Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwattee maal beekna?
Qondaaltoonni Ameerikaa Israa'el halkan Jimaataatti bari'u misaa'eliidhaa Iraan haleeluu dubbatan. Haleellaan haaloo bahumsaa kunis muddama biyyoota lamaan jidduutti torbanoota lamaaf tureen boodadha.
Hangaafi amma miidhaa haleellaa naannoo Iraan, bulchiinsa Isfaahaan keessatti raawwatamee ilaalchisee odeeffannoowwan wal dhiitutu bahaa jira. Miidiyaalen Iraan haleellicha baay'ee gadi xiqqeessu.
Israa'eliifi Iraan jidduutti wal dhabdeen kan cime erga Israa'el gamoo qonstilaa Iraan kan Sooriyaa keessatti argamu irratti haleellaa raawwattee, Iraan ammoo haleellaa cimaa raawwatte. Taatee tibbanaa kan beeknuu kunooti.
Haleellaan raawwatamu attamiin beekna?
Israa'el yeroo baayyee tarkaanfii waraanni ishee garee hidhattootaa Sooriyaa fi Iraaq keessa jiran irratti yeroo raawwatu tokkaa amantee hin beektu.
Haata'u malee, qondaaltoonni US Israa'el Jimaata gara barii keessa miisaa'elaan Iraan haleelluu ishee miidiyaa CBS kan BBC waliin hojjatuuf mirkanneessan.
Meeshaawwan attammii akka faayidaarra oolfaman ykn eessarraa akka dhukaafaman ifa miti. Maddeen US garuu haleellicha irratti miisaa'ela fayyadamuu yoo himan, Iraan garuu dirooniiwwan xixiqoodha jette.
Mootummaan Iraan miidiyaa gara biyyatti seenu cimsee to'ata. BBCnis bakka haleellaan keessatti raawwatamee wiirtuu Isfaahaan kallattiin hin qaqabu.
Waa'ee halellaa kanaa Iraan maal jetti?
Qondaaltoonni Iraanfi miidiyaalen muraasni biyyattii yaaliin haleellaa jiraachuu mirkanneessan, garuu ciminasaa baayyee gadi xiqqeessan. Namni ajjeeffamu hin gabaafamne.
Ejansiin oduu Faarsi Iraan akka gabaaseetti, dhiheenya buufata waraanaatti dhohiinsi dhagahamu himan.
Chaanaaliin miidiyaa mootummaa tokkoo ammoo, Jeneraala Isfaahaan keessaa eeruun akka gabaaseetti, naannichatti sagaleen dhohinsaa kan dhagahame sababii ''humni qilleensaa wantoota shakkisiisoo ta'an irratti dhukaaseefiidha'' jechuun miidhaan homaatuu akka hin qaqabne hime.
Ejansiin oduuTaasnim waraabbi viidiyoo buufata nikulaaraa Isfaahaanitti argamufi miidhaan homaatuu akka hin mul'anne maxxanse.
Ejansiin Inarjii Atomikii Idil-addunyaa (IAEA)n eddoowwan nikulaara Iraan irratti miidhaan homaatu akka hin qaqqabne mirkanneesseera.
Dubbii Himaan Wiirtuu Saayibarispeesii Biyyaaleessaa Iraan, Hoseen Daaliriyaan, ''daangaawwan alaatii haleellaan qilleensaa mudate hin jiru'' jedhan.
Innis Israa'el yaaliin kaadikoopataroota (diroonoota) balaliisuuf yaalte kan hin milkoofneefi yaalii qaanneessaa yoo ta'u, isaanis rasaasaan rukutamaniiru'' jedhan.
Iraan haleellichaan booda balaliiwwan imaltootaa irra dhorkaa keessee kan turte yoo ta'u amma kaafte jirti.
Akkasumas Sooriyaafi Iraaq, bakka hidhattoonni Iraaniin gargaaraman socha'an keessattis halkan keessa dhohiinsi gabaafameera, garuu ammoo kallattiidhaan haleellaa Isfaahaaniin wal qabachuu ifa miti.
Ministeerri raayyaa Sooriyaa dirreen ittisa qilleensaa kan kibba Sooriyaa ture misaa'eloota Israa'eliin Jimaata gara barii keessa haleellameera jedhe. Israa'el kana duuba jiraachu kan jette hin jiru.
Isfaahaan irratti amma maalif xiyyeeffatame?
Bulchiinsa Isfaahaan naannoo bal'aa walakeessa Iraanitti argamu yoo ta'u, moggaasaas magaalaa guddoo irraa argateedha.
Naannichis buufata humna qilleensaa guddicha, dhaabbanni oomisha miisaa'el guddichi fi dhaabbilee niikulaaraa dabalatee bakka bu'uraaleen waraanaa Iraan gurguddoon keessatti argamaniidha.
