Mana lubbummaa fi kutaa lallabaa Finfinnee gidduu wanti mudate maali?

Madda suuraa, eotc
Sababii adeemsa badaa fi mattayaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kutaa lalabaa Finfinnee keesssa jira jedhameetiin walqabatee wal himannaa fi falmiin cimaa dhufeera.
Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessattuu bataskaanota kutaa lallabaashee Finfinneetti argaman keessatti mindeeffamuudhaaf maattayaan maallaqa olaanaa akka gaafatamu gabaafamuusaa hordofuun atakaaroo fi xalayaa walirratti barreessuun itti fufeera.
Kutaan lallabaa Finfinnee himannan dhiyaateen ‘‘dharaa’’ fi ‘‘gochaa maqa balleessiiti’’ jechuun kan haalee yoo ta’u, kanaafis ragaa yoo dhiyeessuu, waggoota darban lamaaf jijjirraa hojjattootaafi guddina sadarkaa maleee hojjataa haaraa hin mindeessine, kutaan lallabichaatiif mindeessuun ofiisaatiin raawwatu akka hin jirreefi haaluma danbii ittiin bulmaataatiin akka hojjatu beeksiiseera.
Yaa’ichi ragaawwan ittisaa kutaan lallabaa himannaa irratti dhiyaateef kenneen keessaa, dhimma mindeessuurratti mana lubummaa waliigalaa waliin ta’udhaanan hojjadha jechuunsaa ‘‘sobaadha’’ jechuun kuffiiseera.
Manni lubummaa koree rakkoo bulchiinsa gaarii kutaa lallabaa keessatti mul’ata jedhee kana qoratuufi furmaata barbaadu kan miseensoota torba qabu ALI Fulbaana 9, 2017 hundeessuu beeksiisee ture.
Haata’u malee Kutaan lallabaa Finfinnee ibsa ALI Fulbaana 10, 2017 baaseen koricha akka hin fudhanne ibse.
Sababii kanaatinis qaamooleen bataskaaniitti lamaan ibsi walitti fufiinsaam baasaniifi xalayyoonni waldhabdichi cimuu kan ifa taasisan yoo ta’u, waggoota muraasa darban keessaa qormaatawwan mudatan keessaa kan dhiyyeenyaa ta’eera.
Kutaan lallabaa Finfinnee ragaafii komiin koree hundeessuudhaaf geessisuu hin jiru jechuudhaan, murtichi ‘‘kan taa’eerratti bu’urreeffateedha’’ jechuun tuffateera.
Kutaan lallabiichaa tarkaanfiichaan kan ‘’qoodiinsa uumuudhaaf’‘raawwatameedha jechuudhaan, dhimmicha taateewwan naannoo Oromoyaafi Tigraayiitti mudateen wal fakkeesseera.
Rakkoon yoo kutaa lallabichaa keessa jiraatees qaamni rakkoo kanaa ijoon mana lubummaa waliigalaati jechuun kan qeeqe yoo ta’u, qorannoon yoo barbaachises dhimmicha ilaalamu kan qabaatu qaama caasaalee lamaaniifu olaanaa ta’e Sinidoosii qulqulluudhaan jechuudhaan gaaffii walabummaa kaaseera.
Manni lubummaa waliigalaa fi kutaan lallabaa Finfinnee ibsa baasaniin deebii cimaa waliitti kennaa jiranis walfalmiinsaanii itti fufeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manni lubummaa waliigalaa Jimaata gaafa ALI Onkololessaa 1, 2017 deebii kenneen, ibsi kutaa lallabichaa ‘‘kan dhugaarraa fagaatedha’’ jechuun mormeera.
Kanaafis fakkeenyawwan kan eeree manni lubummaa, koree dhimmicha qoratu kan hundeessee sababii komiin dhiyaateef ta’u eeruudhaan, ‘‘dhiheenya kanas hojjattoonni 439 miidhaan bulchiinsaa nurratti raawwtameera jechuudhaan komii dhiyeessuusaaniifi hojjattoonni 152 ammoo hojiirraa arii’atamusaanii mirkanneesseera jedheera.
Deebii dheeraa manni lubummaa baaseen ammo, tibba waraana Kaaba Itoophiyaatti, kutaan lallabaa dhalatoota naannoo Tigraay 577 hojjattattoota tajaajiltoota ta’an’’ hojiirraa ari’achu kaaseera.
Kutaan lallabaa kunis itti waamamnisaa mana lubummaa waliigalaatti jechuudhaan seera batasikaaniitti kan eeree yoo ta’u, hojiimaatni badan hin qolleeffaman jechuun akka badii mirkanneessuutti lakkaa’ama jedheera.
Batarkaanni Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waggoota darban keessaa miidhaawwan bataskaaniittiifi hordoftoota isheerraa qaqabeen akkasumas qoodiinsawwan bataskaaniittii keessaatti mudateen qormaata keessa galuu irra dedebiin beeksiifteetti.
Keessattuu waraanaa naannoo Tigraayitti gaggeeffameen walqabate yeroo sanatti dureewwan bataskaanitti ‘nu waliin hin dhaabbannee, waan raawwatames hin balaaleeffannne’ jechuudhaan abbootiin nananoo Tigraayiitti argaman ofiisaanii sinidoosii jidduugalaa irraa adda of basuunsaanii ni yaadatama.
Akkasumas naannoo Oromiyaa keessatti wangeelli afaan oromootiin haa lallabamu jechuudhaan abbootiin amantichaa sadii bataskaanittiirraa addatti mudama phaaphaasummaa raawwachunsaaniis waldhabdee umeenunsaa ni yaadatama.












