaaldoon shaakala irraa hafuun waajjira ol aanaa garee biyyaalessaa Poorchugaal keessatti shaakala hojjechaa ture.

Bara darbe Roonaaldoon taphataa kilaba isaaf galchii hedduu lakkoofsise tahe. Akka Piriimer Liigiitti ammoo sadarkaa sadaffaan xumure.

Maanchister garuu sadarkaa jahaffaan waan xumureef bara kana Shaampyiinsi Liigii keessatti hin hirmaatu.

Roonaaldoon turtii waggaa tokkoo Yuunaayitid waliin ammas kan qabu yoo tahu, hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiif jecha kilaba isaa kana gadhiisuu akka barbaadu himame.

Taphataan badhaasa Ballon dOr si'a shan injifate Roonaaldoon dorgommii Awurooppaa Liigii aka waan guddaatti ilaaluun taphachuu hin feene.

Kilabootni akka Chelsii, Bayerni Munik fi Atileetiikoo Maadirid taphataa kana fudhatu jedhamee eegamus akka hin barbaanne bsaniiru.

Miindaan Roonaaldoo danqaa guddaa tokko tahus akka xiqqeessuu barbaadu bakka bu'aan isaa Jorge Mendes ibsee ture.

Roonaaldoon bara kana Maan Yuunaayitid keessa tura jedhamee eegama.