Daandii qilleensaa dubartoota ulfaa hojiirraa dhorku

Daandiin Qilleensaa Singaappor dhiheenya kana imaammata hojjettoota ulfaa irratti qabu haqeera
Maxxanfame

''Hojiin koo ijoon xiyyaara irra hojjechuu waan ta'eef hojii biraan waldorgomsiisee filannoo biraa soquuf sababa tokkollee hin qabun ture.

Kun nama hundaaf waan hojjetuuf yeroo gabaabaa keessatti narratti jijjiirama jedhee hin yaadne,'' jetti Kilara Fu.

Dubartiin kun garaatti baachuushee wayita bartu, gammachuun isheen hojiisheef qabdu battaluma gaddaa fi yaaddootti jijjiirame.

Daandii Qilleensaa Singaappor keessatti xiyyaara keessatti maamiloota keessummeessuun hojjechaa kan turte dubartiin kun, hojiishee gadhiisuu akka qabdu dursitee barte.

Sababni isaas daandiin qilleensaa kun dubartoonni ulfaa'anii ji'a sadi keessatti hojii itti fufuu akka hin dandeenye kaa'ee waan jiruuf.

Kilara Fu erga deessee booda hojiisheetti deebitus ammas kan biraa ulfooftee hojii dhaabuuf dirqamte.

Maatiishee kophaa kan jiraachiftu waan ta'eef osoo garaadhaa qabduu dhokfattee hojjechaa turte, garuu ji'a shan booda wayita imalaan tokko ulfa garaashee baru yogguma sana hojiishee dhaabde.

''Baayyee ulfaataa ture. Hangan danda'etti akkuma duraatti hojiikoo itti fufuuf yaaleera,'' jette Kilara Fu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Imaammati Daandii Qilleensaa jaarraa walakkaaf ture kun Adoolessa darbe akka hafu murtaa'ee ture.

Garuu sababii biyyattiin seera farra qoollifannaa (anti-discrimination law) hin qabneef ammallee Singaappor keessatti seera qabeessaan hojiirra oola jedha Dhaabbata Seeraa Simmons and Simmons Law jedhamurraa Clarence Ding.

"Kun imaammanni Daandii Qilleensaa Singaappor (SIA) rakkoo hin qabu jechuu miti. [Qajeelfamni qaxarrii Singaapoor] hojjechiistonni gochaalee qaxarrii haqa qabeessa ta'e hojiirra oolchuu akka qaban ibsa," jedha.

"Qajeelfamni kun humna seeraa hin qabu. Adabbii kamiyyuu kan hin kabajneef hin kaa'u. Sababni dhaabbileen qajeelfama kana hordofaniif, Ministeerri Humna Namaa (MOM) irra deddeebiin hojjechiistonni hundi akkas gochuu akka qaban ibsee waan tureef qofa, " jedhe Obbo Ding itti dabaluudhaan.

SIAn jijjiirama kanaaf sababa kan hin ibsine ta’us, daandiiwwan qilleensaa addunyaa yeroo weerara koronaavaayirasii jumlaan hojii irraa ari’amanii booda hanqina hojjettootaa wajjin rakkachaa yeroo turanitti kan ta’edha.

Seera haaraa kanaan hojjettoonni balalii garaatti batan hanga ji'a sagaliitti gara gahee biraatti akka geeffaman, erga da'anii booda ammoo gara balali'uutti akka deebi'an iyyachuu ni danda'u.

Daandii qilleensaa Singaappor keessa turuuf maatii horachuu dhiisuu yookiin hojii dhiisuun dirqama jetti dubartiin bara 1980oota keessa daandii qilleensaa kana keessa hojjechaa turte Elizabeth Low.

Ashley Hong waggaa lamaaf erga hojjettee booda sababa ulfoofteef bara 2011 hojiishee dhabde.

Dubartoonni ulfaa nageenyasaaniif jecha xiyyaaraan balali'uu dhaabuun waan dansaadha jettee kan amantu dubartiin kun, garuu osoo carraa argattee kubbaaniyyaa kana keessa turtee akka gammaddu ibsite.

"Hundi keenyayyuu wayita hojii kanaaf mallatteessinu, hojiin sun daangaa akka qabuu fi yoo ulfoofne guyyaa xumuraa akka qabaatu bareechinee beekuudhaan ture," jetti Aadde Hoong.

Waldaan Dubartootaa Singaappor- Singapore's Association of Women for Action and Research (Aware) jedhamu waggoota kurnaa oliif gocha kana mormuun dubbataa ture.

Gareen kun hojjettoota daandii qilleensaa hojii gadhiisuuf dirqaman ilaalchisee komiin akka isa qaqqabe ibseera.

Bara 2010tti daandiin qilleensaa-SIAn hojjettoonni balalii ulfa ta'an hojii akka gadhiisan akka gaafatu ibseera.

Sababiin isaas "hojjettoonni xiyyaaraa hundi hojii isaanii raawwachuuf ga'umsa qabaachuu qabu,'' kan jedhuudha.

Daandiin xiyyaaraa kun deebii gaazexaa Singaapoor Straits Times irratti maxxanseen, ''Akka hojjechiisaa itti gaafatamummaa qabuutti fayyaa qaamaa hojjettoota xiyyaaraa ulfaa fi ijoollee isaanii garaa keessa jiran balaadhaaf saaxiluu hin qabnu,'' jedheera.

Waldaan Geejjibaa Qilleensaa Idil-addunyaa (Iata) imaammata kana irratti yaada tokkollee akka hin qabne BBC'tti himeera, sababiin isaas ''kun imaammata humna namaa dhaabbilee dhuunfaatiin qophaa'e waan ta'eef'' jedheera. Daandiiwwan xiyyaaraa gurguddoon biroo hojjettoonni xiyyaaraa ulfaa ta'an hojii akka gadhiisan hin gaafanne. Hojjettoonni ulfaa Daandii Xiyyaaraa Biriteen, Daandii Xiyyaaraa Qaataar fi Qaantas keessatti hojjetan ulfaa'anis hojiin ni kennamaaf.