Qacceen sanyii (DNA) nam-tolchee falmisiisaa tahe hojjetamuu jalqabe

Qaccee sanyii namaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Piroojeektiin falmisiisaa lubbuu dhala namaaf dhimma waan bu'uuraa tahe- DNA nam-tolchee kalaquuf hojii jalqabe.

Qorannoon kuni daa'imman dizaayinarii fi dhaloota dhufuuf jijjiirama hin eegamne fiduu mala jedhamuun gaaffii naamusaa kaasaa tureera.

Tahus dhaabbanni tola olaa addunyaa fayyaa irratti hojjetu Wellcome Trust piroojektiin kuni akka jalqabuuf yuroo miiliyoona 10 kenneera.

Dhukkuboota qoricha hin qabneef wal'aansa tahuun miidhaasaarra faayidaasaatu caala jedhe dhaabichi.

Dr Juuliyaan Seel qaama piroojektii kanaafi Keembiriij Yunivarsiitiitti Laabraatoorii Baayolojii Moolakiwulaaraa keessaa hojjeta.

''Waan nu daangeesuu hin jiru. Waan jireenya namaa fooyyeessu irratti hojjetaa jirra, kunis namoonni haala fayyaalessa taheen akka dullooman gargaara,'' jedhe.

''Seeliiwwan dhukkuba didan hojjechuun tiruu, onneefi sirna madiinaa keenyaa keessatti seeliiwwan miidhaman bakka buusna jedhe.

Haa tahu malee qeeqxonni piroojektii kanaa qorattoota naamusaan ala dhala namaa fooyya'aa tahe kalaqna jedhaniif kuni karaa bana jedhu.

Dr Paat Toomas hogganaa garee duulaa Beyond GM jedhamuuti, ''saayintistoonni hundi waan gaarii hojjetu jennee amanuu barbaanna garuu saayinsiin waan hamaafi lolaaf akka oolu godhamuu danda'a,'' jedhan.

Ibsi bal'aa piroojektii kanaa BBC kan qaqqabe yoo tahu moolakiyuulii DNA dhala namaa adda baaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seeliin qaama keenyaa tokko tokkoonsaa moolakiyuulii DNA jedhamu odeeffannoo qaccee sanyii namaa isa barbachisu baata.

DNA'n waantota bu'uuraa afur A,G,C,T jedhamanirraa kan hojjetamu yoo tahu kunis haala garagaraan walitti firoomuun caasaa DNA uuma. Odeeffannoon qaccee sanyii nama nu taasisu mara qabateera.

Piroojektiin Human Genome Project jedhamu saayintistoonni qaccee sanyii namaa akka ashaaraatti akka dubbisan godheera. Hojiin inni haaraan kuni Synthetic Human Genome Project saayintistoonni moolakiyuulii DNA akka dubbisan qofa osoo hin taane walakkaasaa akka kalaqan - gaaf tokko ammoo guutummaasaa moolakiyuulii, moolakiyuuliidhaan akka tolchan isaan gargaara.

Jalqaba saayintitoonni DNA dhala namaa guddaa hamma kiroomoozomiitti tolchuu kaayyeeffatan. Kuni egaa qaccee sanyii guddinaafi dhukkubsatanii fayyuu fa'i dabalata.

Kana booda DNA'n haaraa kuni akkatti qaama keenya to'atu qoratamaa jechuu dha.

Daarektarri dhaabbata Wellcome Sanger yeroo baayyee kan dhukkubsannu yeroo qaccee sanyii keenyarra rakkoon mudatu dha, kanaaf qorannoon kuni wal'aansa gaariitti nu qajeelchuu danda'a jedhan.

''Akkatti DNA'n hojjetu qorachuuf DNA tokko jedhanii tolchuun barbaachisaa yoo tahu, yaad-rimee biroo qoranii ilaaluufis fayyada hamma yoonaa DNA qaama keessa jiru hamma tahe jijjiiruun kana hojjechaa turre,'' jedhan.

Piroojektiin ujummoofi golboo laabraatoorii keessaatti kan qoratamu yoo yaaliin lubbuu nam-tolchee hojjechuuf godhamu hin jiru. Tahus qorannoon kuni saayintistootaaf nama keessatti caasaalee lubbuu qaban irratti to'annoo akka qabaatan ni eeyyamaafi jedhan.

Piroojektiin kuni bu'aa fayyaafi haa jedhamuyyuu malee saayintistoota naamusa hin qabne teeknolojii kana akka malee akka hin fayyadamne wan isaan dhaabu hin jiru.

Fakkeenyaaf meeshaa waraanaa baayolojikaalaa, nama nam-tolchee ykn ammoo lubbuu qabeeyyii DNA namaa qaban tolchuu danda'u jedhu Yunivarsiitii Edanbiraatti saayintistii qaccee sanyiifi kiroomoozoomii nam-tolchee kan kalaqan Piroofeesar Biil Eernaashoo.

''Qacceen sanyii kuni qaruuraan ala jira,'' jedhan. Amma dhorkaa garagaraa qabna garuu dhaabbanni maashina isa sirrii qabu waan barbaade irraa tolchuu danda'a, eenyuyyuu dhaabuunii hin danda'u,''jedhan.

Aadde Toomas kaampaaniiwwan fayyaa teeknolojii akkasii daldalaa hin malleef akka hin oolchine sodaa qaba jedhu.

''Qaama nam-tolchee tahe yoo kalaquu dandeenye akkasuma namoota nam-tolchee tahan tolchuuf deeman, sana booda eenyutu isaan dhuunfata? Odeeffannoo isaanirraa argamu immoo eenyutu fudhata.

Teeknolojiin kuni haala hin malleen faayidaarra ooluu akka danda'u otoo beekamu maaliif dhaabbanni Wellcome qarshii irratti baasuu murteesse ? Murtoo kanarra salphaatti hin geenye jedhu qarshiin kuni akka kennamu kan murteessan Dr Toom

''Tarkaanfii fudhachuu dhiisuun gatii nu baasisaa jennee of gaafanne,'' jedhu namni kuni.

''Teeknolojiin kuni gaafa tokko hojjetamuunsaa hin oolu haala danda'ameen gaafatamummaan tolchuuf yaalaa jirra. Gaaffii naamusaa dhufus fuulduratti morkachuu qophii dha,'' jedhan.

Qorannoon kuni sagantaa saayinsii hawaasaa soosholojistii Joy Shaangiin gaggeefamu wal tumsuun Yunivarsiitii Keentitti hojjetama.

''Yaadni ogeeyyii nu barbaachisa, ogeeyyii saayinsii hawaasaa keesumaa warreen fayyaa hawaasaa irratti hojjetan teeknolojii kanarratti gaaffii fi yaaddoo qaban dhiyeessaa waliin hojjechaa deemna,'' jedhan.