Hogganaan garee wanbadee manguddoota 'falfaltuu' jedhe 100 ol ajjeese

Nama uffata danbii loltuu keewwate

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Magaalaa guddoo Heeytii Pooroopiraansitti miseensonni garee wanbadee manguddoota yoo xiqqaate 110 tahan ajjeesuu gareen mirga namoomaaf falmu beeksise.

Gareen mirga namoomaaf falmu National Human Rights Defence Network (RNDDH) hogganaan garee wanbadoota manguddoota irratti kan qiyyaafate ilmisaa dhukkubsatee du'uun booda dha.

Hogganaan wanbadee kuni luba amantii Vuuduu bira dhaquun dhukkubni icciitii ilmasaa manguddoota naannoo ''falfala'' tolchan tahuutu itti himame.

Haleellaa wanbadooti raawwataniin bara kana qofa namoonni 5,000 tahan ajjeefamaniiru.

Odeeffannoon dabalataa ajjeechaa kanaa sichi kan bahu tahus hogganaan mirga namoomaa UN Voolkar Tuurk gaafa Wiixataa haleellaa hogganaa wanbadeen banameen sanbattanirra lakkoofsi namoota du'anii 184 gahuu himan.

Ajjeechaan kunis ollaa magaalaa guddoo Sittee Soleel jedhamu keessatti raawwate.

Akka gabaasoti jedhanitti, miseensonni garee wanbadee kanaa manguddoota umriinsaaniin waggaa 60 ol tahan mana isaanitii baasuun marsanii akka dhaabbatan gochuun booda kan itti dhukkaasan yoo tahu, gariin albeef gajaraadhaan waraananii ajjeesan.

Jiraattonni magaalatti reeffi waraaname daandii gubbaa irratti yoo gubamu arguu himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu RNDDH namoonni 60 gaafa Jimaataa kanneen hafan 50 immoo gaafa Sanbataa ilmi hogganaa garee wanbadee kanaa du'uun booda ajjeefaman.

Dhaabbati RNDDH ajjeechaa kanaaf kan saaxilaman namoota umriin isaanii waggaa 60 ol tahuu himus gareen mirgaaf falmu biraan immoo dargaggoonnis ajjeefamaniiru jedheera.

Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti ilmi hogganaa kanaa tolchaan ajjeefame jedhamuun booda namoonni 'falfala' tolchu jedhaman adda baafamuun ajjeefamaniiru.

Gareen mirgaaf falman maqaan nama ajjeechaa kana ajajee Moneel Feeliks ykn Mikaanoo jedhama.

Mikanoon naannoo buufata galaanaa tarsimawaa Woorf Jeerimii jedhamu to'ata.

Dhaabbata Global Initiative against Transnational Crime jedhamutti ogeessa dhimma Heeytii kan tahan Roomaan Lee Koo Giraanmaasiyoon naannoon sun xiqqoo tahullee humnooti nageenyaa achi galuudhaaf rakkisaadha jedhe.

Miidiyaaleen biyya keessa jiraattonni ollaa Woorf Jeerimii jedhamu keessa akka hin jiraanneef wanbadoota Mikaanoon dhorkamaniiru waan taheef oduun ajjeechaa kanaa badaa hin tamsaane.

Heeytiin hogganaan ishee Jooveneel Mooyis bara 2021tti ajjeefamuun booda haleellaa wanbadootaan raaafamaa jirti.