Vitaamin D gahaa argachuuf akka daa'imaa aduu qaqqaammachuu qabnaa?

Maxxanfame

Akka addunyaatti namoonni biiliyoona tokko tahan hanqina vitaamiin D qabaachuu ragaan Waldaa Fayyaa Addunyaa ni agarsiisa.

Vitaaminii D’n vitaaminii biiftuu jedhama. Kanaafi daa’imman reef dhalattu ''miilashee dhibeen rikeettii akka hin qabanne’’ jechuun aduutti baasanii kan qaqqaammachiisan.

Akkuma ijoollee ga’eessonnis vaayitaamiin D’n isaan barbaachisaa? Aduu irraa moo nyaata irraa argachuu qabu?

Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa sirna nyaataa kan tahan Dr Yihunee Ayyala ''vitaamiin D’n uumamaan hormoonii qaama keenya keessatti argamuufi kan gosa nyaataa garaagaraa irraa argamudha,’’ jedhan.

Gosoonni vitaaminii kan bishaaniifi coomaan bulbulaman jiru. Vitaamiin D’n coomaan kan bulbulamu yoo tahu, cooma qaama keenya keessa kuufame keessatti vitaaminii kana tolchee yeroo fedhu itti fayyadama jedhan.

Akka yeroo baayyee amanamu vitaamiin D kallattiin aduurraa arganna osoo hin taane, carallaa biiftuutu vitaamiin D’n qaama keenya keessatti akka oomishamu gargaara.

''Gosti vitaaminii qaama keenya keessatti oomishamu, yeroo carallaan biiftuu (ultra violet light) gogaa keenyarra bu’u hormoonni kolleekaalsiiseerool jedhamutu hojjettama, achii tiruu keessa darbee, kalee dhaqee Vitaamiin D3 taha,'' jedhan ogeessi kuni.

Vitaamin D2 kan jedhamu immoo gosoota biqilootaa kanneen akka coommee fa’irraa kan argamudha.

''Vitaaminiin D3’n cooma (koleestiroolii) keenya keessatti akkuma oomishamu, coommee keessa immoo waan ergoosteerool jedhamutu jira. Inni inzaayimoota gargaraa fayyadamuun Vitaamin D2’n biqiloota keessatti akka oomishamu taasisa," jechuun ibsu.

Vitaamiin D maalirraa arganna?

Akka Dr Yihuuneen jedhanitti vitaamin D kana baay’inaan biqiloota irraa hin argannu.

Gosooti nyaataa vitaamiin D irraa argannu:

  • Zayita qurxummii
  • Foon horii akkasumas foon booyyee
  • Tiruu
  • Hanqaaquu
  • Dhadhaa loonii
  • Biqiloota keessaa ammo coommeen madda vitaamiin D guddaadha.

Vitamiin D kana gosoota nyaataa kunneeniin alatti carraan argachuu keenyaa gadi bu’aa tahuu ogeessi kuni ni hubachiisu.

Biyyoota guddatan keessatti vitaamiin D’n kana laaboraatorii keessatti hojjetamee bifa qorichaan namoota hanqina isaa qabaniif kennama jechuunis ibsu.

Dhukkuboota hanqina vitaamiin D dhaan dhufan

Ogeessi kuni biyya keenyatti qurxummii vitaamiin D dhaan badhaadhe gatii hin sooranneefi isa bifa qorichaan qophaa’es waan hin arganneef hanqina vitaaminii kanarraan kan ka’e dhukkuboota namootarratti mul’atan agarra jedhu.

''Maanguddotni dhukkuba dugdaa himachuu, lafeen isaanii ni dhukkubsataa, ni dadhabuu, mukaa'uun itti dhagahama, daa’imman dhibee miilaa rikkeetsii jedhamu akka qabaatan godha.''

Dr Yihuuneen aannan harmaa, ''vitamiin D gahaa waan hin qabneef daa'imman vitaaminii isaanii madda biraa irraa argachuu qabu,'' jedhan.

Qajeelfamni sirna nyaataa Amaeerikaas daa'immaniif guyyaatti vitaamiin D yunitii 400 akka ajaju himu.

Haatahu malee Itoophiyaa keessatti keessumaa naannolee baadiyyaatti daa'imman kana waan hin arganneef rikeetiin qabamu jedhan.

''Dawaa daa'immaniif bifa cophaan afaanitti kennamu keessaallee vitaamin D'n kuni hin jiru,'' jedhan.

Kana malees vitaamiin D'n fayyummaa caasaa lafee keenya eega jedhu.

''Lafeen keenya kaalsiyeem foosfeetii irraa hojjetame, kana bifa nyaataan yeroo fudhannu gara caasaalee qaama keenyaa kan galuufi keessa kan kuufamuu danda'u vitaamiin D fayyadamuuni,'' jechuun ibsu Dr Yihuneen.

Ogeessi kuni, ''kaalsiyeem foosfeetiin caasaa maashaa fi lafee keenya keessa seenee qaamni dhaabbii sirraa'aafi fayyaalessa akka tahuuf vaayitaamiin D'n akkaan murteessaadha,'' jedhan.

Faayidaawwan vitaaminiin kuni qabu keessaa inni kuni isa ijoo akka tahes himu.

Aduu fi vitaamiin D

Biyya aduun yeroo baayyee itti bahu keessa waan jiraataniif qofa ifa aduun gahaa tahe argachuun danda'ama jechuu akka hin taane ibsu Dr Yihuuneen.

''Fakkeenyaaf bartee daa'imman [ija namaarraa] dhoksuuf jedhuun ijoollee yeroo baayyee haguuguun ijoolleen ifa aduu gahaa akka hin arganne isaan godha,'' jedhan.

Kana malees yeroo aduutti baasanii qaqqaammachiisan ammoo dhadhaafi dibata garaagaraa itti sukkuumuun carallaan biiftuu kallattiin qaama isaanii keessa akka hin galleef dhorka jechuun dubbatu.

Namoonni bifa gurraacha qaban ammoo qaamni isaanii ifa aduu irra isaan eeguuf halluu 'melaaniin' jedhamu waan qabuuf, inni carallaa biiftuu gahaa akka hin arganne isaan dhorka jedhan.

Dabalataan ifa aduu argachuun qofa vitaamiin D gahaa tahe argachuu akka hin dandeenye himuun, bifa nyaataafi qorichaan isa argannu waliin wal madaaluu akka qabu dubbatu.

Biyyooti waggaa keessaa yeroo muraasaaf qofa ifa biiftuu argatan qaama isaanii keessatti hamma vitaamiin fooyya'aa qabu jedhan.

''Sababiinsaas qurxummii waan soorataniif isa aduurraa hin arganne nyaataan bakka buufatu,'' jechuun ibsan.

Namooti umriin isaanii waggaa 70 ol tahan hanqina vitaamiin D'dhaan hubamuun isaanii olaanaa waan taheef bifa qorichaan otooo fudhatanii akka gorfamu himu.

''Sababiin isaa otoo ifa aduu gahaa argatanillee qaamni isaanii vitaamiin D isaan barbaachisu hin qopheessu,'' jedhu.

Gama biraan vitaamin D'n oomishamee kan xumuramu kalee keessatti jedhu ogeessi kuni, yoo kaleen keenya dhukkubsate hin oomishamu jechuu dha.

Dhibeen hanqina vitaaminii fayyaa qaama keenya biraa wajjinis wal qabataa akka tahe ibsuun, yeroo baayyee mana keessatti dabarsuun oomisha vitaaminii kana dhimmoota gadi buusan keessaati jedhaniiru.