'Du'een bada malee morkii waancaarraa abdii hin kutu' - Mikeel Arteettaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa garaagartummaa qabxii 11 durfamaa jiraatanis morkii waancaarraa ''abdii hin kutannu'' jedhe.

Arsenaal dirreesaa Emireetsitti Westihaamiin injifatamuu booda garaagartummaan Liiverpuul waliin qabu 11tti guddate. Ammoo Arsenaal tapha tokko harkaa qaba.

Taphootni hafan 12 yoo ta'an Arteettaan gareensaa morkii waancaatti jabaatee akka itti fufu dubbateera.

Morkii piriimiyeer Liigii Kibxataafi Roobii gaggeeffamu dura miidiyaaleetti wayita dubbatu Arteettaan waancaatti nagaa dhaamuufi dhiisuu gaafatame. Yoo deebisu ''du'een bada. Yoo ta'uu baate manakoottiin gala'' jedhe.

'Herregaan yoo kan laaltu ta'e ni danda'ama. Guyyaa sadii dura garaagartummaa qabxii xiqqeessuu malle ture...'' jechuunis hime.

Ammoo haalli amma jiru kan guyyaa sadii dura turerra cimaa ta'uu dubbate. Ammoo ''Piriimiyeer Liigicha mo'achuuf deemta yoo ta'e waan addaa gochuu qabda'' jedhe.

''Haala nuti keessa jirruun Piriimiyeer Liigicha injifachuuf kan deemtu yoo ta'e seenaa Piriimiyeer Liigii keessatti wanta addaa eenyuyyuu hin hojjenne hojjechuu qabda.''

Dhukaastootni taphattootnisaanii ijoon jalaa miidhamaniiru. Ammaan tana jifattoota akka Bukaayoo Saakaa, Kaayi Haveertiz fi Gaabireel Martineelii malee taphatu.

Miidhamni kun qabxii Westihaamiin jalaa fudhatameef gahee bahuu Arteettaan himeera.

'Taphoota 15 darban keessaa10 injifannee shanimmoo qixxee baane- akkuma Liiverpuul garaagartummaa goolii walfakkaatuun'' jedhe Artettaan.

''Kanaafuu haalli keessa jirru akkuma jirutti ta'ee ji'oota sadan darban gahumsa walfakkaataarra jirra.''

Arteettaa hanga Weestihaam wlaiin morkatanitti gaarii ta'uufi isaan injifatamanii Liiverpuul ammoo ijifachuun garaagartummaa uumuu himeera.

Haala keessa jiranitti murannoo dabalataa qabaacuun salphaa akka hin taanes dubbateera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.