Baankii Barsiisotaa hundeessuuf karoorfamuu Birhaanuu Naggaa himan

Madda suuraa, Ministry of Education Ethiopia
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa jireenyaafi ogummaa barsiisaa jabeessuuf baankii barsiisotaa hundeessuuf karoorri akka jiru beeksisan.
Ministeerichi Sambata ganama fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti ibsa gabaabaa baaseen karoorri kun jiraachuun ibsamuu gabaase.
Piroofeesar Birhaanuun kana kan dubbatan Yunivarsiitii Haraamayaatti daawwannaa wayita godhanidha.
Ministirichi barsiisota Yunivarsiitichatti leenjii gannaa hordofaa jiran daawwachuun waliin mariyataniiru jedha gabaasichi.
Waltajjicharrattis ogummaan barsiisummaa kabajaa kan qabuufi bu'uura guddina biyyaa ta'uu kaasanii oogummaa kana ''kabaja duraan qabutti deebisuuf'' akka hojjechaa jiran dubbataniiru.
''Kana milkeessuufis humna barsiisaa cimsuufi jireenyasaa fooyyessuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira'' jedhaniiru jedha Ministeerichi.
''Daballii miindaa irraa kaasee hanga baankii barsiisotaa ijaaruutti hojiileen hojjetamaa jiru'' jedhaniiru.
Baankiin barsiisotaan hundaa'u kun ''ogumma akkanaa jabeessuun jireenya barsiisaa jijjiiruuf gahee guddaa ni qabaata'' jechuun isaaniis gabaafameera.
Piroofeesar Birhaanuu Naggaa qulqullinni barnootaa biyyattii kufeera jedhanii irra deddeebiin kan ibsan yoo ta'u erga aangoo ministeerichaa qabatanii ammoo sirna kenninsa qormaata biyyaalessaa fi sirna barnootaa jijjiiruun fooyyessuuf yaalaa jiru.
Yaaliin isaanii kun barattoota hiree barnoota olaanoo dhabsiisuufi sababoota kaaniin qeeqaaf isaan saaxileera.
Xiyyeeffannaa dhabuun, miindaa fi fayidaa xiqqaan gaafatama dhaloota qaruu kan bahachaa jiru barsiisaan, irra deddeebiin jireenyisaa akka fooyya'u mootummaatti iyyachaa ture.
Bara 2023 keessa Waldaan Barsiisotaa Itoophiyaa MM Abiy waliin kan mariyatee ture.
Guduunfaan marichaa ''gama keenyaan barsiisota filachuun leenjisuu, ga'oomsuurratti xiyyeeffachuu akka qabnu, gama bulchiinsa gaarii fi faayidaa barsiisotaan ammoo mootummaan akka xiyyeeffannoo kennuudha,'' kan jedhu akka ture pireezidantiin waldichaa Dr Yohaannis Bantii himanii turan.
Mootummaan gaaffiin barsiisotaa haqa ta'uu amanee akka fooyyessuu waadaa galeera.
Dhiyeenya sirna diinagdee biyyaarratti jijjiiramni godhamuu hordofee hojjettoota mootummaa mindaan isaanii kuma 20 gadi ta'eef daballii miindaa hanga 300% gochuu Ministirri Muummee Itoophiyaa ibsaniiru.












