Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lixa Gondar Quwaaraatti haleellaa 'hidhattootni Faannoo raawwataniin' hedduun ajjeefaman
Naannoo Amaaraa Lixa Gondar, Aanaa Quwaaraatti haleellaa 'hidhattoonni Faannoo' ganda jiraattoonni dhalattoota Agawu keessa jiraatan irratti raawwataniin namoonni kuma 10 ol buqqaafamusaanii aanga’oonni naannichaafi buqqaatoonniifi bakka bu’oonnisaanii BBC'tti himan.
Haleellaa buqqaatii kanaaf sababa ta’e kanaanis ‘‘daa’imman’’ dabalatee jiraattoonni lakkoofsi saanii sirriitti hin baramne ajjeeffamuu akkasumas manneen jireenyaa hedduun gubachuu namoonni ijaan argan himan.
Naannoo Amaaraa keessatti humnootii mootummaa waliin walitti bu’aa kan jiran hidhattoonni Faannoo ollaa Yiikaawoo irratti haleellaa kan raawwatan torban darbe akka ta’e dura taa’aan gandichaa Obbo Alamaayyahu Taalee fi jiraattoonni ibsan.
Gandi haleellaan irratti raawwatame irra caalaan kan ‘‘dhalatoonni Agawu’’ kan keessa jiraatan akka ta’e itti gaafatamtoonni naannichaafi jiraattoonni BBCn dubbise himan.
Jiraattoonni gandichaa akka himaniitti, haleellaa guyyaa Kibxata torban darbee osoo hin raawwatamiin dura dursanii ‘‘hidhattoonni Faannoofi milishoonni gandichaa’’ guyyoota afuriif lolarra turan jedhan.
Walitti bu’iinsii qaamoolee lamaanii kan eegale milishoonni gandaa meeshaa waraanaa mootummaan kennameef akka hidhattoota Faannoof kannaniif gaaffii dhiyaateef mormusaanitiin akka ta’e jiraatoonniifi dura taa’aan gandichaa himan.
‘‘Naannicha gareen Faannoo jedhamu jira. Meeshaa waraanaa mootummaa kennaa jedhan. Mootummaan ammo hin kenniinaa nun jedheera. Meeshaa hin kenniinu, Adooleessa bara 2015 irraa kaasee isiniis nu hin tuqiinaa jechaa turre,’’ kan jedhan dura taa’aan gandaa, ALI Waxabajjii 28, 2026 hidhattoonni gandicha irratti dhukaasa banu dubbatan.
Aanga’aan Aanaa Quwaraa maqaan akka hin eeramne gaafatan tokkos, ‘‘deeggartoota mootummaati, mootummaa deeggaraniiru jechuudhaan miidhaa nurraan gaha’’ jechuu yaada wal fakakatu kaasan.
Aanichatti hidhattooti Faannoofi humnoonni mootummaa irra deddebiin waraana keessatti gaggeessaa akka turan kan dubbatan aanga’aan kun, gandoonni to’annoo hidhattootaa jala jiran akka jiran dubbatu. Garuu baayyina gandootaa dubbachurraa of qusatan.
Walitti bu’iinsa dhuma Waxabajjiirratti eegalameen milishoonni naannichaa guyyootaaf ‘‘ofiisaaniirraa ittisaa’’ akka turan aanga’aan aanichaa dubbatan. Walitti bu’insa guyyaa shaniin booda milishoonni naannichaa baqachuu akka eegalan dura taa’aan gandichaa Obbo Alamaayyoofi jiraattoonni ibsaniiru.
Obbo Alamaayyoon, ‘‘Guyyaa lama dura dhaabbannee guyyaa shanaffaan Wiixata ture. Walfaana seenuudhaan kan ajjeessan ajjeessanii, kan gubanis guban’’ jechuun hidhatoota himatu.
Hidhattoonni guyyaa sana gutuummaan gara gandichaa seenanis, jiraattoota ‘‘waraanicharratti hin hirmaannee ajjeesuufi manneeniifi miidhaan gubuusaanii himaniiru.
BBCn namoota afur haleellaa sanaan maatiinsaanii jalaa ajjeeffaman garaa garaa dubbiseera. Kanneen ijaan argan kunneenis haleelchaan daa’immaniifi jaarsoolii dabalee ajjeeffamu dubbatan.
Qeesiin jiraataa naannichaa BBCn dubbise tokkos, obbolaansaanii ‘‘qonnaan bultoota ta’an‘‘ hundumtuu bakkuma mana keessa turaniitti ajjeeffamuu ibsan. Dursaan amantii kunis, sirna awwaalchaa daa’imman lamaafi haadhooliinsaanii haleellaa kanaan ajjeeffaman irratti argamu kasuudhaan raga bahu.
