Namtichi dubartoota haati warraasaa duraanii ulfa akka baastuuf gargaaran beenyaa $1m gaafate

Dubartii kiniinii qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ameerikaa Teeksaasiitti namtichi dubartoota haatii warraasaa duraanii akka kiniinii ulfa baasu argattu taasisan jedhe sadii irratti himannaa bane.

Himannaan dhiyaatee kunis akka seeraa bulchiinsa Teeksaasiitti ''namni dubartiin ulfaa tokko akka kiniinii ofiin ulfa baasuuf gargaaruu akka argattu deeggarsa taasise akka yakka ajjeechaa raawwateetti ilaalama'' jedha.

Himannaan Obbo Maarkuus Silvaa kunis irra caalaa kan ergaa barreeffamaa haadha warraa saa duraaniifi dubartoota sadii jidduutti taasifame irratti kan bu'uurreeffateedha.

Himannaan kunis erga Manni Murtii Olaanaa mirga ulfa baasuu dhorkeen booda yoo dhiyaatu kun kan jalqabaati.

Obboo Silivaan badii qaqabeef beenyaa doolaara miiliyoona tokkoo gaafateera. Hiriyoonni haadha warraa isaa duraaniis deeggarsa bakka itti argachuu dandeessuu, garee idili-addunyaa qoricha ulfa baasuu karaa poostaatiin erguu ilaalchiisuun barreessaniif.

Haatii warraa nama kanaa duraanii tunis yoo ulfa ta'u ishee bare akka isa waliin jiraattu akka ishee dirqisiisuu yaadda'u ibsite.

Dubartoota keessaa isheen tokkoo ammoo kiniinii ulfa baasuu haadha warraa Obbo Silivaatiif geessite jedha himannichi.

Akkasumas dubartoonni kunneen haatii warraa Obbo Silivaa akka ulfa ta'ushee isa dhoksiituuf barreeffama erguufis himannicharratti kaa'ameera.

Haatii warraa duraanii Obboo Silivaa kan akka himatamtuu jedhamuucaqafames, eenyuu akka taatee maqaadhaan hin eeamne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Silivaafi dubartii tun waliin ijoollee dubaraa lama akka qaban himnicha irratti eerameera.

Isheenis Caamsaa bara 2022 keessa gaa'ilashee hiikuudhaaf iyyata galfattee dhimmisaanii Guraandhala 2023 xumurame. Himannichis akka ulfa taatee Adooleessa 2022 keessaa erga Manni Murtii Olaanaan seera ulfa baasuu hayyamu dhorkeen booda barte.

Haata'u malee osoo seerichi hojiirra hin ooliin baatii tokkoon dura ulficha ofirraa baafte. Haata'u malee yoo lubbuu haadhaa irratti balaa qabaachuunaa mirkanaa'een alatti ulfa baasuun seera bulchiinsichaatiin yakkadha.

Dhorkaan kun osoo hojiirra hin oolfamiin duras bulchiinsicha keessatti ulfa baasuu ilaalchisee dhorkaawwan biraas turaniiru.

Teeksaasii seera ulfa torban jahaan booda baasuun seeraan ala taasisuu bara 2021 keessaa baase. Seerichis lammiileen nama beekaa ulfa baasee, ykn nama ulfa baasuudhaaf deeggarsa taasisuu kamuu akka himataniif mirga kenna.

Torban darbee ammoo dubartoonni shan bulchiinsa Teeksaas balaa fayyaa lubbuuf sodaachisaa ta'e keessatti akka tajaajila ulfa baasuu hin argannee taasifameera jechuun himannaa dhiyeessan.