Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Abbaa warraa koo daqiiqaa 50'f arguuf imala sa'aatii 50'n deema'
Suuraan kun fiilmii Waraana Addunyaa Lammaffaa nama yaadachiisa: dubartii kophee olka'aa uffatte, loltuun uffata waraanaa uffate yeroo hammattee dhungatu.
Kunis Baha Yukireen keessatti, keesumaa yeroo waraanni Yukireeni fi Raashiyaa gidduutti hammaataa jiru kanatti waanuma baramedha.
Weerarri Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessaa jirtu waggaa sadaffaatti yeroo dhihaattutti, miidhan waraana kanaa loltoota qofa osoo hin taane, haadholii warraa isaanii irras gahaa jira.
Oksaanaa fi Arteem yeroo waraanni jalqabu ji'oota 18'f wal fuudhanii turan. Achii Arteem waraana Yukireenitti makame.
Mucaa godhachuuf abdatan, garuu Arteem guyyoota muraasaaf qofa boqonnaa argate.
Kanaaf, Oksanaan abbaa manaashee waliin yeroo argachuu yoo barbaadde, ganda isaanii irraa gara baha Yukireen, bakka inni jirutti imala dheeraa gochuu qabdi turte.
Imalli isaanii inni jalqabaa Ebla bara 2022 ture, inni lammaffaan ammoo bara sanaa Sadaasaa keessa kan raawwatamedha.
Yeroo sanatti Arteem miidhaa dirree waraanaarratti isarra ga'erraa bayyanachaa ture. Oksanaan ammoo erga ulfi irraa bahee booda dhiphina sammuutiin rakkachaa turte.
Imalli sun dheeraa fi nuffisiisaa ture.
Arteem ishee arguuf gara naannoo Khaarkiiv imala, achi irraa gara Donetski imaluun dirqama ture. Isheenis mucaa yeroo heerumte godhachuuf murteessite akka argattuuf, yeroo hunda imala sana gochuuf itti gaafatamummaa akka qabdu beekti turte.
"Osoo isa hin argin jiraachuu hin danda'u" jetti Oksanaan. Yeroon lubbuun jiraachuun natti dhaga'amu guyyaa isaan wal argu qofa."
Jaalalleewwan kun ganda naannoo falmisiisaatti dhihoo jiru tokkotti wal argan. Maatiin duraan achi turan baqataniiru. Jarri kun mana isaanii kaffaltii malee yeroo dhufan akka fayyadaman hayyamaniiru.
"Abbaa warraakoo waliin ta'uun gammachuu natti dhagahama, haata'u malee suuraa namoota hin beekneen marfamuun nama gaddisiisa."
Jireenyi namoota hedduu waraanaan barbadaa'uun kunis isheetti ulfaata ture.
Yukireen keessatti wal hiikuun dabaleera
Erga Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen weerartee as namoonni miliyoona tokkoo ol biyyattii keessatti wal hiikaniiru.
Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN) jedhutti namoonni miiliyoona jaha qe'ee isaaniirra baqataniiru.
Seerri waraanaa dhiironni umuriin isaanii waggaa 18 hanga 60 gidduu Yukireen gadhiisanii akka hin baane dhorka waan ta'eef, dubartoonniifi daa'imman hedduun biyyattii keessaa baqataniiru.
Loltoonni tajaajila nageenyaaf waamaman waggaatti boqonnaa guyyoota 30 argatan, rakkoo maatii adda ta'eef guyyaan dabalataan 10 ni hayyamamaaf.
Biyyoota maatiin yeroo waliin hin qabne keessatti da'umsii haalaan gadi bu'eera.
Bara 1991 kan Gamtaan Sooviyeet kufee Yukireen biyya walaba taatetti, ijoollee 630,000 dhalatan.
Lakkoofsi kun gadi bu'uu itti fufee bara 2019 kuma 309 gahe. Weerara Raashiyaa hordofee lakkoofsi daa'imman dhalatanii sadarkaa gadi aanaa seena qabeessa ta'e 187,000 gaheera.
Akka Ministeerri Mirga Namoomaa Yukireen jedhutti bara 2024 ji'oota jahan jalqabaa keessatti wal hiikuun dhibbeentaa 50'n dabalee ture.
Imalli dirqama tokko bahuudha
Imalli gara naannoo falmisiisaatti godhamu dheeraa, rakkisaa fi balaa guddaa kan qabu.
Garuu dubartoonni kun gaa'elaa fi maatii isaanii kunuunsuuf abbaa warraa waraana keessa jiran arguuf imaluu murteessu.
Dubartoonni yeroo baayyee baaburaan gara magaalaa dhiyootti imalu, achiis otobusii ykn taaksiin imala isaanii xumuruu filatu.
Naataaliyaan abbaa warraashee arguuf gara Lixa Yukireen irraa gara bahaa Biyyattii deemte.
Imala dheeraa kiiloo meetira 1,230 fi guyyaa lamaa ol (sa'aatii 50) karaa irratti dabarsitus, yeroo gabaabaa qofa ishee arguu danda'e.
"Daqiiqaa 50 qofa wal arginne, sana booda gara baabura ani dhufeenitti na geesse," jetti Naataaliyaan imimmaan dhangalaasaa. "Garuu daqiiqaawwan 50 sun gatii qaba ture." jetti.
Imalli kun gara doolaara 120 kan ishee baasisu ta'us, ji'a lama ykn sadiitti abbaa warraa ishee daawwachuuf carraaqqii akka gootu dubbatti.
Gaaʼela erga godhatanii waggaa 22 taʼeera, ijjoollees lama godhataniiru.
Obsi eebba fida.
Oksaanaa fi abbaan warraa ishee amma ilma qabu.Ulfi yeroo lama erga irraa bahee booda amma daa'ima kana argatan.
Yeroo ulfaa abbaan manaashee akka ishee wajjin taʼu baayʼee barbaadde ture, Arteem garuu boqonnaa akka fudhatu hin hayyamamneef.
Oksanaan mucaa isaanii deessee daqiiqaa muraasa dura akkas akkas jetteen, ''Yeroo da'umsaa abbaa warraa ishee akka jiraatu abjuu dubartii hundaati, amma kophaa taanus,garuu yeroo sirrii ta'etti akka nutti makamtu ni amanna " kan jedhu ture