Kaabinooti Tiraamp file haleellaa boombiidhaan doorsifamuu himan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Tiraamp kaabinee isaa Waayit Haawusitti akka makaman namoonni filate haleellaa boombiidhaan doorsifamaa jiraachuu himan.

Biiroon Tikaa Federaalaa Ameerikaa FBI ''doorsisni halellaa boombii'' baayyee akka jiru akka beekuufi qoosaaf mana jaraatti bilbiluun doorsisuun akka poolisiin birmatu gochuunis jira jedhe.

Namoota Tiraamp ministeera Ittisaa, Tajaajila Manaa, Qonnaa akkasumas nama ambaasaaddara UN akka taatu filatan dabalatee doorsisni irra gaheera.

Poolisiin taatee gaafa Kibxataa fi Roobii mudate qorachaa akka jiru himeera.

Garee ce'umsa aangoo Tiraamp keessatti dubbii himtuu kan taate Kaaroolaayiin Leeviit ''filamtoonni Tiraamp doorsisa hamaa, amala Ameerikaa hin taanetu isaaniif maatii isaanii irra gahaa jira,'' jette.

''Nageenya filamtoota kanaa eeguuf jecha seera kabachiiftonni dafanii tarkaanfii fudhatan,'' jette.

''Akkuma Pireezidant Tiraamp fakkeenya nuu tahanitti gochaan doorsisaafi haleellaa nu hin dhaabu,'' jette.

Kaarolaayinis tahe FBI namoota irratti qiyyaafatame maqaadhaan hin dhoofne.

Dubartiin Tiraamp ambaasaaddara UN akka taatu filatan Eliis Isteefaaniik maatiinshee fi isheen haleellaa boombiidhaan doorsifamuu himate.

Ministira Ittisaaf Tiraamp kan filatan Piit Heegseez akkasuma irratti qiyyaafamtuu dubbateera.

Ergaa X irratti barreesseen gaafa Roobii poolisiin manasaa dhufee ''doorsisni haleellaa boombii'' akka isa qaqqabe itti himuu dubbate.

''Ani hin sodaadhu. Tasumaa,'' jechuun dubbate. ''Pireezidant Tiraamp akkan tajaajilu na waameera- isan raawwadha.'' jedhe.

Yeroo duula filannoo yaaliin ajjeechaa kan irratti raawwatame Tiraamp warreen miilana doorsisni isaan qaqqabe keessaa miti jechuun humnooti nageenyaa BBCtti himan.

Ejansii Eegumsa Naannoo akka hogganuuf kan filatame Lii Zeeldiin doorsisni wal-fakkaataa akka isa qaqqabeefi ergaan ''warra Filisxeem deeggaru'' itti ergamus dubbateera.

''Yeroos anaaf maatiin koo mana hin turre,nagaa keenyadhas,'' jedheera warreen nagaa kabachiisan tarkaanfii fudhataniifis galateeffateeera.

Biruuk Rooliins akkasuma nama Waajira Qonnaaf filatamte yoo taatu, doorsisa irra gahe poolisiin Teeksaas dafee qorannootti galuu himte, ''hin miidhamne dafnees manatti deebine,'' jette.

Poolisiin Niiw Yoork miidiyaa michuu BBC CBS'tti akka himetti namni Tiraamp ministeera daldalaatti filate Haawaard Luutniikis doorsifameera.

Hoggantuu Waayit Haawus akka taatu dubartiin filamte Suuzii Waayilisillee akkasuma doorsisni irra gahuu poolisiin himeera.

Hogganaa CIA akka tahuuf kan filatame Joon Raatkiliif akkasuma doorsifameera jedhan.

Qoosaa fayyadamuun ergaa doorsisaa dabarsuun abbootii seeraafi abbootii alangaa dhimma mana murtii Tiraamp hordofan irrattis gaheera.

Waggaa darbe namooti siyaasaa Ameerikaa baayyeen isaanii Rippaabiliikaana yeroo tahan doorsisni irra gahaa ture.