Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorannoon qaccee nama waggaa 47 dura yakka gudeeddiin itti murtaa'e bilisa baase
Dhugaan ni turan malee hin badu jechuun kanadha. Namni Niiw Yoork jiraatu tokko qorannoon qaccee sanyii (DNA) haaraa gaggeeffameen waggaa 47 booda dhugaa argate.
Namni jiraataa Niiw Yoork ta'e kun Li'onaard Maak jedham. Ammaan tana maanguddoo ganna 72ti.
Innis bara 1975tti yakka guddeeddii raawwateera jedhamuun hidhaan itti murtaa'e.
Haata'u malee qorannoo qaccee sanyii haaraa gaggeeffameen gochaa gudeeddii jedhame sana kan raawwate nama biraa ta'uun adda baafame.
Kanaanis murtoo seenaa Ameerikaa keessatti dogoggoraan murteeffamuun yeroo dheeraaf turee garuu ragaa DNAtiin geeddarame jedhameera.
Qorannichis yakka guddeeddii sana kan raawwate nama itti murtaa'ee kana osoo hin taanee nama gara biraa ta'u adda baase. Namni gara biraa sunis booda keessa gochaa gudeeddii jedhame sana raawwachuu amane.
Li'onaard Maak, maanguddoon waggaa 72, bara 1976tti yakka hin raawwanneen erga badii dalaguun itti murtaa'ee booda, waggoota torbaa ol hidhaamee ture.
Obbo Maak akkas jedhe: "Gaaf tokko bilisa ta'uunkoo akka mirkanaa'u abdii hin kutanne ture."
Caamsaa 1975tti, shamarran ol adeemoon lama Niiwu Yoork magaalaa Giriinbarg'tti, bakka namoonni adiin itti heddumatan keessatti mana barumsaatii gara manaatti osoo deebi’aa jiranuu ture, namni tokko qawweedhaan doorsisuun imalarraa isaan kan dhaabe.
Shamarran laman keessaa isheen tokko yeroo lama gudeedamte, isheen tokkommoo ni miliqxe.
Waajirri Poolisii Giriinbarg poolisota dhiira gurraacha umuriin gara jalqaba waggaa 20 keessa jiru akka barbaadan bobbaase ture.
Taatee sana yeroo muraasa booda poolisonni Obbo Maak osoo akka tasaa konkolaataa naannoo sana konkolaachisuu arganii konkolaataasaa dhaabsisan.
Obbo Maak uffata shakkamaa barbaadamurraa adda ta'e uffatee kan ture ta'us, poolisiin garuu isa to’ate.
Kaawuntii Weest Chistaritti gareen abbootii alangaa murtii kennaman sangataa Innocence jedhamu waliin qindoomuun irra-deebi’anii qoratan, qorannoo qaccee haaraa bara 2022tti gaggeessan.
Innocence- dhaabbata tola oltummaatti. Namoota dhuunfaa dogoggoraan yakkaman bilisa baasuuf hojjata.
Qorannoo haaraan kun yakkamaan gudeeddii raawwate nama yakka saamichaa fi gudeeddii Quwiinsi bakka jedhamutti raawwateen balleessaan itti murame ta’uu mirkaneesse.
Namichi sun bara 2004 mana namaa cabsee saamuufi miidhaa saalaa dubartii Kaawuntii Weestchister keessatti raawwateen balleessaan itti muramee ture.
Abukaatooon Miriyaam E Rokaa akka jedhan: "namtichi kun bilisa bahuun namoota dogoggoraan balleessaan itti murtaa'e kan miidhu qofa osoo hin taane, hundi keenya miidhaa akkasirra bilisa akka hin taane mirkaneessa,"jedhan.
Obbo Maak maqaa badde deebifachuuf waggoota 50tti siquuf ciminaan falmachuusaatiif Aadde Rokaan leellisaniiru.
Ragaa baatonni dogoggorri umaman murtii dogoggoraa akkasii hordofsiisu Sangantaan Innocence jedhamu ibseera.
Shamarran lamaan kun adeemsa poolisiin yakkamaa adda baasuuf fudhateen Obbo Maakitu badii kana raawwate jedhanii itti akeekan.
Abukaatoon gameettiin Sangantaa Innocence jedhamuu Suzaan Firiidmaan, himannichi dogoggoraa ittiin murtaa’e hedduu qaba,'' jedhan.
"Murteen mootummaan qorannoo deebisee banuu dhiisee himannaa itti fufuuf murteesse gahee loogiin sanyii sirna haqaa keessatti qabu agarsiisa," jetti.
Obbo Maak, loltuu waraana Veetnaam duriitti hirmaatan yoo ta’u, haadha warraa isaa waliin waggoota 21’f Kibbaa Kaarolinaa jiraachaa turan.
"Amma dhugaan ifa baatee xumarratti hafuura baafachuu danda'eera. Dhumma irratti bilisan ta'e," jedhe Obbo Maak.