Filannoo Keeniyaa 2022: Dargaggootaa fi filannoo

Ibsa waa'ee viidiyoo, Filannoo Keeniyaa 2022: Dargaggootaa fi filannoo
Filannoo Keeniyaa 2022: Dargaggootaa fi filannoo
Maxxanfame

''Bulchaan dansaan misooma dassaa nuu fida.''

Kun hawwii dargaggoota kaawuntii Marsabit, kan Kaaba Keeniyaati.

Biyyi Afrikaa bahaa Keeniyaan, filannoo biyyaalessaa Hagayya 9, 2022 gaggeessuuf qophii cimaa gaggeessaa jirti.

Wayita filannoon kun gaggeeffamaa jirutti biyyattii keessa jireenyi akkaan qaala'eera, hongeenis hammaateera.

Bulchiinsa Marsabit imaluun dargaggoota kuraa baranaan filachuuf galmaa'an dubbisneerra.

Akkuma namoota dubbisne hedduu, dargaggoonni kunis bulchitoonni sadarkaan jiranii: dhimmoota nagayaa, carraa hojii fi misoomarratti akka xiyyeeffatan fedhu.

Viidiyoon: Eliyaas Muluugeetaa Hordofaa