Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kirkirri lafaa Xaaliyaanitti mudate biyyoota baayyeetti dhagahame
Kirkirri lafaa magaalaa Xaaliyaan Rimiiniitti uumameefi rektar iskeeliin 5.5 tahu giddugala Xaaliyaaniifi biyyoota Baalkaan birootti dhagahameera.
Naannolee qarqara Adriyaatiik keessatti manneen baayyee sakandoota muraasaaf kan kirkirse yoo tahu, miidhamni muraasni akka jiru himamus namni du’e ykn madaa’e garuu hin jiru jedhameera.
Gidduugala magaalaa Maarsheetti manneen barnootaa kan cufaman yoo tahu, baaburris tajaajila akka hin kennine dhorkameera.
Qondaaloti Xaaliyaan akka jedhanitti kirkirri lafaa kuni gadi-fageenya km8 tahu qaqqabeera.
Roomaa gara lixaa, Kaaba-baha Bolonyaa akkasumas Salooveeniyaa, Kirooshiyaa, Boosniyaafi Herzgooviinaatti kirkirri kuni dhagahameera.
Kirkirri lafaa kuni ganama sa’atii 1:07 kan mudate yoo tahu ergasii kirkirri xixiqqoo baayyee dhagahameera.
Giddugala magaalaa Ankoonaatti xuubiin keenyan yeroo jijjiguufi jiraattoonni naasuudhaan gara daandiitti yoo fiigan mul’ateera.
Haa tahu malee gareen hojjetoonni yeroo balaa waamichi lubbuu baraaruu tokkollee ni hin qaqqabne jedhan.
Gidduugalli Xaaliyaanii iddoowwan kirkirri lafaa Awurooppaa keessaa baay’inaan itti mudatu dha.
Bara 2016tti kirkirri lafaa reektar iskeelii 6.2 tahuun namoonni 299 tahan lubbuu dhabaniiru.