Lakkoofsi namoota busaan Itoophiyaa keessatti du'anii yaaddessaa ta'uu UN beeksise

namoota agobariin kennamaafiif jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti sababa dhibee busaatiin du’anii ji’a Bitootessaa keessa dabaluunsaa akka isa yaaddesse Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) ibse.

Dhaabbatichi rakkoolee namoomaa Itoophiyaa keessaa ilaalchisee gabaasa bal’aa baasen, biyyattii keessatti namoonni Miliyoona 5.2 dhibeen busaa irratti argamuu himeera.

Ji’a Guraandhala keessas namoonni 764 sababa dhibee kanaan lubbuunsaanii kan darbe yemmuu ta’u, kunis kan ji’a Amajjii waliin yeroo madaalamu caalmaa dhibbeentaa 25’nii akka qabu eeree jira.

Naannoleen sababa dhibee busaan duuti olaanaan itti galmaa’es Oromiyaa, Amaaraa, Kibba Lixa Itoophiyaa fi naannoo Kibba Itoophiyaa akka ta’an himameera.

Hanqinni itti fayyadama saaphana siree, hanqinni eegumsa naannoo hormaata bookee to’achuu dandeesisu akkasumas hanqinni itti fayyadama qoricha farra busaa ittisaafi to’annoo dhibee kanaaf gufuu ta’uusaaniis gabaasichi hima.

Naannoo Oromiyaa keessatti dabaleera…

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota dhibee busaan qabamanii kan bara darbe caalaa dabaluu ragaan Biiroo Fayyaa Naannoo oromiyaarraa argame mul’isa.

Hogganaa I/Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa, “Barana baay’inni namoota dhibee kanaan qabamanii dabaleera.

''Bara darbe kan waggaa waliigala gara naannoo kuma 500’ti. Amma garuu kan walakkaa waggaa gara miliyoona 1.2 ta’eera” jedhan.

Dhibeen kuni keessattuu godinaalee Wallaggaa afran keessatti baay’inaan akka mul’ates BBC’tti himaniiru.

“Wallagga afran keessaammoo Qeellam fi Wallaggi Lixaa namoota dhukkubsatan keessaa gara dhibbeentaa 50 qooddatu” jedhan.

Godinaalee lamaan kunneen keessatti namoonni 61 sababa dhibee busaan du’aaf saaxilamuu isaanis himaniiru.

Dabalataan, godinaaleen akka Iluu Abbaa Boor, Jimma, Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa fi Arsiin immoo godinaalee dhibeen busaa keessatti mul’ate akka ta’e himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmoonni dabaluu weerara dhibee busaaf sababa ta’an jijjiirama qilleensaafi hojiileen sadarkaa hawaasaatti hojjetamuu qaban hojjetamuu dhabuu isaaniitin akka ta’e himan.

Dabaluunis, dhibeen kuni aanaalee kanaan dura keessatti mul’atee hin beekne keessattillee mul’achuu dubbatan.

Biiroon isaanii dhaabbilee michuu waliin ta’uun hojii ittisaafi to’annoo dhibee kanaarratti hojjechaa akka jirus Obbo Darajjeen himu.

“Aanaalee rakkoon kun bal’inaan keessatti mul’atu keessatti saaphana siree bal’inaan raabsinee jirra. Bara kana keessa qofa akka naannoo Oromiyaatti miliyoona torbaa olitu raabsame” jedhan.

Biiffaan kemikaala farra bookee busaas aanaalee garagaraa keessatti adeemsifamuufi bakkeewwan walhormaata bookee busaaf mijataa ta’an qulqulleessuus hojjetamuu himaniiru.

Kanaanis, tamsa’inni dhibee busaa kan ji’oota kanaan dura turanirra xiqqaachaa akka dhufe eeraniiru.

Dabaluunis “naannoo rakkoon kun baay’atutti ogeessota leenjisuufii dhiyeessii barbaachisu guutuudhaan tajaajila wal’aansaa dhaabbilee fayyaa keessatti karaa guutuu ta’een akka kennamu godhamee jira” jedhaniiru.