'Bineensonni sagalee leencaarra kan namaa sodaatu' - Qorannoo

Maxxanfame

Qorannoon Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame akka agarsiisutti, bineensonni bosoonaa sagalee lencaa caalaa kan namaa sodaatu.

Qorannichis paarkii Biyyaalessaa Kiruugar kan Afrikaa Kibbaatti argamutti kan gaggeeffame yoo ta'u, namni yoo haasa'u sagalee guddistuudhaan paarkicha keessatti akka dhagahamu godhametti, bineensonni sagalee namaa dhagahan %95 ta'an baay'ee sodaatanii fiigan.

Faallaa sagalee namaa immoo sagaleen leencaa yeroo baroodu paarkicha keessatti sagalee guddistuun akka dhagahamu godhamee bineensonni garuu kan sagalee namaa bir'aranii hin fiigne.

Qorattoonni akka jedhanitti, bineensonni akka arbaa fa'aa baka sagaleen leencaa irraa dhufu barbaadaa akka turaniifi dhaqanii loluu barbaadu.

Qorannoo kanaaf bineensonni akka fakkeenyatti fudhataman arba, kuruphee, bosonuu, sattawwaa, qerransa, booyyee fa'aa yoo ta'an sababni isaan sagalee namaa sodaataniif namoonni yeroo heddu bineensota kana waan adamsaniifi.

Paarkii Biyyaalessa Afrikaa Kibbaa keessatti qofa osoo hin taane, guutudhuma addunyaattuu bineensonni bineensa isaan adamsu kan biraarra nama akka sodaatan ifa godhe qorannoon kun.

Akka qorattoonni kun jedhanitti, keessumaa naannowwan turistoonni itti heddummatanitti rakkoo guddaa uuma. Sababni isaa turistoonni bineensota hawwachuuf jecha sagaleen dhageessisan isaan sodaachisa waan ta'eef.

Qorattoota kana keessaa tokko kan ta'an Dr. Liyaanaa Zaanet BBCtti akka himanitti qorannoon isaanii walitti dhufeenyi bineensota adamsaniifi kanneen adamsamanii dhiibbaa inni naannoosaanirrati qaburratti kan xiyyeeffatuudha.

"Bineensonni warra kaan adamsanii yoo nyaatan, lakkoofsi warra adamsanii akka xiqqaatu beekamaadha, garuummoo qorannoo keenyan kan nuti mirkaneessine sodaan isaan mudatuyyuu lakkoofsasaanii akka hir'isuudha," jedhan.

Gama biraan ammoo argannoon qorannoo kanaa sanyiiwwan bineensotaa badiisarra jiran kunuunsufis carraa kan baneedha jedhan qorattoonni.

Dabalataanis, sagaleen namaa akka ta'utti yoo fayidaarra oole bineensota adamoo seeran alaarraa ittisuufis akka gargaaru himan qorattoonni kun.