Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Anniisaa qusachuuf jecha suuqiiwwan Firaans balbala akka cufatan taasifamuufi
Suuqiiwwan Firaans meeshaa haala ho’aafi qorra to’atu qaban (air conditioner)fi ifaa niyoon jedhamu fayyadaman anniisaa qusachuuf jecha balbala isaanii cufachuu qabu jedhan ministarri Cee’umsa Sirnakkoo biyyattii Agnes Pannier-Runacher, gaazexaa Journal du Dimanche’tti yoo himan.
Hojimaatni kuni ammallee iddoowwan tokko tokkotti jalqabamuusaa ministarri kuni dubbataniiru.
Raashiyaan erga Yuukireen weerarteen as Awurooppaa keessa gatiin anniisaa akkaan dabaleera. Dhorkaa amma bahe kana suuqiiwwan hordofuu dhaban hanga doolaara 640 adabamuu danda’u.
Mana keessaa meeshaa qabbaneessu otoo qabduu cufantaa banaa dhiisuun ‘waan hin malle’ dha jechuun Pannier-Runacher raadiyoo biyya keessaa RMC’tti yoo dubbatan.
Ministarri kuni guyyoota dhufan keessatti labsii lama akka hojiirra oolchan himaniiru.
''Dhorkaan inni tokko beeksisawwan daandiirraa kan ifaa fayyadaman magaalaa kamittiyyuu halkan sa’atii 7 hanga barii sa’atii 12tti akka dhaaman gochuu dha.
‘’Inni lammataa immoo suuqiiwwan meeshaa ‘air conditioner’ qaban akka balbala isaanii cufatan dirqamsiisuu dha,’’ jedhan.
Beeksisooti daandii ifaa niyoonii fayyadaman naannoowwan jiraattota 800,000 gadi qaban keessatti faayidaarra akka hin oolle godhamaniiru, buufata xiyyaaraa dabalatee buufataaleen bira darbaman garuu jiru.
Dhaabbanni anniisaa guddichi ‘Shell’ Gamtaa Awurooppaa keessatti boba’aa akka hin raabsine dhorkamuu hin qabnu jedheera. Raashiyaan naannoo kanarra dhiyeessii boba’aa waan kutteef rakkoo keessa jiraachuus yaadachiiseera.
Firaansitti ho’ii waan hammaateef meeshaa ho’a qabanneessu bitachuu fedhiin jiru dabaleera.