Karoora nagaa Gaazaa- maaltu itti aana?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gara Baha Giddu galeessatti imaluun kaleessa erga paarlaamaa Israa'elitti haasawaa taasisaniin booda gara Masrii imaluun waliigaltee nagaa Israa'elii fi Haamas mallatteessaniiru.

Hoggantoonni addunyaa 20 ol karoora nagaa gara fuula duraa Gaazaa kanaaf Masrii magaalaa Sharm el-Sheyikh keessatti walga'anii mari'atan.

Masrii, Qaaxaar, Turkii fi US wabii dhukaasa dhaabuu waraana waggoota lamaaf Gaazaa diige xumuruuf mallatteessaniiru

Fulbaana 29 erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ministira muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin ta'uun karoora qabxii 20 waraana Gaazaa xumuru jedhan beeksisanii booda adeemsi marsaa tokkoffaa raawwataa jira.

Dhukaasa dhaabuu fi namoonni Israa'eliin booji'amanii fi hidhamtoonni Haamas bute gadhiifamaniiru.

Dhukaasa dhaabuu hordofuun hammi gargaarsi namoomaa gara Gaazaa dhaqus dabaleera.

Hamaas reeffa namoota du'an keessaa afur qofa akka deebisu ibseera. Gaazaatti reeffi namoota 24 ni hafu jedhamee amanama.

Hidhamtoonni Filisxeem 2,000tti siqan bilisa baaftei maatii isaanii waliin walitti makamaniiru.

Hidhamtoonni Filisxeem adabbiin umurii guutuu itti murtaa'e turan gara 250 ta'anis gadhiifamaniiru.

Tiraamp paarlaamaa Israa'el keessatti haasawa taasisaniin, "Yeroon dheeraa fi dhukkubsataa Israa'elii fi Falasxiinotaaf ture dhumateera" jedhan.

Tiraamp paarlaamaa Israa'el keessatti haasawa taasisaniin, "Yeroon dheeraa fi dhukkubsataa Israa'elii fi Falasxiinotaaf ture dhumateera" jedhan.

Yeroo Tiraamp dubbatanitti miseensonni paarlamaa Israa'el dhaabbachuun irra deddeebiin harka rukutaa turan.

Marii Masrii kanarratti Ministirri Muummee Biriteen Sir Keir Starmer fi preezdaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon dabalatee hoggantoonni hedduun hirmaataniiru.

Karoora nagaa itti aanuu hojiirra oolchuuf mariin marsaa 2ffaa eegaluu Tiraamp kan himan

Tiraamp amma deebisaanii ijaaruu jalqabna jechuun dubbatan. Hoggantoonni biyyota Arabaa harki caalaanis marii kana irratti hirmaataniiru.

Boordii karoora nagaa Tiraamp hojiirra oolchu kana kan hoogganan ministirri mummee duraanii UK Tooni Bileer maricha irratti hirmaataniiru.

Gaazaan yeroodhaaf miseensota koree ce'umsaa Filisxeemotaatiin kan hogganamu yoo ta'u, qabxii karoora nagaa kana hojiirra oolchuuf mariin marsaa itti aanuu taasifamu ni eegama.

Qabxiilee irratti walii hin galle keessaa kanneen akka , Hamaas hidhannoo hiikkachuu fi bulchiinsa Gaazaa ni argamu.

Hamaas hanga mootummaan Filisxeem beekamtii argatutti meeshaa waraanaa akka hin hiikkanne ibseera. Gaazaan humna biyya alaatiin akka bultu akka hin hayyamnes ibsiteetti.

Ministirri Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun Gaazaan bulchiinsa Filisxeem jala akka galtu hin fedhan.

Tiraamp karoorri nagaa marsaa lammaffaa eegalamuu ifoomsan.

Tiraamp Masrii keessatti wayita waliigaltee sana mallatteessan "Namni hundi gammadeera. As ga'uuf waggoota 3,000 akka fudhate amanuu dandeessu?" jechuun dubbatan

Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Sisi Tiraampiif badhaasa siiviilii olaanaa biyya isaanii, 'Order of the Nile' jedhamus kennan.

Al-Sisiin dhukaasa dhaabuu kana ''tarkaanfii seena qabeessa bara suukaneessaa xumuru'' jechuun ibseera.

Marii itti aanu keessatti dhimmi Gaazaan ''naannoo shororkeessummaa irraa bilisa ta'ee fi ollaa isheef balaa hin geessisne taasisuu kan eegaamuudha. Kun ammoo hidhannoo hiikkachuu Hamaas waliin kan wal qabatuudha.

Miseensota Hamaas karaa nagaanitti fufu barbaadaniif dhiifamni kantaasifamu yoo ta'u, warra baqattummaa filatanis akkasuma.

Dabalataanis, humni yeroof tasgabbii idil-addunyaa, hojjettoota Ameerikaa, Arabaa fi Awurooppaa irraa ijaarame, nageenya to'achuu fi leenjii humna poolisii Filisxeem haala mijeessuun tasgabbii fi nagaa yeroo dheeraa mirkaneessuuf ni bobbaafamu.

Itti aansees gargaarsi namoomaa gidduu seenummaa malee akka itti fufufuu fi Gaazaa deebisanii ijaaruu jalqaba jedhamee eegaama.