Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el haleellaa qilleensaan ajajaa waraanaa Gaazaa ajjeeste
Israa'el garee Palestinian Islamic Jihad'tti (PIJ) hoogganaa humna rokkeetii haleellaa qilleensaan Gaazaatti ajjeeste.
Komaandarri kuniifi hidhattoonni PIJ lama biroo haleellaa gamoo darbii shanaffaarra raawwateen ajjeefamuu himte.
Gamoon manneenii kun dhiyeenya Khan Younis'tti kan argamu oggaa tahu, kibba bulchiinsichaattiitti argama.
Gaafa Roobii hidhattoonni Gaazaa, rokeettiiwan 500 ol Israa'elitti dhukaasan.
Waraanni Israa'el iddoowwan 130 Gaazaa keessaa qiyaaffachuun kan rukutte ennaa tahu, kunis ji'oota sagal keessa lola isa guddaadha.
Israa'el Kibxata ganama Gaazaatti erga PIJ irratti oppireeshinii eegaltee booda, namoonni 25 lubbuu dhabuu Ministeerri Fayyaa Paalastaayin himeera. Kanneen keessaa yoo xiqqaate lammileen nagaa 10 kan argaman ennaa tahu, sadan isaanii qondaalota PIJ'ti.
Waraanni Israa'el gamasaan Gaazaatti daa'imman sadii dabalatee namoonni afur, rokkeetiin bakka qiyyaafannaa isaa hanqachuun ajjeefamuu hima. Kun garuu maddeen Paalastaayin irraa deebii eeyyeentaa hin arganne.
Israa'elitti haga ammaa namni lubbuun darbe hinjiru, haatahu malee qondaalonni fayyaa akka jedhanitti, namoonni hedduun bakka dahoo seenuuf ennaa ariifatan miidhaan irra gaheera.
Haleellaa ganama obboroo Khan Younis'tti raawwateen, dursaan garee misaayelaa Hassan Ghali yookaan Abu Mohaammad jedhamuunis beekamu ajjeefamuusaa PIJ mirkaneesseera.
Ajjeechaa kanaanis "ajjeechaa hamaa warra Zionist" jechuun ibsan.
Garee hidhattootaa Gaazaatti socho'an keessaa PIJ'n garee Hamaasitti aanee guddinaan lammaffaarra taa'a.
Hamaas bulchiinsa Gaazaa kan ofharkaa qabu oggaa tahu, haleellaawwan rokkeetii hedduu waggoota dhiyoon asitti Israa'elitti raawwataniif itti gaafatamummaa fudhata.
Humni Waraanaa Israa'el (IDF) qondaala waraanaa Ghali irratti qiyyaafachuu kan mirkaneesse ennaa tahu, "miseensota Islaamik Jihaad Gaazaa keessaa biroo lamas" rukutuu mirkaneesse.
Komaandarri ajjeefame kun PIJ keessa gahee olaanaa nama qabuufi "haleellaa rokkeetii walitti fufaa dhiyeenya kana Israa'elitti raawwataniif kan itti gaafatamudha," jechuunis ibsan.