Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigiraay, Adi Daherootti xiyyaarri namoota nagaa haleeleeraa?
''Haleellaan xiyyaaraa wayita nu ijoolleekoo wajjin TV daawwata turre tasa nurra gahe'' jedha namni haleellaa Fulbaana gara xumuraa magaalaa naannoo Tigiraayitti argamtu Adi Daherootti qaqqabeen miidhaman.
Haleellaa sanaan namoonni saddeet du’uun, namoonni hedduun madaa’uutu gabaafame.
Adi Daheroon dirree lolaa, iddoo hidhattoonni TPLF humnoota waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa wajjiin itti wal-waraananitti dhiyoo turte.
Waanta yeroo sanatti mudate ilaalchisee odeeffannoo wal-faalleesanitu himamaa ture- Taatullee gaazixessitoonni naaannicha akka hin geenye daangeeffamaniiru.
Viidiyoowwan muraasni naannichaa bahanii fi suuraa saatalaayitii naannichaa argamaniirra walitti gumeessuu yaalleera.
Waa’ee haleellaa qaqqabee maaltu jedhame?
TPLF haleellaa sana humna qilleensaa Ertiraatu manneen jireenyaa naannoo Adi Daherootti Fulbaana 27 raawwatee jedhee himata.
''Boombii darbatanii namooota nagaa heddu ajjeesan, namoota nagaa hedduu madeessanii, manneen daaraa godhani,'' jedhe TPLF.
Qondaalli olaanaa Tigiraayi Kindiyaa Gibirehiwoot, jeettii waraanaa Ertiraa MiG-29 jedhamutu haleellaa sana raawwate jedha.
Mootummaan Itoophiyaa akka jedhutti, xiyyaaronni isaa Fulbaana 27 magaalicha haleele, haleellaa kan raawwatame maadheewwan waraanaa TPLFtti hidhata qaban qofaadha jedha.
Dhugummaa dhimmoota wayitawoo mirkaneessuurratti kan xiyyeefatu toorri mootummaatti hidhata qabu’ Ethiopia Current Issues Fact Check’ tiwitaraa gubbaatti hidhattonni TPLF haleellaan sun namoota nagaarratti qiyyaafachuu kan himan dharaa jedhe.
Waraanni Itoophiyaa akka jedhutti, qabeenya waraanaaf oolfamu otoo tarkaanfiin irratti hin fudhatamiin dursa iddoowwan namoonni nagaan jiraniirraa adda baafamutu mirkaneeffama jedhe.
Waa’ee haleellaa sanaa ragaa maaltu jira?
Viidiyoon haleellaa qaqqabe ilaallatu baheera, muraasni isaa gartuu Tv Tigiraayiin toora intarneetiirratti maxxanfame.
Viidiyoon tokko haleellaan naannicha Fulbaana 27tti qaqqabuu agarsiisa, viidiyoon sun Adi Daheroorraa ta’uu hima.
Taatullee nama viidiyoo sana jalaqaba waraabe adda baasun hin danda’amne.
Viidiyoon guyyaa ittaanu -Fulbaana 28 Tigiraayi TV irratti bahes jira- Vidiyoon sun huccuu namoota nagaa uffatanii namoota manneen jijjigan jalaa namoota miidhaman barbaadan agarsiisa.
Viidiyoo sanarratti dubartootaa fi daa’imman ni mul’atu turan- yeroo tokko dubartiin tokko wayita mana diigame jalaa baafamtu agarsiisa.
Dhiiroonni lama uffata namoota nagaa uffatanii, lamaanuu qawwee hidhachuu agarsiisa, taatullee namoonni kun eenyu akka ta’an hin beeknu.
Kutaalee Itoophiyaa muraasa keessatti qawwee hidhatanii hawaasa keessatti mul’’achuun baratamaadha, taatullee naannicha yeroo sanatti hidhattoota TPLF tu to’ata ture.
Namoonni viidiyoo sanarratti namoonni gaafataman akka himanitti Masqalli darbe guyyaa callisaa ture jedhan.
''Waan kun ni raawwata jennee hin yaadne. Naannichatti sochiin waraanaa gaggeeffamaa hin turre.
Naannichi iddoo namoonni hiyyeeyyiin jiraatani,'' jettee dubartiin TV Tigiraayirratti haasofte.
Iddoon sun Adi Dahiroo ta’uu waantoonni akeeekan jiru.
Viiidiyoo tokko tulluuwwan naannicha addatti mul’atan duubarraa agarsiisa, suuraan kun kaartaa Guugilirratti Dhiha magaala Adi Daheroo ta’uu agarsiisa.
Namni viidiyoo sana waraabe masjiida naannichatti argamu sekondiif mul’iseera.
Kunis suuraa Guugilirratti Adi Daheroo ta’uu agarsiisudha.
Masjiidichi Kaaba bakkichaatti argama. Manneen jireenya toora galanii ijaaraman mul’isa ture.
BBC ragaalee saatalaayitii duraanii amma wal bira qabee ilaaleera. Suuraa Onkoloolessa 1,2022 naannicha kaafame bakkicha iddoon murtaa’e tokkotti mancaatii qaqqabe agarsiisa.
Badiin qaqqabe kun suuura jalqaba bara kanaatti kaafamerra hin jiru. Taatullee Onkoloolessa 1,2022 maaltu badii sana akka qaqqabsiise suuraan sun qulqullinaan hin agarsiisu.
Mootummaan Itoophiyaaa maal jedhe?
Qondaaltoti Itoophiyaa maadheen waraanaa haleelame Adi Dahiroo jiraachu gaafanneerra, garuu deebii hin arganne.
Mootummaan Itoophiyaa, TPLF namoota nagaa fi bu’uuraalee misoomaa namoota nagaa da’eeffata jechuun himata.
''Mootummaan miidhaa namoota nagaarra qaqqabutti ni gaabba, miidhaan qaqqabu akkasi ni qorata'' jedhe.
Haleellaan xiyyaaraa naannolee biroottis ni qaqqaba, garu tajaajilli qunnamtii addaan waan citeef mirkaneeffachuuf rakkisaa ta’eera.
Koreen lubbu-baraarsaa addunyaa hojjataan isaa tokko Onkoloolessa 14 haleellaa Shireetti qaqqabeen ajjeeffamuu ibseera.
Haleellaa biraatiin namoonni nagaan madaa’utu himame, garuu qaama walabaarra mirkaneeffachuun dhibaadha.
Gamtaan Awurooppaa ''dirooniidhaan naannoo hawaasni itti baayyatan haleeluun, namoota balaaf baayyee hamaa saaaxilamoo taasisa'' jedheera.