Roobinihoon yakka gudeeddiif waggaa sagal hidhaa akka turu itti himame

Roobinihoon kana dura Maanchistar Siitii, Riyaal Maadiridiifi AC Miilaaniif taphateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Roobinihoon kana dura Maanchistar Siitii, Riyaal Maadiridiifi AC Miilaaniif taphateera
Maxxanfame

Roobinihoon hidhaa waggaa sagal yakka gudeeddii raawwachuun irratti darbe Biraazil keessatti akka dabarsu manni murtii murteesse.

Taphataan duraanii Maanchistar Siitiifi Riyaal Maadirid mana murtii Xaaliyaaniin bara 2017 ture yakkamaa kan ta’e.

Kunis badii bara 2013 dubartii ganna 22 lammii Albaaniyaa gareen gudeedamteerratti waan qooda fudhateefi.

Taphataan ganna 40 kuni biyya isaa Biraazil keessa jiraata. Biraazil immoo lammiilee ishee seeraan gaafataman biyyoota kaanitti hin ergitu.

Abbootiin seeraa Biraazil guyyaa Roobii murtee murteessaniin Robinihoon murtee waggaa sagal itti murame Biraazil keessa akka dabarsu murteessaniiru.

Kunis gaaffii Xaaliyaaniirraa dhihaateef hordofeeti.

Taphataan duraanii idil-addunyaa Biraazil biyya isaaf si’a 100 hiriiree taphate yeroo yakki raawwateetti kilaba Xaaliyaanii AC Milaaniif taphata ture.

Erga yakkamaa ta’e booda ol iyyatus bara 2020 hin milkaa’in hafeera. Manni murtii olaanaa Xaaliyaanii murtee hidhaa isaa kana bara 2022 deeggareera.

Eegasii abbootiin alangaa Xaaliyaanii ajaja hidhaa idil-addunyaa itti baasani.

Taphataan waggoota lamaaf Maanchistar Siitii waliin dabarse kuni saal qunnamtiin raawwate ''fedhiirratti kan hundaa’edha'' jechuun miidiyaa Biraaziliifi dubbate.

Maallaqa yeroos riikardii jedhameen bara 2008 Maanchistar Siitii seenuu dura Riyaal Maadiriid waliin waancaa Laa Liiga lama ol kaaseera.

Bara dorgommii lama boodammoo AC Miilaan seenee achitti waggoota shan dabarse. Eegasiimmoo gara Chaayinaa imaluun boodarra gara kilabii Biraazil deebi'ee amma achi jiraata.