Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti Falaasamaan Pirofeesara jalqabaa kan ta'an Prof. Baqqalaa Guutamaa maal jedhu?
Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa waggoota 46 darban barnootuma damee Falaasamaa kana barataafi barsiisaa jiru. Yunvarsiitii Finfinnee keessatti gosaa barnootaa kanaan hayyuu gurra guddaa horatanidha.
Barnoota Falaasamaa kanaan gulantaa Piroofeesarummaa gahuunis Itoophiyaatti nama jalqabaa yoo ta’an, amma isaaniifi waa’ilan isaanii tokko waliin namoota lamatu gulantaa kana qaqqabe.
Piroofeesar Baqqalaan ALI bara 1973 erga digirii jalqabaan eebbifamnii hanga ammaatti yunvarsiituma Fiinfinneetti barsiisummaan hojjechaa jiru.
Waggoota muraasa durammoo pirezedaantii Yunvarsiitichaa ta’uufis dorgomanii namoota sadii filataman keessa galanii ture.
Tibbana ammoo Yunvarsiitiin Finfinnee isaan dabalatee hayyoota birootiif gumaacha qorannoofi barnoota irratti godhaniif beekamtii kenneefii ture.
Addatti Falaasama Afrikaa irratti hojjechuun kan beekaaman Hayyuun Falaasamaa buleessi kun, qorannoowwan Falaasama Oromoo irratti xioyyeefatan lama dabalatee waraqaalee qorannoo hedduu maxxansiisaniiru.
Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa magaala Ambootti dhalatanii guddatan. Barumsa isaanii sadaarkaa duraafi lammeessoos achuma magaala Ambootti baratan.
Akkamiin jaalala barnoota Falaasamaatiin akka qabaman, ergasii hojiiwwan akkamii akka hojjetaniifi karoora fuulduraaf qaban irratti BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasisaniiru.
Akka isana jedhanitti, waa’ee barnoota Falaasama (Philosophy) jedhamu kanaa hanga Yunvaarsiitii seenanitti homaa quba hin qaban ture.
A L I bara 1970 yeroo Yunvarsiitii seenan gosa barnootaa isaan filatan osoo hin taane barnoota Falaasamaa kana akka barataniif ramadamuus yaadatu.
“Yeroo sana yunvarsiitii keessatti barnoonni Falaasamaa kuni maqaa guddaa qaba. Barumsa ulfaataadha jedhamee sodaatama. Gaafa isattii na ramadan gammachuudhaanin fudhadhe. Barumsa isaas digirii jalqabaa akkuma gaariinan xumure,” jedhan.
Yeroo sanatti dhaabbileen barnoota olaanoo lama qofa waan turaniif humni nama baratees muraasa waan ta’eef, namni barate hundi mootummaan waan qaacaramuuf baarnoota kanaan maalan hojjedha kan jedhu yaaddoon hin turre jedhu.
Ani Falaasamaan ala kan biraa hin baranne…
Piroofeesar Baqqalaan barnoota Falaasamaa digirii jalqabaa irratti filannoo isaaniin ala kennameef kanarraa ergasii adda hin baane.
Digirii lammaffaa biyya Jarmanitti, doktareetii isaanii ammoo biyya Ostiriyaatti Falaasamumaan eebbifaman.
“Tokkicha Falaasama faana walbartee jennaan jibbuu hin dandeessu. Falaasamni kuni gaaffilee bu’uuraa gaafatee deebisuuf kan yaaludha. Wantoota kallattii adda addaatiin bal’istee akka yaaddu si gargaara.”
“Fakkeenyaaf, dhugaan maali? Waanti dhugaa ta’ee jiru jedhamee yaadamu maali? Kan jedhu gaaffiiwwan bu’uuraa ta’an gaafatee deebisuu yaala,“ jedhan.
Barnootichi kallattii gaaffii gaafatuutiin amantaa waliin waan walfakkeessu qaba kan jedhan Piroofeesar Baqqaalaan, garaagarummaan isaanii akkaataa deebii itti kennanirratti jedhu.
“Wanti dhugaadhaan jiru maalinni kan jedhu gaafatu lamaanuu. Garaagarummaan akkaataa itti deebisani. Amantiin karaadhuma amantii Waaqaafi amantiirratti hundaa’a. Falaasamni garuu beekumsaafi sababa irratti hundaa’a,” jedhan.
Falaasamni kuni jireenyumti mataansaa maalinni? Jireenyi hiika qabaa? Gaaffiiwwan jedhan kana deebisuuf yaala.
Karaan warri Falaasamaa kuni gadi fageenyaan waan biyya lafaa kana hubachuuf yaalan caalmaatti akka barnoota kana jaallattu akka nama godhus himu.
Falaasamni sammuu namaa bal’isa…
Akka Piroofeesar Baqqalaan jedhaniti, barnnoonni Falaasamaa karaa gabaabaa ta’een gaafatee kan deebii kennu osoo hin taane, wantoota hunda gadi fageenyaan akka xinxaaltu, akka gaafattu, akka deebii kennituuf kan nama kakaasu waan ta’eef sammuu namaa bal’isa jedhu.
Barnootni Falaasamaa kuni amantii waliin hidhataafi walitti dhiheenya kan qabu waan ta’eef akkaataan itti amantii faana deemamu irratti hayyoota Falaasamaa gidduu garaagarteen jiraachuus himan.
Naamootni kitaabota Falaasamaa erga dubbisaniin booda amantaa dura hordofaa turan faana dhibdee keessa of galchan ni mul’atu. Kuni hanqina hubannoo irraa kan madduufi Falaasamni kitaaba muraasa dubbisuu qofaan kan murtaa’u miti jedhu.
Keessumaa barnoota Falaasamaa kana akkaataa hawaasni ittiin jiraatuun addaatiin dhuunfaan hojiirra oolchee akka Falaasamaatti jiraadha jechuun ammoo waan ulfaataa akka ta’es himu.
“Akka biyyaafi akka baraatti bulu. Waan hundumaa akka Falaasamaattin ibsa, akkasittan jiraadha jechuun rakkoo sitti fiduu mala.
Waan hawaasni jedhu dura dhaabachuun hin danda’amu . Isa ilaalteetuma dhiista. Falaasama hojiirra oolchuun namni hundi hubannoo walfakkaataarra gahuu qaba,” jedhan.
Jireenya dhuunfaafi jireenya hawaasaa adda baasanii ilaaluun murteessaa ta’uus himu. Kuni mataansaa Falaasama hojiirra oolchudha jedhu.
Falaasamni kuni ammatti dhaabbileema barnootaa keessatti barnootarratti hubatama kan jedhan Piroofeesar Baqalaan, hammuma hubannoon cimaa deemu gara hawaasaatti bahaa kan deemu jedhan.
Piroofeesar Baqqalaan, Falaasama afrikaarratti hedduu qorataniiru, barreessaniiru. Gara fuula duraaf ammoo Falaasama bal’aafi gadi fagoo sabni Oromoo qabu irratti xiyyeeffatanii hojjechuuf karoorfachuus BBCtti himaniiru.