Biyyoonni walmorkatan Iraan fi Sa’ud Arabiyaa hariiroosaanii haaromsuuf

Madda suuraa, EPA
Baha Giddugaleesaatti biyyoonni walmorkatan Iraan fi Sa’ud Arabiyaan hariiroo dippiloomaasii waggoota torban darban addaan kutan deebisanii haaromsuuf waliigalan.
Iraanii fi Sa'ud Arabiyaan hariiroosaanii haaromsuuf waliigaluun kan dhaga’ame qondaaltoonni biyyoota lamaanii guyyoota afuriif Chaayinaatti erga mariyatanii booda ture.
Sa’ud Arabiyaan barsiisaa amantii Islaamaa Shihaa fannistee ajjeesuu hordofuun, Amajjii 2016 hiriirtonni mormii Imbaasii Sa’udii magaalaa guddoo Iraan Teheraaniitti argamu haleeluu hordofuun Sa’udiin hariiroo Iraan waliin qabdu addaan kutte.
Yeroo sanarraa kaasee warreen ollaa Shihaa fi Sunnii kana gidduutti muddama cimaatu ture.
Biyyoonni lamaan waliisaaniif yaaddoo akka ta’aniitti wal ilaaala turan,
Akkasuma olaantummaa naannoo Baha-giddugaleessaa dhuunfachuuf jedhanii dabaree dabareen wal himataa turan.
Sa’ud Arabiyaa ta’e Iraan biyyoota Baha-giddugaleessaa keessumaa; Yaman, Libaanoon, Siriyaa fi Iraaq keessatti gartuuwwan wal morkatan waliirratti tumsaa turan.
Iraan hidhattoota Shihaa Huutii jedhaman, mootummaa Sa’udiin deeggaramu aangoorraa buusan. Sa’ud Arabiyaa ammoo hidhattoota Huutii xiyyaaraan tumaa turte.
Kana malees, hidhattoonni Huutis akka Sa’ud Arabiyaa haleelan Iraan gargaaraa turte jechuun Sa’udiin himataa turte.
Bara 2019 diroonii fi misaayiliin giddugaleessa oomisha boba’aa Sa'udii haleelee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan sun kan yeroo biroo raawwatame hunda caalaa hamaa kan ture yoo ta’u, oomisha boba’aa Sa’udii jeequun, badii qaqqabsiisee ture.
Sa’ud Arabiyaafi michuu Sa’udi kan taate Ameerikaan haleellaa qaqqabe sanaaf Iraan balaaleffatan.
Iraan garuu haleellaa sana qaqqabsisuu haalaa turte.
Kanaan dura biyyoota lamaan [Iraani fi Sa'udii] walitti araarsuuf yaalamee hin milkoofne ture, Jimaata darbe kana garuu biyyoonni lachuu imbaasii isaanii ji’a lama keessatti deebisanii banuuf waliigalan.
Kanatti dabaluun hariiroo daldalaa fi nageenyaatiin qabaachaa turan deebisanii haaromsuuf jiru.
Biyyoonni lamaa hariiroosaanii haaromsuuf waliigaluu Ameerikaan ofeggannoo waliin akka simattu beeksistetti.
Waayit Haawusitti Dubbi-himaan Dhimma Tasgabbii Biyyaleessaa Joon Kirbii, muddamni naannicha ture akka qabbanaa’u ''tattaaffii taasifamu gargaaraa turre'' jedhan.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii - UN Antooniyoo Gutereez, waliigaltichi akka milka’uu gartuu lamaan walitti fiduurratti qooda qabduuf Chaayinaa galateeffatan.
"Gutereez nageenyi waaraa fi tasgabbiin naannoo Galfitti akka bu’u tattaaffii godhamu deeggaruuf qophiidha,’’ jedhan karaa dubbii-himaa isaanitiin.
Sagantaan gabbisa niwukilaraa ishee akka dhaabatuuf dhiibbaa cimaan Iraan irratti akka godhamu waamicha dhiyeessaa kan turte Israa’el garuu dhimma kanarratti ammaaf yaada hin kennine.












