Kabaja guyyaa Eid guutuu addunyaatti suuraadhaan

Madda suuraa, Getty Images
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Musliimonni addunyaa guutuutti ayyaana Eid al-Fixir, ayyaanota gurguddaa kalaandarii Islaamaa keessatti kabajaman keessaa tokko, kabajuu eegalaniiru.
Eid al-Fixrii hiikni isaas, "ayyaana sooma hiikuu" jechuu yoo ta'u, dhuma Ramadaanaa, ji'a soomaa kan namoonni umuriin gahee hedduu soomaniifi akkasumas yaada hafuuraa fi kadhannaa irratti ittiin dabarsaniitu kabajama.

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Asi Mooskoo keessatti, amantoonni osoo kadhannaadhaaf qophaa'aa jiranu mul'atu 
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni dhibbaan lakkaa'aman mooraa Tononoka, Mombaasaa, Keniyaa keessatti kadhannaa irratti hirmaatan
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Baha Sudaan istaadiyeemii Poort Sudaan keessattis kadhannaan raawwatameera
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Neezarlaandi mana Moskee Essalam Rootardaamiitti argamutti ijoolleen xixqqoonn ga'eessota waliin ta'an
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Raashiyaan biyyattii irratti geggeessitu itti fufee bakka jiruutti, Yukireen magaalaa Lviv keessatti daa'imman Musliimaatiif kennaa kennamaa wayita jiruutti
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Filisxeemoonni kaaba Gaazaa Jabaliya keessa jiraatan caccabaa masjiida waraana amma Israa'elii fi Hamaas gidduutti geggeeffamaa jiruun barbadaa'e gidduutti wayita kadhataa jiran
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin masjiida al-Aqsaa Yerusaalem keessaafi bakka qulqulluu Islaamummaa keessatti sadarkaa sadaffaa irratti argamu walitti qabamanii
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Wayita kadhannaan taasifamaa jiruutti mucaa xiqqaan kadhattoota jiidduudhaa amummataa jiru Kaataariitti 
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Musliimonni Poorchugaal magaalaa Liisboon keessatti addabaabayii Maartiim Mooniizitti nagaa wal gaafatan
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni waaqeffatan magaalaa Landan paarkii Burgess keessatti kadhannaa alaatti walga'anii 
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Akkasumas waaqeffattoonni Xaaliyaanii Naappilitti Addabaabayii Plebiscito jedhamutti alatti walitti qabamanii
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni muraasni Turkii Istaanbul Masjiida Guddaa Hagia Sofiyaa jedhamutti erga salaata irratti hirmaatan booda suuraa wayita ka'an
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoonni Afgaanistaan masjiida qarqara magaalaa Peshawaar, Paakistaan jirutti wayita salaatarra jiran