Yukireen daangaa Raashiyaa heektaara kuma 100 tahu qabatte

Madda suuraa, Reuters
Komaandarri olaanaa Yukireen waraana waggaa lamaafi walakkaa qabateen humnooti Kiiv daangaa Raashiyaa iskuweer kiloomeetira 1,000 dhiibuun haleellaa isa guddaa jedhan raawwachuu himan.
Komaandar Oleekisaandar Siiriskii Yukireen naannoo Kuriskitti guyyaa torba boodas haleellaa itti fufteetti jedhan.
Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii Raashiyaan waraana ofiin fidde amma deebi'ee itti dhufaa jira jedhan.
Haa tahu malee hogganaan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haleellaa raawwate, ''dubbii barbaacha guddaa dha,'' jechuun booda humnooti Raashiyaa ''diina daangaa isaanii keessaa akka baasan,'' ajajan.
Lixa Raashiyaa keessa namoonni jiraatan nageenya isaaniif jecha achii kan baafaman yoo tahu, namoonni dabalataa 59,000 tahan immoo akka bahan itti himameera.
Akka bulchaan naannoo jedhanitti gandooti 28 naannichaa humnoota Yukireen jalatti kan kufan yoo tahu, namoonni nagaa 12 ajjeefamuun ''haalli naannichaa rakkisaa taheera.''
Kibxata darbe ture loltoonni Yukireen haleellaa tasaa daangaa Raashiyaa km30 qaxxaamure kan banan.
Akka xiinxaltoonni jedhanitti haleellaan amma Yukireeniif haamilee guddaa kenne balaas itti fiduu mala jedhan.
Maddi waraana Biriitish maqaan akka hin eeramne gaafatan haleellaan tasaa Yukireen raawwataa jirtu kuni Raashiyaan dheekkamsaan haleellaa dachaa gochuun bu'uuraalee misoomaafi namoota nagaa akka haleeltu gochuu mala jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tamsaasa Wiixata kara TV'n darbeen Pireezidant Puutiin, ''kaayyoon diinaa jeequmsa uumuu, uummata doorsisuufi tokkummaa uummata Raashiyaa diiguu dha,'' jedhan.
Bulchaan naannoo Yukireniin qabamtee, namoonni nagaa 121,000 akka gadhiisan taasifameera. Ammallee lammiileen Yukireen 2,000 tahan naannoo Yukireeniin qabamte keessa jiru jedhan.
''Carraan isaanii maali akka tahu hin beeknu, '' jedhan.
Qondaaloti Yukireen loltoota kumaatamaan bobbaasuu himuun isa Raashiyaan haleellaa ''dubbii barbaachaati'' jette busheessaniiru.
Akka AFP'n gabaasetti kaayyoon haleellaa Yukireen ''haala Raashiyaa keessaa jiru jeequufi humnoota ishee laaffisuu dha.''
Nato keessatti ambaasaaddarri duraanii Ameerikaa Kuurt Voolkar haleellaan Yukireen raawwataa jirtu Puutiniin gatii siyaasaa baasisuu danda'a jedhan.
Yukireen haleellaa kana akka raawwattuuf sababa kan tahe, ''akkatti pireezidant Putiin waraana kana raawwachaa ture dha,'' jedhan.
Dubbi himtuun Hajaa Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakihaaroova humnoota Raashiyaa irraa deebiin cimaa kennuun ''yeroo dheeraa hin fudhatu,'' jette.
Michuun Raashiyaa Belaaruus Yukireen daangaa qilleensaashee galteetti jechuun booda lakkoofsa loltootaa jabeessaa jirti.
Ejansiin Annisa Atoomiikii gaafa Wiixataa gabbisa niwukileeraa Zaapoorizhazhiyaa Yukireen keessa jiru ibiddi qabachuun booda sakatta'insa taasisus sababasaa hin barre.
Zeleniskiin Raashiyaatu beekaa ibiddda jalqabee Yukireeniin maqaa balleessuufi jedhanillee bulchaan naannoo garuu haleellaa Yukireenitu ibidda itti qabsiise jedhan.