Israa'el dursitee waa'ee tarkaanfii waraanaa fudhattu Ameerikaatti himuu dandeessi, garuu ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaan, Antooniyoo Taajaanii walgahii G7 kan Kaapriitti taa'ameerratti gaazexessitootatti akka himaniitti, Waashingiton ''sa'aatii dhumaatti itti himame'' jedhan.
Yaa'icharratti wayita dubbataniitti, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan, waa'ee haleellaa dubbachuu diduun, ''US opareeshinii raawwatame keessaa harka hin qabdu'' jedhan.
Haleellaan ammaa kunis Iraan Israa'el irratti dirooniifi misaa'elii dhibbaan lakkaa'aman erga dhukaafteen torban osoo hin gunnee kan mudateedha. Kunis dubbiin hammaachaa jiraachutti ilaalame.
Haleellaan Iraan haala kana dura argamee hin beekneefi baayyee bal'aa turulleen, irra caalaa kan milkaa'e hin turre. Ameerikaa, UK fi biyyoonni michootaa kaanis humna qilleensaa Israa'eliin deeggaruudhaan baayyeesaa fashaleessaniiru.
Haleellaan haala kana dura baramee hin beeknee Israa'el irratti raawwatame sunis haaloo bahumsa haleellaa Ebla 1, 2024 gamoo dippilomaasii Iraan kan Siiriyaa keessaarratti dhukaafamee ture.
Israa'el haleellaa sana duuba jiraachu ifatti mirkanneessu baattuulleen garuu baayyee ishee ta'un amanama.
Kun Israa'eliifi Iraan jidduutti muddama dabalaa laata?
Faayidaan guutuun haleellaa dhiheenyaa kanaa ammallee ifa kan hin taane yoo ta'u, Iraan deebii kan kenniituuf ta'unis hin baramne.
Gabaasaan dhimmoota nageenya BBC, Firaank Gaardinar, hangi haleellaa guyyaa Jimaataa 'baayyee murtaa'aa akka fakkeenyaa wayiti' jechuun ibsee, tarii walitti bu'iinsi kana caalaa akka hin deemne gochuuf yaadamee kan qophaa'e ta'uu mala jedhe.
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun Iraan irratti haleellaa raawwachurraa akka of qusataniif janaraalotuma isaafii deeggartoota siyaasaa isaatiin dhiibbaa akka mudachuu malu qopheessaan BBC addunyaa Jeramii Bowan gabaasee ture.
Israa'el waldhabdee diinoota Baha Jidduugala lama kanneen bakka butootaan walwaraanaa turan akka waraanaa kallattii keessa hin seeneef, tarkaanfii kanatti geessuu kamuu akka hin fudhanneef Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa dhiibbaa irratti godhaniru.
Israa'eliifi addunyaan deebii akkamii kenne?
Deebiiwwan Israa'el keessaa argaman muraasni qoodiinsa siyaasaa biyyatti agarsiisan. Ministirri Nageenyaa sanyummaa leelliisan, Itaamaar Been Giivar, haleellaan Iraan irratti raawwatame ''dadhabaa ykn okkoolaadha'' jechuun ibsan.
Dursaan paartii mormituu Israa'el Yaa'ir Laapiid, deebii kennaniin, aangoorra akka ka'aniif gaafachuun yaadni qondaalli kun kennaniis kan Israa'el irratti qoofameefi qaanneesseedha jedhan.
Mootummaan UK haleellicha irratti yaada homaa akka hin kennine dubbachuun, garuu ammoo Israa'el ''mirga ofiishee ittisuutiin dubbiin garmalee akka cimne'' dhaabuu qabdi jedhe.
Pirezidantiin Komishinii Awurooppaa, Ursuulaa Voon Der Leeyeen, qamooleen hundi tarkaanfii biraa fudhachurraa akka of qusatan waamicha taasisan.
Diinagdee addunyaa maaltu mudate?
Sababii walitti bu'iinsa Baha jidduugalaa keessatti cimaa dhufeetiin, yaaddoo dhiyeessitiin boba'aan adda cituu danda'a jedhu uumeera.
Haleellaa mudateen booda madaallii gatii boba'aa idil-addunyaa kan ta'e, jikitii bireenti barmeeliidhaan doolaara 1.8 irraa gara doolaara 88tti ol ka'e.
Gatiin boba'aa jalqabarratti hanga %3.5n dabalee, haata'u malee wayita haleellaan murtaa'aa ta'unsaa ifa ta'u gatiin deebii'ee tasgabbaa'e.
Gatiin warqee battalumatti garmalee dabalee ture amma gadi deebi'ee jira.