Qoqqobbii Ameerikaan waraanaa Israa'el irra keessu kamiyyu fudhatama hin qabu -Netaniyaahuu

, ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netinyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

US kutaa waraanaa Israa'el tokkorraa gargaarsa nan kuta jechuu hordofee, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netinyaahuu qoqqobbiin humna waraanaa biyyasaaniirra kaa'amu kamiyyu fudhatama hin qabu jedhan.

"Humnan qabu hundaan dhimma kanarratti nan qabsaa'a," jedhan Netinyaahuun haasaa Dilbata taasisaniin.

Fuulli oduu Axios jedhamu US kutaa waraanaa Israa'el Netzah Yehuda jedhamu Weest Baank bakka humnaan qabatee jiru keessatti sarbama mirgoota namoomaa raawwachaa jira jechuun himatamerratti xiyyeeffachuushee gabaaseera.

Qaamni alaa yakka raawwachuun himatame kamiyyu US irraa dhorkaan akka irra kaa'amu BBCn duraaniyyu ni beeka. Ameerikaan kutaalee waraanaa sarbama mirgoota namoomaa raawwataniif seera gargaarsas ta'e leenjiin akka hin kennamneef dhorku qabdi.

Antoonii Bilinkan sarbama mirgoota namoomaa Weest Baank keessatti maqaa kutaa waraanaa Humna Ittisaa Israa'el ka'aa jiruun walqabatee gaafatamanii akkas jedhan: "Ani murtee kiyya taasiseera; guyyoota dhufan keessa arguu dandeessuu eegaa".

Michuu jabduu israa'el kan taate Ameerikaan, kanaan dura kutaa waraanaa Humna Ittisaa Israa'el (IDF) ikamirrayyu gargaarsa dhowwitee hin beektu.

IDF kutaan waraanaasaa Netzah Yehuda jedhamu kun seeruma idil-adudnyaa hordofee hojjechaa jira jedhe.

“Gabaasaaleen waa’ee qoqqobbii kutaa waraanaa kanarra kaa’ame bahaa jiranillee, waraanichi garuu waa’ee dhimmichaa hin beeku. Waraanichi taateen hin baramne mul’ateera yoo ta’es akkaataa seera jiruutiin qorachuu itti fufa,” jechuusaa Roohitars gabaaseera.

Ministirri Ittisaa Israa’el Yohaav Galaant gamsa isaaniin, US kutaa waraanaa Netzah Yehuda irra qoqqobbii kaa’uuf fedhii agarsiisa ajirtu akka dhaabdu gaafachuun, addunyaan yeroo kamiyyu caalaa hariiroo biyyoota lamaanii itti dhiyeenyaan horodofaa jira jedhan.

Galaant ibsa baasaniin, “Yaaliin kutaa waraanaa tokko qeequudhaaf taasifamu gocha waraanichaa xureessuudha. Kun biyyoota michoota ta’aniif karaa sirrii miti,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Axios Sambata darbe maddeen Ameerikaa sadii dhimmicha beekan eeruun akka gabaasetti, Bilinkan qoqqobbii Netzah Yehuda irra kaa'amuuf jiru guyyoota muraasa kessatti beeksisu jedhamee eegama.

Tarkaanfiin kun kan fudhatamu sarbama mirgoota namoomaa Weest Baank keessatti raawwatame jedhameefidha.

Namni lammii Filisxeem-Ameerikaa ta'eefi umuriin isaa waggaa 80 Omaar Asaad sakatta'insa Weest Baank keessatti taasifameen erga loltoota Israa'eliin hidhamee booda du'es taatee biraa dabalataa ilaalamudha.

Yeroo sanatti "qorannoon yakkaa guutuufi itti gaafatamni" akka jiraachuu qabu Ameerikaan gaafattees ture.

Humni waraanaa Israa'el du'a Omaar Asaad ilaalchisuun akka gaabbe ibsuun, kanaan walqabatee ajajaa Netzah Yehuda "akeekkachiifni" akka itti kennamu beeksisee ture.

Loltoonni lama ammoo waggoota lamaaf itti-gaafatamummaa olaanaarra akka hin hojjenne akka dhorkaman himuun, seeraan garuu hin gaaftaman jedheera.

Omaar Asaad lubbuun isaa kan darbeef sababa rakkoo fayyaa duraan qaba tureenidha jedheera.

Maatiin Omaar Asaad Ameerikaa jiraatan garuu dhimmicha kanaan cufuuf murteessuu mormaniiru.

Sarbamni raawwatamaniiru jedhaman hundinuu Onkoloolessa 7, Hamaas Israa'el irratti haleellaa osoo hin raawwatiin duradha.

Ameerikaan kutaalee waraanaa sarbama mirgoota namoomaa raawwataniif seera gargaarsas ta'e leenjiin akka hin kennamneef dhorku qabdi.

Bara 1999 keessa kan hundeeffame Netzah Yehuda kutaa waraanaa addaa dhiironni leellistoota Ortodoksii Yihudootaa ta'an qofti keessa tajajailanidha.