Namichi Keeniyaatti 'ani Yesuusi' ofiin jedhu poolisiin gaaffiif waamame

Maxxanfame

Keeniyaatti waldaalee fi dureewwan amantii barsiisa sobaa adeemsisan irratti tarkaanfii mootummaan fudhachaa jirun wal-qabatee poolisiin lallabaa amantii falmisiisaa gaaffiif akka dhiyaatu ajajeera.

Iluuyiid Wekesaan 'Yesuus isa Toongaareen' jedhamuun beekamuufi garee 'Yeruusaaleem Ishee Haaraa' jedhamu hogganu kuni waa'ee barsiisasaa shakkisiisaa gaafachuuf poolisiin isa waameera.

Miseensota waldaasaa akka inni Yesuus tahe amansiiseera. Obbo Wekesaan duukaa buutota 12 yoo qabaatu, maqaan isaaniis ijoollee Yaaqoob isa Macaafa Qulqulluu keessa jiruun moggaafame.

Roobii har'aa bulchiinsa Bungoomaa keessatti poolisiitti akka dhiyaatu eegama.

Lallabaan kuni garuu balleessaa ajajni hidhaa akka itti bahu taasisu hin dalagne, wangeela lallabuun alattii jechuusaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Waamichi nama kanaas qorattoonni Kiliifii keessatti reeffa dabalataa namoota barsiisa paastarii amananii of beellessanii du'an 21 boollaa qotamee bahuun booda dhagahame.

Lakkoofsi namoota beelaan du'an kanaas yeroo ammaatti 133 gaheera.

Paastariin Good News International Church miseensota waldaasaa hamma du'anitti akka beela'an ajaje Pool Maakeenzii dhaddachatti dhiyaachuuf eegaa jira.

Namoonni dhibbaan lakkaa'aman biroon ammallee achi buuteen isaanii hin beekamu.

Pireezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoon koomishiinii hundeessuun gareen amantii Shaakaahoolaa bulchiinsa Kiliifii qoratamaa jira.

Poolisiin bulchiinsa ollaa Kiwaalee Wiixata darbe daa'imman 50 dabalatee namoota 200 ol gochaa amantii namoota gara bosonaatti butanirraa baraaruu hime.