Barataan waggaa 13 ofii fi barattoota 66 balaa konkolaatarraa oolche

Mucichi osoo komkolaaticha to'achuuf yaaluu
Maxxanfame

Barataan lammii Ameerkaa umuriinsaa waggaa 13 ta’e tokko tarkaanfii atattamaa fudhateen ofiisaa fi barattootaa 66 isa waliin konkolaatan imalaa turan balaarraa oolchusaa qondaaltoonni beeksiisan.

Mucaan maqaansaa Diloon Reevas jedhamu kun gochaa gootummaa kana kan raawwate, wayita konkolaachiftuun konkolaataa mana barnootaa ittiin deemaa turan akka tasaa of wallaalteetti ta’u himame.

Ameerikaa bulchiinsa Miichigaan magaalaa Waaran keessatti konkolaachiftuun mana barnootaa Kaatar Miidil jedhamu, of wallaallaan teessuma isaa sarara shanaffaa irraa utaalee gara fulduraa dhaquun 'fireenii' konkolaataa qabuun balaa tokko malee akka dhaabbatu gochuutu himame.

Waraabbiin viidiyoo tokkoos konkolaachiftuun tun akka dhukkubbiin itti dhagahamaa jiruu itti gaafatamtoota isheetti ergaaa akka turte agarsiise.

Mucaan kunis gocha ofiisaafi hiriyootasaa balaarraa oolche kana raawwachusaatti, magaalaa keessa jiraatuutti akka gootaatti leellifamaa jira.

Magaala Waaranitti miseensi mana maree Joonaataan Laafartii toora Facebook isaanii irratti, ‘‘Gochaa gootummaa keetiin baayyee boonnee jirra!’’ jechuun leelliisan.

Akka to’ataan mummeen mana barnootaa Kaatar Midiil jedhaniitti, Roobii darbe baratoonni mana barnootaa gara manaa osoo deebii’aa jiranuu ture taateen, ‘‘konkolaachiftuun atobisichaa of wallaalte kan mudate.’’

Waraabbiin viidiyoo to’annoo nageenya atobisiichaatiin waraabamee guyyaa Kamisaa ifa ta’e irratti akka argameetti, dubartiin atobisicha konkolaachisaa turte fayyummaan akka itti dhagahamaa hin jirreeffi tarii konkolaaticha dhaabuun ishee barbaachisu akka hin oolee itti gaafatamtoota isheetti himaa turte.

Ittaansees konkolaachiftuun of wallaaluudhaan marii atobisichaa gadi lakkiifte. Yeroo sanattis konkolaataan sarara irra imalaa ture waan gadhiiseef barattoonni yoo iyyan dhagahamu.

Itti gaafatamaan mana barnootichaa Liivarsan akka jedhaniitti, konkolaachiftuun kun haala konkolaataa to’achuu itti dadhabde keessa ta’usheen kan hubate, barataa Diilan bakka taa’ee ka’uun gara konkolaachiftuutti bira dhaquun konkolaataa sarara keessaa bahee ture erga sirreesseen booda balaa tokko malee akka dhaabbatu taasise.

Mucaa waggaa 13 lubbuu ijoollee 66 oolche

Madda suuraa, REEVES FAMILY

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees erga konkolaatichaa dhaabeen booda konkolaachiftuun of walaalte deeggarsa wallaansa atattamaa akka argattuuf ambulaansiin akka waamamuuf deeggarsa namootaa gaafateera.

Rakkoon fayyaa konkolaachiftuu sana mudate maal akka ta’e hin baramne. Kana dura garuu osoo konkolaachisaa jirtuu rakkoon kana fakkaatuu mudatee akka hin beeknetu himame.

Gochaa ajaa’ibsiisaa mucaan kun raawwate ittii himuuf poolisiin wayita maatii isaatti bilbileetti, abbaa mucaa Obbo Isiivan Riivas dursanii kan gaafatan ‘‘maal balleesseeti ammo?’’ jechuun gaafatanii ture.

Poolisich garuu, ‘‘lakkii omaa hin balleessine. Ilmikee goota’’ jechuun gochaa raawwateef dinqisiifannaa akka ibse miidiyaaleen naannichaa gabaasan.

Miseensi mana maree magaalichaatis silaa atobisii balaa konkolaataa sukkaneessaa qaqabsiisuu danda’u to’atee dhaabu danda’e jechuun Diilaaniin dinqisiifatan.

Taatee kanaan boodas haatii buddeenaa isaa Eretaa Riivas, ‘‘Innis mana galeera, warri hafan hunduu nagaadha galanin Diilaaniif haa ta’u!!!’’ jechuun facebook ishee irratti barreessite.

Itti dabalunis, ‘‘Diilaaniif guyyaa biraati. Har’a namoonni meeqa gochaa isaa kanaan boonaa akka jiran inni hin beeku’’ jette.