Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan jaarmayaa humnoota hidhatan jireenya idileetti deebisu hundeessite
Mootummaan Itoophiyaa jaarmayaa qaamolee hidhatanii sosso’an jireenya idileetti deebisuuf gargaaru hundeesse.
Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa guyyaa har’aa wixinee dambii Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa hundeessuuf qophaa’erratti mari’atee raggaasiseera.
Murteen kuni eega mootummaan waraana waggaa lamaaf Kaaba Itophiyaatti humnoota TPLF waliin godhe nagaan xumuruuf waliigaltee nagaa mallatteesse booda as bahe.
Itoophiyaa keessa bakkeewwan garagaraatti qaamoleen hidhatanii sosso’aniifi gaaffii siyaasaa kaasan ni jiru.
Akkaataa waliigaltee mootummaafi TPLF’tti humnoonni TPLF meeshaa ni hiikkatu. Akkasumas TPLF qaamolee hidhataniif deeggarsa taasisu ni dhaaba.
Waajjirri Ministira Muummee ibsa baasen sababa komishinii kana hundeessuun barbaachiseef ibseera.
Ibsi bahe ‘’bakkeewwan biyyattii hundatti walitti bu’insi adeemaa ture karaa nagaan xumura akka argatu gochuun barbaachisaa ta’u,’’ eera.
Akkaatuma kanaan, ‘’humnoonni ijaaramanii socho’aa turan hidhannoo hiikkatanii haala waaraa ta’en hawaasatti akka makamaniifi jireenya nagaa qabu akka jiraatan gochuuf,’’ komishinichi hundaa'uu hime.
Dabaluunis, ‘’ijaarsa misooma, nagaafi dimookiraasii biyyattii keessatti akka hirmaatan dandeessisuuf komishiniin haaromsaa hundeessuun barbaachisaa,’’ ta’u ibse.
Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaas dambii kanarratti mari’atee kan raggaasise yoo ta’u guyyaa ragga’erraa jalqabee hojiirra akka oolu ibse.
Waggoota muraasa darban Itoophiyaa bakkeewwan adda addaatti walitti bu’iinsi sabaa, amantii, akkasumas siyaasaa lubbuu lammiilee hedduu galaafate.
Biyyattiis rakkoo guddaarra buuse. Isaan alatti qaamoleen hidhatan sochii taasisaniifi waraana mootummaa waliin lola adeema tureen bakkeewwan nagaa dhaban xiqqaa miti.
Kaaba biyyattii ifatti waraana waggaa lamaaf tureen miidhameen alatti Naannoo Oromiyaa, akkasumas Benishaangul keessatti haleellaafi lolli jiruu lammiilee guddoo hubeera.
Paarlaamaan Itoophiyaa barana hojii yoo eegalu kallattii mootummaa kan ibsan Pirezidant Saahilawarq Zawudeen mootummaan araara buusuuf akka dalagu ibsanii ture.
Torban darbe marii guyyootaaf tureen booda mootummaafi TPLF walitti bu’iinsa dhaabuufi araara buusuuf waliigalteerra gahaniiru.
Haa ta’u malee, mootummaan qaamoolee kaan qabsoo hidhannoo gaggeessan waliin marii gaggeessuuf ta’uufi ta’u dhabuun isaa hin beekamu.