'Har'a Maan Siitii hin mo'attan taanan, 'wal-hin dhiifnu' '' - Arteettaa

Taphattoota Arsenaalfi Maan Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Har'a halkan Sa'aatii 4tti Arsenaalifi Maan Siitin tapha Piriimer Liigin kokkee wal-qabuuf jiru.

Maayikil Arteettan, "Har'a mo'amtan taanan wal-hin dhiifnu," jechuun taphattootasaa akeekkachiisera. "Iddoo itti galtan barbaaddadhaa" waan jedhuun fakkaata.

Arteettan kana jechuunsaa taphattoonni isaa Isteediyeemii Itihaaditti Maan Siitii akka mo'aniif hamilee isaanii kakaasufi.

Dabaluunis, "Har'a mo'achuu baannan gatii hin qabnu" jechuun dhaadate. Dhuguma har'a Siitii hin mo'atan taanan tapha afur walitti aansun mo'achuu dadhabani jechuudha.

Peep Gardiyoolanis dirreesaa irratti garee Arteetta adabuuf qophaa'eera.

Arsenaal qabxii 75 walitti qabatee Piriimerliigii dursaa jira; Siitin taphni lama otoo isa hafuu qabxii 70 sassaabbatee Arsenaalitti aanee jira.

Taphni har'aa lamaansaanifuu murteessadha. Arsenaal waggaa 20 booda bara kana waancaa nyaachuuf morkata. Siitin ammoo olaantummaa Piriimer Liigii walitti aansun qabataa ture deefachuuf taphata.

Arsenaal bara 2004'tti taphoota 38 guutuu osoo hin mo'amin taphachuun qabxii 90 sassaabbatee waancaa Piriimerliigii fudhate. Ergasii "waancan mana kee hin seenin" jedhanii waan abaaran fakkaata - deebi'ee wancaa hin injifanne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan duraanii sarara ittisaa Maan siitii, Kooluu Tureen, "Peep Gaardiyoola fi Arteettan akka barataafi barsiisati" jechuun tapha har'aa irraa diraamaa wayii akka eegu dubbate.

Arteettan Maan Siitii yeroo ture gargaaraa Peep Gaarddiyoolaa ta'ee hojjateera. Lamaansaanii waliif michuudha.

Kooluu Turee BBC Radio 5 waliin turtii taasiseen, "Isaan [Arsenaalifi Maan Siitiin] yeroo ammaa kilaboota urjii biyyattiin qabduudha, leenjistoonni isaanis akkasuma urjiidha."

"Leenjistoonni lachuu akkaatan isaan itti taphattootasaanii hiriirsanii taachuusan ilaaluf nama hawwisiisa. Kanaaf [taphni kun] tapha sammuu, teekinikaafi qaamaa akka ta'u ni beekna," jedhe Kooluu Turee.

Waa'ee jifataa Siitii Erling Haaland ammoo: "Inni naannoo sarara ittisaa [garee faallaa] irraa hin fagaatu. Kubbaan karaa isheen dhuftu ni suufa, miirri itti hima, taphataa cimaadha," jedhee jaje.

Haaland bara kana galchii 32 galchee jira. Kana jechuun ida'ama galchii Martineelii 15fi kan Bukaayoo Saakaa 13 jechuudha.

Taphataan sarara ittisaa Arsenaal itti abdatu Wiiliyaam Saliiban miidhamaan har'as galuu dhabuunsaa Erling Haaland akka garaasaa akka gulufu taasisa jedhamaa jira.