'Maan Siitii injifachuun waancaa PL mo'achuu qabna'- Taphattoota Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images
Halkan diraamaan guutame, miiraan kan weerarame guyyaatti Arsenaal Maanchister Siitii irraa qabxii torbaan fagaata jedhamee eegametti Saawuzhampitan waliin qixa 3 fi 3'n xumuruun carraa waancaa gara Maan Siitiitti deebisan jechuun namootni hedduun yaada kennan.
Dirree isaa Imireetis irratti bara kana Arsenaaliin kan mo'ate Maanchister Siitii qofa ture.
Saawuzhampitan garuu hanga daqiiqaa lama hafutti galchii 3 fi 1'n Imireetis irratti Arsenaaliin dursaa turan.
Galchii Bukaayoo saakaa fi Maartiin Odeegaardi garuu qabxii tokko argatanii akka bahan isaan gargaareera.
Ammas Maanchister Siitiin garee Maayikil Arteettaa irraa qabxii shaniin duubatti hafee jira.
Garuu taphoota haftee lama qaba. Yoo taphoota isaan hafan hundaa mo'an waancaa bara kanaa ammas mo'achuu isaaniiti.
Roobii dhuftu ammoo Maanchister Siitiin Arsenaal waliin morkata. Arsenaalis tapha Maan Siitii kana mo'achuun ammas carraa waancaa injifachuu harkatti galfanna jechaa jiru.
Taphataan Arsenaal gabri'eel Yesuus Sky Sport'f yaada kenneen, Maan Siitiin tapha haftee lama qaba. Garuu shaampiyoonaa tahuu yoo barbaanne dirree isaanii irratti injifachuuf deemuu qabna, dubbiin kanuma'' jedhe.
Arteettaanis yaaduma kanaan waliigala. Taphataan duraanii Liiverpuul Jaamii Karaager ammoo Arsenaal Maan Siitii mo'achuuf ''waanuma raajii'' tokko barbaadu jedhe.
Arsenaal erga bara 2015 as dirree Itihaad irratti Maan Siitii mo'atanii hin beekan.
Waggoota 19 booda waancaa PL mo'achuu yoo barbaadan rikardii isaanii kana fooyyessuu akka qaban maayikil Arteettanis ni amana.
Garee waliin yeroo lama waancaa Priimer Liigii mo'ate morkachuu ilaalchisee yoo gaafatamu, ''dafeeyyuu naaf hin gahu'' jedhe. ''Kunneen garee ati waliin taphachuu barbaaddudha. Yeroo waan hunduu harkakee keessa jiru, achi deemtee mo'achuudha qabda,'' jedhe.
"Gareen dargaggootaa kunneen akka ajaa'ibaatti taphachaa jiru. Haamilee isaan qabanii fi carraa goolii isaan uuman adda ture, ergichi ifaadha. Nan isaan jaalladha.
Maanchister Siitiin FA Cup Sheefiildi Yuunaayitid waliin taphatee, Arsenaaliif ammoo qophii taasisa.
Waancaa Shaampiyoonsi Liigiis Riyaal Maadirid waliin walakkaa xumuraaf gaheera.
Pep Gaardiyoolaan waancaa Priimer Liigii, FA Cup fi Shaampiyoonsi Liigii carraa injifachuu qaba.












