Hafteen lafee reeppitaayilii addaa balali'aa ture Iskootilaanditti argame

Teroosooras

Madda suuraa, NHM & WHITTON

Maxxanfame

Sanyiin reeppitaayilii balali'uu Teroosoor jedhamu waggaa 168-166 miiliyoona dura jiraacha ture Iskootilaand, Ayiil of Iskaayitti argame.

Hafteen lafeesaa kaattuu (baallee), gatiittii, miilaafi lafeen dugdaa galaana qarqara kattaa jalatti argamuus mataansaa garuu hin argamen.

Saayintistoonni Tersoosoor Iskootilaand keessatti argachuu isaanii waan hin eegamne jedhaniiru - baay'inaan Chaayinaa keessatti akka jiraatan gatii yaadamuuf.

Uumamni Koliyoopteeraa jedhamu sanyii Teroosoor Iskootilaanditti argamedha.

Hafteewwan kunneen lafee bara Juraasik Giddugalaa kan jedhaman yoo tahu sanyiin isaanii baay'inaan hin argamuu jedhan Yunivarsiitii Biriitalitti moodeelii haftee lafee kanaa 3D dhaan kan hojjetan Dr Liiz Maartiin-Siilvarstoon.

''Yeroo sana keessaa waan lafee tokko caalu argachuun waan akkaan nama gammachiisudha,'' jette.

Uumamni kuni kaattuunsaa meetira 1-1.5 akka tahuu malu tilmaamama.

Piroofeesar Istiiv Biruusee uumamni kuni Iskootilaandiif addadha sababiinsaas qorannoon gosa teeroosoorii bara duriifi gulantaa jijjirama tirannaa olaane gidduu jiraatan agarsiisaa jedhan.

''Kana jechuun simbirroon uumamuun dura teeroosariitu abbaa samii ture. Teeroosariin gosa bineensaa Iskootilaand keessatti mataa daayinoosarii gubbaatti kaachaa turan,'' jedhan.

Piroofeesar Biruuseen bara 2022tti piroojektii biraa gosa teeroosarii Deerk jedhamu argate hoggananii turan.

Bara Juuraasikii keessa Iskootilaand odola qixxalamaan Galaana Atilaantikitti kan argamtu yoo tahu, haalli qilleesnaa yerooshee gariin ho'aa ture.

Saayintistoonni Godambaa Seenaa Uumamaa, haftee lafee kana kattaa jalatti awwaalamee jiru yeroo jalqabaaf kan argatan bara 2006tti ture.

''Yeroos lafee gurraacha dhakaa daalachaa jalatti barbaadaa turre. Harkiifi miilaan lowaa lafee xiqqoo argachuuf yaalaa turre,'' jechuun yeroos abuurraa irra kan turan Dr Pool Baaree dubbatu.

Sana booda gareen kana dalagaa ture lafee lallaaftuu qabatee akka hin miidhamneef gara Landan deeme.

Dhakaa nooraa itti qabate irraa baasanii lafee akka qorannoof tahuutti qopheessuun hojii sa'atii kumaatamaan lakkaa'amu fudhatedha.

Jalqaba asiidii fayyadamuun bulbuluun samuudasaa erga iskaan godhaniin booda gosa foosilii ykn haftee lafee kanaa maxxansuun uummataaf dhiyeessan.

''Gareen reeppitaayilii balali'an kunneen isa duraan yaadamaa tureen addatti baroota durii keessatti babal'achaa turan,'' Dr Baareen.

Uumamni kuni damee teeroosaras Daarwwiinoopteeraa jedhaman keessaati. Akka qorannoon agarsiisuutti uumamni kuni waggaa miiliyoona 25 caalaa lafa kanarra jiraataniiru. Bara jalqabaa Juuraasiik irraa hanga bara dhumaa Juuraasikitti jedhan Dr Maartiin Siilvarstoon.

Bu'aan qorannoo kanaa joornaalii Journal of Vertebrate Paleontology jedhamu irratti maxxanfame.