Liivarpuul waancaa Piriimer Liigii Arsenaaliif dhiisuuf deemaa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Bara darbe imala waancaa irraa Arsenaaliin warra gufachiisan keessaa tokko kan tahe Aston Viilaan barana ammoo liigicha dursaa kan jiru Liiverpuul jalaa miila butee ture.

Liiverpuul tapha Astoon Viilaa wlaiin taasise 2-2 qixa xumuruun qabxii lama dhabe.

Arnee Isloot tapha bareedaadha. Garuu qabxii argannetti baay'ee gadeera jedhan.

Taphoonni 12 osoo is hafanii qabxii saddetiin Arsenaaliin caalee sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru Liiverpuul yoo Arsenaal West Haamiin mo'ate gara shaniitti gadi xiqqaata.

Kun ammoo dorgommii waancaa Piriimer Liigii injifachuuf taasifamu haalaan ho'isaa deema.

Liiverpuul erga Notiingihaam Foorestiin 1-0 mo'amanii as Piriimer Liigii keessatti tapha tokkoyyuu hin mo'amne.

Garuu taphoonni qixa bahanii xumuran qabxii isaan dhabsiisaa jiru. Torban dhufu ammoo Maanchister Siitii waliin kan morkatan Liiverpuul tapha murteessaa hiree waancaa bara kanaa akeekan keessaa tokko taha jedhamee yaadama.

Arsenaal yoo darbii Landan kan West Haam waliin qabu mo'atee Liiverpul ammoo Maanchister Siitiidhaan mo'ame Liiverpuul akuma darbee dhiibbaa hamaa keessa galuun waancicha dhabuu mala.

ston Viilaan galchii lama lakkoofsisun taphaan ala jedhame jalaa haqameera. Silaa Liiverpuul mo'amee baha ture.

Deegoo Jootaa fi Nuunez galchii lakkoofsisuu qaban dhabuun isaanii ammoo kilebicha gatii baasiseera.

Injifannoo Liiverpuul booda kana argataa jiru amansiisaa hin fakkaatu. Barnimoozii fi Woolvisiin dhamaatii guddaadhaan mo'ate.

Everten waliin qixa xumure. Waancaa FA Cup keessaa Piliimaawoziin mo'amee bahe.

Bara dorgommi kanatti qofa galchii fi kubba galchii tahan 39 keessaa Mohaammad Saalaan shoora qaba.

Galchii 24 lakkoofsisee 15 ammoo mijeessee kenneera. Piriimer Liigii keessaa kileboonni 11 waliigalaan galchiin lakkoofsisan 38 fi isaa gadidha.

Saalaanqofa isaa galchii kileboota tokko tokkoon ol qaba jechuudha.

Akkasumas Erik Kaantoonaa, Maat Le Tiiser, Heenerii fi Eden Haazaarditti aanee taphataa shanaffaa bara dorgommii Piriimer Liigii tokkotti galchii 15 olii fi kubba galchii tahuu dandeessuu 15 ol galmeessedha.

Osoo taphataan tokko akka Saalaa Liiverpuul keessa jiraate injifatanii bahuun tapha kamirrattuu isaaniif salphata ture.

Garuu kontiraata isaa xumuraa waan jiruuf garam imala kan jehu hin baramne.

Maarkas Raashfoordi ergisaan erga Aston Viilaa galee as gahumsa isaatti deebi'aa? jechuun iji hunduu isarra jira.

Ji'oota lamaaf tapha jalqabarratti hiriiruun taphate hin qabu ture. Kaleessa tapha Liiverpuul waliin taasisan irratti dhiibbaa gaarii tahe Aston Viilaaf uumeera.

Raashfoordi Olditiraafoordii fi Kaaringitaniin ala kileba biraaf taphatee hin beeku. Viilaa Paarkitti garuu deebisee Raashfoordi duraanii sana kan argataa jiru fakkaata.

Aston Viilaan yoo milkaa'eef Raashfoordiin paawondii miliyoona 40'n mallatesifachuu danda'a.