Muhaammad Ingilaanditti maqaa jaalatamaa maatiin hedduu ijoollee isaaniif moggaasan ta'e

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Maqaa jaalatamaa baay'inaan maatiin hedduun ijoollee isaaniif moggaasan beekuun ni danda'amaa?

Inglilaanditti ragaan daa'imman haaraa dhalatani fi maqaan moggafame bara baraan ifooma.

Biyyattii keessatti maqaan Oliiviyaa fi Olivar maqaa jaalatamaa fi namoota hedduuf moggaafamuun sadarkaa jalqabaarra ture.

Bara 2023tti garuu maqaa da'immaan haaraa dhalatanii sadarkaa tokkoffaa kan qabate Muhaammad ta'eera

Ingilaandiifi Weelsi keessatti bara 2023 maqaan daa'immanii dhiiraa baay'inaan bahee jiru Muhaammad tahera. Daa'imman dhiiraa 4,600 tahan maqaa kanaan moggaafamaniiru.

Maqaan Muhaammad jedhamu kuni bara 2016 irraa kaasee maqaa ijoollee sadarkaa tokkoo hanga 10 jiran keessaa ture. Amma garuu maqaa ijoollee dhiiraa sadarkaa tokkoffaarra ture Nohaa jedhamu akka caale Waajirri Istaatistiksii Biyyaalessaa(ONS) biyyattii himeera.

Naannolee Inglaand sadii keessatti maqaan kun sadarkaa tokkoo hanga kudhanii keessa hin galle.

Maqaan kuni akkatti Afaan Ingliiziin qubeeffamu Mohammed fi Mohammad sadarkaa tarree maqaa baay'inaan moggafamu 100 keessa galeera. Waajirri ONS maqaa kunneen akkaataa qubee isaaniin adda addatti ilaaluun sadarkaa kennaafi

Maqaan Oliviyaa jedhamu maqaa baay'inaan daa'imman dubaraaf moggaafamu tahe itti fufeera. Amiiliyaa fi Islaan wal-duraa dubaan bara 2022 irraa qabee hin geeddaramne.

Maqaan haaraa daa'imman dubaraa tarree 100 jala gale Lilaa, Raayyaafi Heezil fa'i yoo tahan dhiiraan ammoo Jaaks, Enzoo fi Boodii dha.

Waajirri ONS moggaasni maqaa daa'immanii kun dhiibbaa maqaa namoota beekamoo kanneen akka Biilii Eliish, maatii Kaardaashiyaan- Jeneer, Maargoot Roobii fi Kiliiyaan Marfii fa'i dha.

Maqaan Maayilii, Rihaanaa faa jedhaman bara 2023 akkaan dabaleera jechuun kunis sababii artistoonni kunneen albama haaraa gadhiisaniifi hojii isaanii iddoo garagaraatti agarsiisaniifi jedhe.

Kana maleesa maatiin guyyoota torbee Sunday fi Wendesday jedhanii dabaleera kunis sababa fiilmiin Wednesday jedhamu bara 2022tti fudhatama guddaa waan argateefi tahuu mala jedhe waajirichi

Maqaa waqtiileedhaan ammoo Autumn fi Summer bara 2023 keessa sadarkaa 96ffaafi 86ffaa irra taa'aniiru.

Maqaan maatiin warra gonfoo itti fayyadaman ijoolleef moggaafachuun garuu bara 2023 hir'ateera.

Joorjii, Archii, Heerii fi Chaarloot akkasumas Elizaabeetiifi Chaarlis daa'imaaf moggasuun hir'ateera.

Bara 2024 tarreen maqaan baay'inaan ijoolleef moggafame sichi barama.