Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ogeessoonni diroonii Iraan Kirimiyaatti bobbaafaman- US
Iraan waraana Yukireen irratti haala itti dirooniin dhukaafamu gargaaruuf bakka Raashiyaan to'attee Kirimiyaatti oggeessoota diroonii bobbaasuu Waayit Hawuus beeksiise.
Lammiileen Iraan leenjiiftootaafi hojjattoota deeggarsa kennaniidha jedha dubbii himaan US.
Magaalaan guddoo Yukireen Kiyiv Wiixata diroonii 'Kamikaaz' jedhamuun kan haleellamte yoo ta'u dirooniwwan kunneenis Iraaniin kan hojjataman ta'uutu amanama.
UKn dhaabbileefi namoota dhuunfaa diroonnii kana dhiyeessuun itti gaafatamoo ta'an irratti dhorkaa keessee jirti.
''Ogeessoonni looltota Iraan oppireeshiniiwwan kanneeniin Kirimiiyaa keessaa Raashiyaa deeggaraa jiraachuu xinxalleerra,'' jedhan dubbii himaan nageenya biyyaaleessa Waayiiti Hawuus, Joon Kirbii gaazexessitootatti yoo himan.
Ogeessonni Iraan lakkoofsaan ''gad-aanaa ta'anitu'' deeggarsa teekiniikaa kennaa jira, Raashiyaan ammoo diroonootaan Yukireenin adamsaa jirti jedhan.
''Amma Tehraan karaa meeshaa waraanaa kanneen namoota nagaa fi bu'uraalee misoomaa namoota nagaa Yukireen keessaa irratti dhiibbaa taasisan dhiyeessuun kallattiin hirmaataa jirti,'' jedhan Kirby.
US'n meeshaalee waraanaa uummata Yukireen irratti dhiheessitu kana ifa baasuuf, dhaabuu fi fuuldura dhaabbachuuf ''kan danda'ameef hunda ni raawwatti'' jedhan.
Yukireenis diroonnii nama maleessaa guyyaa Wiixataa ittiin haleellaan raawwatme diroonnii Iraan Shahed-136 ta'u adda baafte.
Isaanis diroonii 'kamikaze' jedhamuun beekamu sababii erga haleellaa raawwataniin booda ofumaan barbadaa'aniif.
Moggaafni kunis paayilatoota waraanaa Jaappaan kanneen Waraana Addunyaa lammaffaa irratti ergama badii balleessuu raawwataniin booda kan kennameefiidha.
Raashiyaan dhiheenya keessa bu'uuraalee misoomaa Yukireen haleeluuf dirooniiwwaniitti fayyadamti. Kanaanis Wiixata torban darbee kaasee buufataalee ibsaa biyyattii harka sadii ta'u barbadeessite jirti.
Kanaanis yeroo jalqabaatiif Yukireen keessatti haala fayyadama ibsaa irratti dhorkaan kaa'ameera.
Sababii Raashiyaan Yukireen haleeluuf dirooniiwwan Iraan fayyadamteen wal qabatees UKn janaraaloota Iraan sadiifi dhaabbata waraanaa irratti addabii labsiite.
Ministirri Dhimma Alaa UK, Jeemsi Kilvariliin kanneen haleellaa Mooskoon raawwattuun bu'aa argataniidha jechuun himatan.
Namoota UK irratti xiyyeeffate keessaa tokko hogganaa humna waraana Iraan, Meejar Janaraal Mohaammad Hossein Bagheri akkasumas gorsaa Indastirii aviyeeshiinii Shahed, kan diroonii oomishu kan ta'aniidha.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin Raashiyaan hidhawwan kibba Yukireen irratti dhootuwwan awwalaniiru jechuun himatan.