'Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduun hojii paarkingiitti gammadanii jiraatu'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tibba kana pirezidantii mootummaa naannoo Amaaraa kan turaniifi Ministirri Dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo biyya Ameerikaatti wayita hojii paarkingii (konkolaataa toora qabsiisuun dhaabsisuu) hojjetan mul'isu miidiyaa hawaasaarratti qoodame ijoo dubbii ta'eera.

Viidiyoo kanarratti aangawaan duraanii mootummaa Itoophiyaa kun shamizii adii gara daalachaa irree gabaabaa uffatanii yeroo waajira keessaa bahanii namaaf taajaajila kennanii deebiyan fakkaatu agarsiisa.

BBC'n viidiyoon kun dhugaa ta'uufi dhiisuu mirkaneeffachuuf yaalaa jira; yoom akka waraabames ammatti adda hin baasiin jira.

BBCn waan tokko garuu mirkaneeffateera. Qondaalli duraanii mootummaa Itoophiyaa kun Ameerikaa, Merilaand keessa akka jiraataniifi ammallee hojii paarkiingii akka hojjetaniidha.

Maddeen lama irraa amma dura hojii kanarratti bobba'uusaanii mirkanaa'eera. Ji'oota duras suurri isaanii Artiifishaal Intelejensiin (AI)'n hojjetame gadhiifamee ijoo dubbii ta'ee ture.

Obbo Gadduun as bahanii waa'ee hojii isaanii hin dubbanne. Kana dura garuu humna isaaniin akka bulan miidiyaarratti dubbatanii beeku.

Viidiyoon Obbo Gadduu Andaargaachoo wayita hojii paarkingiira jiran dhoksaan waraabamee tibba kana gadhiifamuu hordofee fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa yaada lama kaasaa jiru.

Garri tokko ilaalcha kabaja hojiif kennamuuun wayita ilaalan, kan lammaffaan ammoo malaammaltummaa aanga'ootaan walqabsiisuun kaasu.

"Gadduun uummata sabab hin saamneef amma dafqasaatiin hojjetee bulaa jira, hojiis hin tuffanne" jechuun namni hedduun dinqisiifataa jira.

Namni gariin ammoo akkamiin qondaalli maqaa guddaa Waayit Haawusitti deddeebi'aa ture hojii akkasii hojjeta jedhuun qeeqan.

Aadde Birhaanee Beekaa maagaalaa Waashingiten DC keessa kan jiran yoo ta'u, erga viidiyoon kun qoodamee booda Obbo Gadduutti bilbilanii dubbisuufi yaada namoonni gamanaafi gamasii kennanirrattillee yaada isaanii fuula Facebook isaaniirratti maxxansuu BBC'tti himaniiru.

Obbo Gadduun erga gara Ameerikaa deemanii hojiidhuma kana hojjechuu hin oolu kan jedhan Aadde Biraaneen, hojiin kun argamuun isaayyu kan dinqisiifatamudha jechuun akka gammadaniif bilbilaniifillee kaasan.

"Ameerikaa keessatti hojii akkasii hojjechuun beekamaadha. [Miseensi] Kongiresii waajira keessaa hojii hin qabne ykn bara hojiisaa fixate waan hojjetudha," jechuun ilaalchi akkasii Ameerikaa keessa akka hin jirreefii xiqqaachuu osoo hin taane guddina akka ta'etti kaasuun ibsan Aadde Biraaneen.

Namni kun nama guddaadha, kanaan duras biyya bakka bu'ee nama Waayit Hawus seeneerudha kan jedhan Aadde Biraaneen, "amma ammoo carraa ta'ee bakka sana waan hin jirreefi, biyya isaa keessa waan hin jirreef waan [hojii] Ameerikaan qabdu keessaa tokko hojjechuun guddummaadha," jechuun aangoo guddaarran ture jedhee osoo of hin tuuliin gadi of deebisee kana hojjechuun isaa isa kabachiisaa ejjennoo jedhu ibsan.

Namni Waayit Hawus keessatti mootummaa Itoophiya abakka bu'ee mootummaa Ameerikaa waliin haasa'e, amma ammoo ofiif biiroo keessaa bahanii, aangoorraa bahanii bakka paarkingii hojjechuun [parking attendant] ta'anii hojjechuun guddina nama kanaa agarsiisa; nama of tuulu akka hin taane agarsiisa."

Namoonni gurguddoofi beektonni, akkasumas hoggantoota siyaasaa, jeneraalota waraanaa dabalatee aanga'oonni duraanii Itoophiyaa hojii paarkingii kana keessa hojjechuun baramaa akka ta'e dubbatan.

Ameerikaatti hojiin paarkingiin kun kabajamaa ta'uu qofa osoo hin taane, haalli isaa mijataa kan ta'e, teessumarra taa'uun iskiriiniirrattillee kan hordofamu ta'uu ibsu.

Aadde Biraaniin erga viidiyoon isaanii miidiyaa hawaasaarratti gadhiifamee itti bilbiluun akka waliin haasa'aniifi jajjabeessan duubbatu. Hamileen keessan hin laafiin jajjabaadhaa wayita jedhanii Aadde Biraaneen itti dubbatanitti, 'itti gammadeen hojjedha' jechuun akka deebii kennaniif BBCf mirkaneessan.

Kampaaniirraa kampaaniitti addaa adda ta'us Waashingiten keessatti miindaan xiqqaa kaa'ame ykn ka'umsi isaa sa'aatii tokkotti dolaara 18 fi saantiima 40 jedhu. Muuxannoorratti hundaa'uudhaan ykn akka kampaaniitti hanga sa'aatii tokkotti dolaara 25, 26 ykn 30 kan kaffalan jiraachuu kaasuun ibsu Adde Biraanee Beekaa.

Ameerikaa keessatti aanga'oonni duraanii gurguddoon Itoophiyaarraa dhufan hojii paarkgingii keessa hojjechuun haaraa miti kan jedhan Aadde Biraaneen, waggaa 20 dura wayita ofiinillee hojii akkasii hojjettee turtetti aanga'oota duraanii biyyarraa deeman akka beekan dubbatu.

Obbo Gadduu Andaargaachoo Pirezidantii duraanii Naannoo Amaaraa wayita turan Obbo Lammaa Magarsaa waliin jijjiiramni bara 2018 akka dhufu aanga'oota dura bu'an keessaa tokko.

Gorsaa nageenyaa Ministira Muummee Abiy Ahimadis ta'anii tajaajilaniiru.

Haata'u malee, rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraa keessatti dhalate irratti adeemsa mootummaan hordofu mormuun Parlaamaatti ifatti dubbataiiru.

Ergasii kaase hanga ammaatti Ameerikaa kan jiraatan yoo ta'u, bulchiinsa MM Abiyyiis cimsanii qeequ.