Meerii Aan: 'Osoon daandii qaxxaamuraa jiruu hirribni na qaba'

Madda suuraa, Mary Anne
Yeroodhaaf yokaan bakka hirribni akka tasaa isinitti dhufuu dandaʼu fi garuu toʼachuu hin dandeenye jireenya keessan keessatti jiraachuu tilmaamtanii beektuu?
Namoonni osoo deemanuu akka tasaa daandiirratti osoo hin hanfne hirriinni itti dhufu jiru. Kunis sababii dhukkubaatiin kan mudatuudha.
Dhukkubni kun ‘Narcolepsy’ jedhamuun beekama. Rakkoon kunis jireenya Meerii Aan Njugunaa kan ibsuudha.
Dubartii lammii Keeniyaa taate Meeriin, erga waggaa 14 guuttee kaasee jireenya ishee keessatti jijjiiramni guddaan akka mudate hubatte. Innis amala haaraa yeroo hunda to’annoosheen ala ishee rafisuu horatte.
“Kanaaf yeroo tokko tokkoo osoon kutaa mana taa'ee ciree nyaadhullee hirribaanan qabama,” jetti.

Madda suuraa, Mary Anne
Dhibeen kun akkamitti jalqabe?
Shamarreen tun yeroo barnoota sadarkaa tokkoffaa xumurtu yaaddoon akka ishee jalqabe dubbatti.
"Ganama yeroo hunda akka waan halkan guutuu hin rafneettan baay'ee dadhabeen hirribaa ka'a ture. Yeroo sanatti waan ta'aa jirus naaf hin galle ture. Halkan rafuus, guyyaas hirribni koo itti fufa ture.”
Kanaafu, yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa seentu jireenyi Meeriif salphaa hin turre. Sababa yeroo hunda hirribni ishee qabuf jecha, keessumaa yeroo daree keessa jirtuutti, barsiisota ishee waliin hariiroo gaarii hin qabdu turte.
Amala gadhee kan qabdu itti fakkaate malee maaliif yeroo hunda akka raftu hin hubannef turan.
“Wanti baay'ee nama ajaa'ibu ammoo daree keessatti osoon barreeffama fudhachaa jiruu nan rafaa ture. Akkasumas mana barumsatti yeroo hiriira baanulleen bakkuman dhaabadhutti hirribni na fudhachaa ture.”
Meeriin akka jettutti, barsiiftonnii fi barattoonni ishee waliin baratan ishee wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka hin barbaanne dubbatti.

Madda suuraa, Mary Anne
Wal'aansa barbaaduu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haalli kun caalaatti Meerii yaaddessaa waan dhufeef, isheenis walaansa fayyaa barbaacha deemte. Qorannoon booda dhukkuba narkolepsi akka qabdu itti himame.
Yeroo sanaa kaasee Meeriin wal'aansa hedduu fudhachuu jalqabde, isaan keessaa kiniinii guyyaa guyyaa fudhattu qabdi.
Dhibeen kun carraa hubannoo akka isheef kennee fi malawwan adda addaa kan qoricha guyyaa osoo hin fudhannee ittiin hirriba tasaa ittiin ittisuuf itti fayyadamuu dandeettu akka barate dubbatti.
Fakkeenyaaf, hirriba tasaa irra of eeguuf, guyyaa keessatti sa’aatii muraasaa raftuuf murteessite.
Garuu jireenyashee keessatti wantisheen hin daganne tokko akka jiru dubbatti. Innis ''Osoon daandii qaxxaamuraa irra jiruun hirriibni na qabe'' ture jetti.
Guyyaa sanas waan baay'ee akka hin yaadanne dubbatti, garuu sammuu ishee keessatti sagalee gaanfa konkolaataa saffisaan dhufaa turee yaadatti.
Daandii cinaatti of arguu malee akkamiin akka qaxxaamurte hin beektu, namoonni ishee gargaarus hin beektu, akka dubbauutti.
Sunis balaa dhukkuba Narcolepsy kanaan qabamu akka ta'e dubbatti.

Madda suuraa, Mary Anne
Narcolepsy dhukkuba akkami?
Akka Dhaabbanni Keenyaatti dhibee Narcolepsy irrattu hojjatu tokko jedhutti, dhibeen kun rakkoon sirna narvii yeroo dheeraatiin dhufuufi dandeettii irriiba rafuufi dammachu to'achuu hir'isuudha.
Mallattooleen dhukkuba kanaas yeroo baay'ee guyyaa keessa irriibni nama qabachuu, osoo itti hin yaadiin yeroo gabaabduuf silimmiin rakkaachuudha.
Fakeenyaaf, namni rakkoo kana qabu osoo haasa’uu, osoo nyaata sooratuu ykn osoo konkolaataa oofanilleen hirribni fudhachuu danda’a.
Akkasumas, alkan rafaa erga bulanii booda ganama hirribaa ka’uufis rakkina guddaa qabaachuu danda’a.
Dhukkubsataan yeroo barnootaa ykn sa'aatii hojiitti dammaquun rakkisaa ta'uu danda'a, kunis jireenya rakkisaa akka jiraatan taasisa.
Kana malees dhiibbaan kanaas irra caalaanis nama dhukkuba kanaan qabame akka cimina maashaa dhabuuf saaxilu himama.












