Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorannoo fayyaa waliigalaa gochuun Itoophiyaatti hin aadeeffamne hangam faayidaa qaba?
Qorannoon fayyaa waliigalaa (general medical check-up) qorannoo namni tokko miira dhukkubbii qabaachuu baatulleen fayyaan qaama isaa maalirra akka jiru bekuuf taasifamudha.
Gaazexeessaa Fiqaaduu Mirkanaa ga’eessa ganna 36 yoo ta’u, magaalaa Adaamaa jiraata. Dhiheenya kana rakkoon fayyaa isa mudate dhimma ‘qorannoo fayyaa waliigalaa’ gochuu tanaan dura takkaa yaadatee hin beekne guddoo akka isa barsiise dubbata.
Ammaan dura ilaalcha “namni mallaattoo dhukkubaa hin qabne fayyaadha” jedhu akka qabaachaa tures hima.
“Ani hanga umuriikoo kana gahutti dhukkubni hagas mara na mudatee hin beeku,"jedha.
"Qorannoo fayyaa waan jedhamus takkaa godhee hin beeku. Dhiheenya kana ganamuma gaafan ka’uuf jedhu ka’uun dadhabe. Miira dhukkubbii hamaatu namudate.
“Tilmaamni kiyya dhukkubuma salphaa ta’a jedheen yaade. Mana yaalaa nageessanii jennaan 'kalee kiyyarrratti cirrachi waan jiruuf baqaqsanii yaaluu gochuu qabda’ naan jedhan."
Namuma kaleessa hojii oolee galetu ganama ka’ee ‘yoo dandeesse biyya alaa yookan Finfinneetti hatattamaan yaalamuu qabdan’ jedhame jedha Fiqaaduun.
Yeroo yaalamuuf Finfinnee gahettis qorannoon isaaf taasifame waan inni hin eegne ture.
“Cirracha gurguddaatu kalee kiyya keessatti aargame. Cirrachi kun kalee kiyya isa tokko harka 80 ajjeeseera. Osoo xiqqoo turee kaleen kiyya guutummaatti hojii dhaabuuf ga’ee ture,” jedha.
Dhibee osoo hin eegin isa mudate kanaaf baasii yaalaa olaanaafi miidhama qaamaa isa mudachuu fi kanaan kan nagahe "yeroon fayyaa qabu qorannoo yaalii waliigalaa gochuu dhabuukooti,” jedha.
“Osoon yeroon fayyaan qaba jedhee of yaadu sana qorannoo fayyaa waliigalaa taasiseera ta’ee, kaleen kiyya hanga kana osoo hin miidhamin bareen dafee yaalama ture. Ilaalcha yoon hin dhukkubsanne fayyaadha jedhu suni na miidheera,” jedha.
“Umurii kiyya 36 kanatti guyyaa tokko fayyummaan kiyya maalirra jira? jedhee qoratamee beekuu dhabuun kiyya na gaabbisiisa. Silaa kaleen kiyya hammana hin miidhamu. Maallaqa guddaan yaala kanaaf baase. Miidhaan xiinsammuus salphaa miti,” jedha.
Fiqaaduun waa’ee qorannoo yaala fayyaa waliigalaa gochuu kana gaabbii qofaan hin dhiisne. Battala yaala isaa xumuretti “Maatii kiyya hundi akka qoratamanii fayyummaan isaanii maalirra akka jiru beekan godheera. Namoota biroos akka anarraa baratan gorsaan jira,” jedha.
Qorannoon fayyaa waliigalaa hammam barbaachisaadha?
Dr. Mohaammad Huseen Koolleejjii fayyaa Hospitaala Adaamaatti Ispeeshaalistii yaala dhibeewwan keessooti. Qorannoon fayyaa waliigalaa (General medical checkup) akkaataa saala, umurii fi haala fayyaa namaarratti hundaa’uun yeroon itti godhan adda adda ta’uu danda’ullee nama hundaaf waan barbaachisu jedhan.
“Namni tokko giddu galeessaan waggaa keessatti qorannoo fayyaa waliigalaa si’a tokko akka godhuu qabu gorfama. Ogeessa fayyaa bira deemanii haala fayyummaa ofii beekuun, gorsa ogeessaa irratti fudhachuun baayyee barbaachisadha,” jedhan.
“Faayidaa inni guddaan dhibeewwan tokko tokko dursanii beekanii osoo inni hin hammaatin tarkaanfii fudhachuuf gargaara. Keessumaa namootni umriin isaanii waggaa 40 fi 50 caale dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaafi sukkaaraa walqabatu dursanii beekuuf qorannoon fayyaa waliigalaa kuni baayyee isaan gargaara,” jedhan.
Ilaalchi dogoggoraa ‘Yoon nan dhukkubu ta’e ani fayyaadha’ jedhanii yaaduu namootni qorannoo fayyaa waliigalaa kana taasisuurraa akka danqaa ta’u kan himan Dr. Mohaammad, hubannoon hawaasni dhimma kanarratti qabu gadi aanaa akka ta’es himu.
“Hubannoon hawaasni keenya haala fayyummaa waliigalaasaa beekuurratti qabu gadaanaadha. Namootni hubannoo qabanis jiru. Baayyinni hubannoo qorannoo fayyaa waliigalaa kana hin beekan."
“Namootni baayyeen dhukkubsatanii erga sadarkaa dhumaa gahanii mana yaalaa dhufu. Erga dhukkubsataniiyyuu waan hedduu yaalaniiti gara mana yaalaa kan dhufan. Kun hanqinni hubannoo akka jiru mul’isa,” jedhan.
Dhibeewwan tokko tokko qaama namaa keessa jiraatee osuma guddachaa jiruu mallattoo dhukkubbii osoo hin agarsiisne sadarkaa hammaataa gahuu waan danda’uuf qorannoo taasisuuf mallattoo dhukkubaa arguun dirqama akka hin taanellee akeeku.
“Dhiibbaa dhiigaa yoo fudhanne osoo mallattoo hin agarsiisne keessa namaatti kalee dadhabsiisuu danda’a, onnee dadhabsiisuu danda’a, sammuutti olka’uun istirookii namatti fiduu danda’a. Dhibeen sukkaaraa fi kaanserii tokko tokkos durarratti mallattoo agarsiisuu dhabuu malu.
“Gaafa malattoo agarsiisuu jalqabutti dhibeen suni keessa namaatti sadarkaa duubatti deebisuu hin danda’amnerra gahuu mala. Kanaaf mallattoo dhukkubaa hin qabdu jechuun fayyaadha, dhibee hin qabdu jechuu miti,” jedhan.
Gosti qorannoo waliigalaa taasifamu akkaataa umuriifi saalaan gargaarummaa qabaatulleen, namni kamuu qorannoo fayyaa waliigalaa baasii salphaan taasisuun baasii guddaafi rakkoo fayyaa erga dhukkubsatanii boodaa irraa of hambisuufillee ni gargaara jedhan Dr. Mohaammad.