Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa birrii biil. 5 Maqaleetti ergu eegale
Baankiin biyyaalessa Itoophiyaa birri biiliyoona shan gara naannoo Tigraay erguu eegaluu Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa MM, Ambaasaadar Reediwaan Husseen ibsan.
Naannoon Tigraay erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee waggoota lamaaf tajaajila baankiin ala ta'ee ture.
Ambaasaadar Reediwaan akka jedhaniitti, maalaqni kuni gara maqaleetti ergamu kan eegale haaluma qajeelfama Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad tibbana dabarsaniini.
MM Abiy Ahimad waraanni Kaaba Itoophiyaatti erga eegalee booda Jimaata Guraandhala 3, 2023 yeroo jalqabaatiif qondaaltoota Tigraay waliin qaamaan wal arguun haala hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa irratti marii taasisuun isaanii ni yaadatama.
Marii qondaaltootni miseensoota koree qindeessituu waliigalte nagaa, mootummaa federaalaafi Tigraay irraa qondaaltota olaanoo irratti argaman, naannoo uummatoota Kibbaa bakka Halaalaa Keellaa jedhamuutti taa’ame.
Walgahii kanarratti MM Abiy dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan irratti kallattii kaa’un ni yaadatama.
Haaluma kanaanis balaliinsiwwan gara naannichaatti taasifaman akka dabalaniifi tajaajilli baankii akka saffisuuf MM Abiyiin qajeelfamni kennamu Ambaasaadar Reediwaan beksiisuun isaanii ni yaadatama.
Maallaqani amma gara Maqaleetti ergame kunis guyyaa Wiixataa irraa kaasee kan raabsamu ta’a jedhan, Gorsaan Nageenya biyyaaleessaa Ministira Mummee Abiy, Ambaasaadar Reediwaan Huseen beeksiisa.
Ambaasaadar Reediwaan toora tiwitara isaanii irratti akka himanitti, maallaqni amma gara naannichaatti ergamu kan kanaan dura ergame birri miiliyoona 20n wali biratti yoo ilaalamee kan dacha baayyee caaluudha jedhan.
Kana malees, erga waliigalteen nagaa mootummaa federaalaafi TPLF waliin baatii sadiin dura Afriikaa Kibbaatti taasifameen booda tajaajila balalii adda citee ture deebisee kan eegale Daandiin Qilleensaa Itoophiyaas balaliinsa isaa gara Maqaleetti taasisuu dabalu himaniiru Ambaasaadar Rediwaan.
Haaluma kanaanis daandiin qilleensa Itoophiyaa balalii isaa guyyaatti gara Maqaleetti yeroo sadii taasisaa ture Sambata Guraandhala 4, 2023 irraa kaasee gara shaniitti guddachu barreessaniiru Gorsaan kun.
Sababii waraana Naannoo Tigraayitti waggaa lamaan darbaniif gaggeeffamaa tureetiin walqabate baankii dabalatee, tajaajjiliiwwan hawaasummaa hundi adda citunanii akka turan ni yaadatama.
Amma erga waliigaltee nagaa mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay jidduutti Afriikaa Kibbaa- Piritotiyaatti taasifamen booda tajaajilwwan hawaasummaa kunneen wal jalaan deebii’aa jiraachu madden naannichaa ni himu.