‘‘Qeesii waana ta’eef eebbiis naan jedhanii namoota sadii bataskaana keessa dabarsinee awwaalleerra, argeera. Tokko daa’imma wagga lamaa, kan biraa ammo kan wagga 12 ni taati. Kan biraa ammo nama guddoodha haadha ijoollee sanaati’’ jechuudhaan waa’ee namoota hidhattootaan ajjeeffamnii dubbatan.
Haadha wagga 55 fi eessuummni kan jalaa ajjeeffame jiraataan gara biraa ammo, ‘gooxii’ keessa jiraatuu keessatti maatiisaa dabalatee jaarsoolii lamaafi dubartoonni lama ajjeeffamu dubbatan. Jiraataan kunis, ‘‘manni uummata gandichaa tokkolleen hin jiru. Gooxii Daansaa Maariyaam keessatti qofa manni jireenyaa gubate 170 ni ta’a’’ jechuun haalicha ibsan.
Mucaan waggaa 18 kan jalaa ajjeefamte jiraataan biraa gamasaanitiin, mucaansaanii ‘‘hojiirra ture’’ haleellaa hidhattoonni marsuudhaan irraan gahan akka du’e himan.
Awwaalcha namoota ajjeeffamanii dhaquu kan dubbatan jiraataan tokkos, ‘‘dirreerratti’’ awwaalamuun reeffii namoota nagaa shan kan namoota kaanii waliin akka bataskaan keessa boqatu taasisuu ibsan.
Dura taa’aan gandichaa Obbo Alamaayyoon baayyina namoota nagaa haleellaa kanaan ajjeeffamanii ‘’80 ol’’ akka ta’e kan ibsan yoo ta’u, jiraattoonni BBC dubbise kaan ammoo, kana caalaa lakkoofsa adda addaa eeru.
Haata’u amlee, BBCn lakkoofsa dura taa’aanis ta’ee jiraattoonni eeran kan qaama walabaa irra mirkanneeffachuu hin dandeenye.
Komishiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dameen Baahir Daar waa’ee haleellaa kanarratti hanga ammaatti gabaasni akka isaan hin qaqqabne BBCtti himan.
Miidhaa namootarra gaheen alatti, maneen jireenyaa jiraattootaa gubachuu jiraattoonni torbaafi aanga’oonni BBCn dubbise himan.
Aanga’aan aanichaa maqaansaanii akka hin eramneef gaafatanis, ‘‘qabeenyaa saanii guutummaan saamaniiru, looniifi saawwansaanii saamaniiru, midhaan gubaniiru’’ jechuun hidhattoota balaaleeffatan.
Haleellaan wayita raawwatamuutti humnootiin nageenya mootummaa maaliif akka hin dhaabsiifne kan gaafataman aanga’aan kun, ‘‘humnaa ool. Yeroo sanatti humni naannicharra ture xiqqaadha. Dhimmicha sadarkaa naannootiin geenyee turre garuu humna dabalataa fiduu hindandeenyee’’ jechuun deebii kennan.
Haleellaa kanaan walqabtee jiraattoonni ‘‘kuma 10 gadi’’ hin taanee buqqaafamuun magaala aanaa Quwwaraa kan taate Galaguu galusaanii ibsan. Bulchiinsii aanichaa deeggarsa nyaataa dhiyeessus itti dabalun ibsan.
Jiraataan buqqaatoota tola ooltummaan walitaasisuun hojjatan tokkos, bulchiinsii aanaa jiraattootaaf ‘‘biskutiifi midhaan gara kuntaala 50’’ dhiyeessuu mirkanneessan.
Jiraattoonni gara aanichaa seenan galmawwan lama kan dura kaampii raayyaa ittisaa turan keessa akka turan akka taasifaman dubbatan jiraattonni. Haata’u malee galmiwwan jiraattoota gutuummaan qabachu waan hin dandeenyeef jiraattoonni hafan ‘‘dirreerratti’’ kufuusaaniitti jedhan.
Haaluma walfakkaatuun aanga’aan aanichaa, ‘‘buqqaattoonni eddoon itti dahatan gaarii miti. Sheedii muraasa, qorqorroo qabu keessa keenye. Irra caalaan firootaafi hawaasatti maxxananii jiru’’ jedhan.
Bulchaan aanichaa deeggarsi nyaataa akka taasisamuuf gaaffii hiyeessuu kan kaasan aanga’aan, ‘‘rakkoon nageenyaa jiraachusaatti deeggarsa fiduuttis rakkoo keessa jirra. Deeggarsi dabaalameeti dhufa. Tiksitoonni hanga dhufaniitti eegaa’’ deebii jedhu argachu ibsan.
BBCn aanga’oota naannichaafi itti gaafatamtoota dhaabbata Yaddoo Balaa godina Lixa Gondar’f irra deeddebiin bilbilurreen hin milkoofne.