Dhukkubbii yeroo ulfaa maaliif akka dhufu baruun saayintistoonni furmaata argatan

Madda suuraa, SUSIE VERRILL
Saayinsitoonni dubartoonni tokko tokko yeroo ulfaatti maaliif akka baayyee dhukkubsatan adda baasuu isaanii ibsuun, kunis wal’aansa argachuutti akka isaan gargaare himaniiru.
Akkaa qorannoo tokkootti, daa’imman garaa jiran hormoonii dhukkubbii cimaa geessisuu malu, hyperemesis gravidarum (HG) jedhamu maddisiisu.
Ulfa ta’uun dura hormoonii GDF15 argachuun wal’aansa haaraa ta’uu mala.
Yunivarsiti Kaanbiriij irraa Piroofessar Sar Istiifan O’Raahilii, “harmeen tokko hormoonii kana qaamishee yoo simachuu hin danda’u ta’e, caalaatti dhukkubsatti,” jedha.
Dabaluunis “kana beekuun ammo akkamiin kun akka hin uumamneef ittisuu dandeenyu irratti waan nu gargaarudha,” jedha.
Ulfa dhibba keessa tokko hanga sadii kan ta’an hormoonii HG’tiin miidhamu jedhamee yaadama.
Kun lubbuu daa’ima garaa jiru balaaf kan saaxilu yoo ta’u, dubartoonni hedduun hanqina bishaanii qaama isaanii keessatti uumamu irra isaan eeguuf hospitaalatti dhangala’aa argachuun isaan barbaachisa.
Haadholiin tokko tokko yeroo ulfa turanitti guyyaatti hanga si’a 50 akka dhukkubsatan himu.
Kaadhimaa Atleeti Gireeg Ruuterfoord kan taate Suusii Veeril, umurii ganna 35, sababa HG’n waan ishee mudate baayyee hamaa waan tureef ulficha baasuuf yaaddee akka turte himti.
Bakiinghaamshaayir kan jiraattu harmeen ijoollee sadii kun, ulfa sadii keessa lama irratti HG qabdi ture, dubartoota akka ishee guyya guyyaan rakkachaa turan waliinis wal qunnamaa turte.
“Miira jireenya dadhabuu guddaatu natti dhaga’amaa ture, maatiikoo waliin ta’uu hin dandeenye,” jetti. “Ulfakoo baasuu yaadeen ture waan baayye hamaa tureef, kun ammo HG qabdayoo ta’e waan baramaadha.”
“Utuu na hin hoqqisiisiin hafuura baafachuu hin danda’un ture, yeroo ulfa lamaanuu ji’oota shaniif kutaa cisiichaakoo keessa ba’uu hin dandeenye. Lubbuun ooluuf addunyaakee xiqqeessuu qabda, Gireeg ammo kunuunsaakoo ta’e.”
“Waan hundakee miidha, hanga daa;imnikee dhalatutti guyya guyya keessa darbuu yaalta.”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Intalli Mootii Weels yeroo sadan ulfa turtetti HG'n miidhamtee, isa jalqabaa irratti hospitaala seenuun ishee guddaa beekamee ture.
Qorannoowaan kana duraa dhukkubbiin yeroo ulfaa GDF 15 waliin hidhata qabachuu mala jedhanii turan, qorattoonni garuu “hubbannoon guutuu ni hanqata” jedhu.
Qorannoon haaraa, maxxansa Nature jedhamuun maxxanameefi saayintistoota Yunivarsitii Kaambiriij akkasumas qorattoota Iskootilaand, USA fi Sirii Laankaa irraa ta’an kan of keessatti qabate, sadarkaan dhukkubbii yeroo ulfaa hanga hormoonii gadameessa keessatti oomishamuufi dursa hormoonii kanaatti saaxilamuu irratti akka hundaa’uu argateera.
Dubartoota Hospitaala Da’umsaa Roosii Kaambiriij jiru qorachuun, dubartoonni qacheen sanyii balaa HG’f isaan saaxiluu qaama isaanii keessa hammi hormoonii kanaa xiqqaa ta’uu argataniiru. Dubartoonni dhibee dhigaa beta Thalassemiyaa jedhamu, kan ulfa dura hammi GDF 15 akka ol ka’u taasisu qaban ammo, yeroo ulfaatti danuu akka diddigaa akka hin qabbanne argataniiru.
Hormooniin kun “kutaalee adda sammuu haadhaa keessa jiru akka hin seenne dhorkuun wal’aansa dhukkubbii kana haala nageenya qabuun akka wal’aannuuf ka’uumsa nuuf kenna,” jechuun Yunivarsiitii Kambiriijiitti hoogganaan Kora Qorannoo Meedikaalaa dhibeewwan waliin umamanii kan ta’an Piroofessar Sir Isteefan dubbataniiru.

Beedforra harmeen ijoollee lamaa Viviyaan Kumaar yeroo ulfa turteetti saatii tokko keessatti si’a 10 dhukkubatti turte, kan isheen hin hooqqisne yeroo raftu qofa ture.
“Dhukkubbii ganamaa yeroo ulfaa qofa miti, kan guddaa si miidhudha,” jetti. “ Takkaa kana keessa dabarraan guutummaatti hin bayyaannatu, yeroo hunda si waliin tura.”
“Addunyaarra citeen ture, dhumasaa arguu hin daneenye. Manaa ba’uun baayyee cimaa ture.”
“Gargaarsa harmeekoofi abbaa manaakoo qabaachuu kiyyatti baayyeen carroome, isaan malee itti fufuuf hamilee hin qabaadhun ture,” jetti.
Yeroo si’a sadaffaaf ulfooftetti guyyootii saddeetiif hospitaala ciistee, boodarra da’imnishee jalaa du’e.
Hoggantuu dhaabbata tola ooltummaa Gargaarsa Dhukkubbii Yeroo Ulfaa, kan dubartoota HG qaban gargaaru, rakkoon fayyaa kun yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo utuu hin argatiin tureera jetti.
“Cichummaa qorattoota kanaan gammadeera, sababiinsaa hanga Intalli Mootii Weeles hanga dhibee kanaan dhukkubsattetti dhimma mata duree oduu waan ta’e miti.”
“Mataduree qorannoo namootni fedhan hin turre. Dhukkubbii ulfaadha -maal nu galche jedhama ture.”












